Saawwi dinkiin Baangilaadesh hawwata daawwattootaa beekamtuu taate

Daawwattoonni hedduun iddoo horsiisa loonii Baangilaadesh saani beekamtii addaa horatte tokko argamtutti yaa’uutti jiru.

Saawwi dinkiin (qonxolummaa qabdu) beekamtii argatte kun maqaan ‘Raani’ jedhu mogga'eeraaf.

Saani kun erga dhalattee waggaa lama guutuuf ji'i tokko hafe (ji’oota 23 lakkoofsifte) kun seentimeetira 51 qofa dheeratti, ulfaatinnii ishees kg28 qofa.

Uggurri weerara Covid ittisuuf akka biyyaaleessatti wayita labsame kanatti otoo hin hafiin namoonnii 15,000 ol ta’an Raanii iddoo horsiisa loonii Charigram jedhamu, magaalaa guddoo biyyattii Daakaa biratti argamu dhaqanii daawwachuutu gabaafame.

Maanejarri iddoo horsiisa loowwan kanaa Hasan Howladar, galmee waantotni dinqisiisoon irratti galmaa’u 'Guinness Book of Records' irratti sa’aa baayyee xiqqoo addunyaa jechuun galmeeessisuuf yaada dhiyeessaniiru.

‘’Jireenyakoo keessatti waan akkasii takkaa argee hin beeku’’ jechuun Riina Begum sa’a kana erga ilaalte booda BBC Afaan Beengalitti himte.

Aab Howladar bara darbe Raanii iddoo horsiisa loonii Kaaba-Dhiha Baangilaadeshitti argamu bitani.

Aab Howladar akka jedhutti, saani isaanii kun deemufillee ni rakkatti, kana qofa miti, loon biroo waan sodaattuuf loon kaan keessaa addatti baafnee tursiifne jedhan.

‘’Soorata baay’ee hin nyaattu, midhaan hororameefi galabaa guyyaatti si’a lama nyaatti’’ jedhan Aab Howladar.

‘’Bakkee keessa deemuu jaalatti, wayita harkaan hooksinu gamaddi’’ jedhan.

Addunyaarratti sa’aa akkaan bicuu kan turte Manikyam kan jedhamtu yoo taatu, gooba isheerra kaase hanga qeensa miilaatti seentimeetira 61.1 kan dheerattu Indiyaa keessatti argamtee turte.

Aab Howladar BBCtti akka himanitti qorattoonni galmee Guinness Book of Records barana iddoo horsiisa loonii Raaniin keessatti argamtu dhaqanii gonfoon sa’aa hunda caala xiqqoo akka isheef malu mirkanneessuuf jiru.

Torbanoota muraasa ayyaana Iid al-Adahaa gahuuf ka’etti Raanii qalmaaf gurguramu dandeessi hamiin jedhullee tureera.

Hoggantoonni iddoo horsiisa loonii kanaa garuu Raanii waliin karoorichi wal hinqabatu jedhaniiru.