Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan US marsariitiiwwan oduu biyya Iraan 36 caalan uggure
Mootummaan US marsariitiiwwan oduu tamsaasan kanneen mootummaa Iraaniin hidhata qaban hedduusaaniin, odeessaalee dogongoraa dabarsaniiru jechuun ugguree to'annoosaa jala galche.
Kibxata kaleessaa marsariitiiwwan Iraan hedduun tooraan ala turan, hedduunsaanii mootummaa US'n qabamaniiru beeksisa jedhu fidaa turan.
Marsariitiiwwan US qabatte kunneen asxaa Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) fi Biiroo Daldalaa biyyattiin haguugamaniiru.
Miidiyaan biyya Iraan Press TV fi miidiyaan garee Houthi kan mootummaa Iraaniin deggeramu al-Masirah TV'n kanneen marsariitiin isaanii jalaa uggurame keessa jiru.
Tarkaanfiin kun erga marii dhimma niwukilaraa irratti waldhibdeen Iraan fi US gidduutti mudatee fudhatame.
Biiroon Haqaa US marsariitiiwwan TV fi Raadiyoo mootummaa Iraaniin hidhata qaban 33 akkasumas kan garee Hizboollaa sadi ugguruun to'annoosaa jala oolchuu Rooyitarsi gabaaseera.
Gareen Hizboollaas mootummaa Iraaniin waan deggeramuuf marsariitiinsaa uggurame.
Marsariitiiwwan kunneen erga ugguramanii to'annaa mootummaa US jala galanii booda doomeenii haaraadhaan tooratti deebi'aniiru.
US tarkaanfii akkasii fudhachuu kan eegalte barii filatamuu pirezidaantii haaraa Iraan Ibraahim Ra'iisiitti.
Erga Doonaald Tiraamp bara 2018 marii dhimma niwukilaraa Iraan dhiisanii keessaa ba'anii as michummaan US fi Iraan akkaan laafeera.
Mootummaan haaraan Doonaald booda dhufe kan Joo Baayidan marii sana itti fufsiisuuf yaalanis fedhiin gama lamaanuu jiru walsimuu dhabuurraa kan ka'e mariin dhiyeenya ture milkii malee adda citeera.
Dilbata darbe mariin marsaa ja'affaan Iraan fi biyyoota ja'an US, UK, Chaayinaa, Firaans, Raashiyaa fi Jarmanii gidduutti magaalaa Viyeenaatti taa'amus osoo bu'aa hin buusin adda citeera.
US wayita maddeen oduu biyya Iraan ugguruun to'attu kun isa jalqabaa miti.
Onkoloolessa darbe marsariitiiwwan 92 kanneen qabeenya Mootummaa Rippaablika Iraan ta'an oduu siyaasaa nama dogongorsu irratti bobba'aniiru jechuun uggurtee turte.
Mootummaan Iraan hanga ammaa dhimma kanarratti homaa hin jenne, miidiyaaleen biyyattii garuu tarkaanfiin mootummaa US walabummaa miidiyaa kan sarbuudha jechuun qeeqaa jiru.