Iraan Yuraaniyamii gabbate omishuu eegaluun abdii marii Niwukileeraa dukkaneesse

Iraan Yuraaniyamii gabbate kan meeshaa waraanaa niwukileeraa omishuu ishee dandeessisu omishuu eegalte jedhe qaamni UN dhimma niwukileeraa hordofu.

Iraan garuu kana kan omishaa jirtu hojii qorannoof boba'aa omishuuf akka ta'e Eejansii Inarjii Atoomawaa Idil-addunyaatti himteetti.

Aanga'oonni Biriteen, Firaans fi Jarmanii gochi Iraan kun tattaaffii marii niwukileeraa bara 2015 deebisanii haaromsanii eegaluuf godhamutti danqaa uuma.

Ameerikaan gama isheetiin "tarkaanfii of-duuba deebi'uuti" jetti.

Amma dura waliigaltee 'Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA)' jedhamuun Iraan niwukileera gabbisuu akka hin dandeenye daangeffamni irra kaa'amee ture.

Ameerikaa fi Awurooppaan ammoo qoqqobbii diinagdee Iraanirra kaa'an kaasuuf waliigalanii turan.

Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp bara 2018 waliigaltee kana keessaa Ameerikaa baasuu hordofeeti Iraan waliigalticha cabsuu kan eegalte.

Tiraamp qoqqobbii dabalataas Iraanirra kaa'anii turan.

Amma Ameerikaa fi Awurooppaan waliigaltichi hojiitti akka deebi'u mariitti jiru.

Mariin waliigalticha hojiitti deebisuuf godhamaa jiru kan eegale Eebla keessa yoo ta'u, Waxabajjii 20 Viyeenaatti itti fufee, marii itti aanuuf yeroon hin qabamne.

Pireezidanti Joo Baayidan qoqqobbii Tiraamp Iraanirra kaa'an hin kaafne.

Pireezidantii Iraan ta'uun kan filaman Ibraahiim Rayisii, Iraan waliigaltichatti akka deebitu Ameerikaan qoqqobbii akka kaaftu fedhu.

UK, Firaans fi Jarmaniin ibsa waloo baasaniin ammatti Iraan sababa Yuraaniyamii gabbate omishuun ishee barbaachisu hin jiru jedhan.

Biyyattiin gara marii Viyeenaa adda citeetti akka deebitus waamicha dhiyeessaniiru.

Ameerikaanis tarkaanfiin Yuraaniyamii gabbate omishuu eegaluu Iraan gara waliigaltee adda citeetti deebi'uun barbaachisaa ta'u himtee, garuu mariif guyyaa hin qabanne.