Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: :Yeroo humnoonni TPLF Maqalee galan maaltu ta'e?
Humnoonni naannoo Tigraay waraana baatiiwwan saddeetiin ol tureen booda Waxabajji 28, 2021 magaalaa Maqalee yeroo deebisanii qabatan ummanni hedduun gammachuu ibsachuuf daandiitti bahan.
Jiraattoonni magaalattii alaabaa mirmiirsaafi richiitii dhukaasaa miira gammachuu isaanii akka ibsatan dubbatu.
Mootummaan federaalaa finciltoonni Tigraay kan riiformiiwwan siyaasaa diduun buufata waraana biyyattii kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwachuun himataman, baatii Sadaasaa keessa ture kan Maqalee keessaa ari'achuun to'atee ture.
Amma ammoo, naannichatti "gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhabuuf'' murteesse. Waraana naannichatti gaggeeffameenis namoonni kumaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kanneen kuma 350 ta'an ammoo beelaaf saaxilamaniiru.
Kana malees, kanneen miliyoona lamaa ol ta'an bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru.
Dhiheenya kana ammoo waraanni loltoota 'Humnootii Ittisa Tigraay' fi humnootii mootummaa federaalaa jidduutti Maqaleedhaan alatti cimuun gabaafamee ture.
Haata'u malee, haleellaan guyyaa Wiixata gaggeeffame ammoo finciltoonni osoo hin eegamiin deebiisanii magaalaa Maqalee qabachuu dandeessiseera. Kunis waraanaa cimaa naannichatti gaggeeffamaa tureef sadarkaa jijjirraa isa cimaa ta'uu mala.
Ibsa Mootummaa Biyyaaleessa Bulchiinsa Tigraay kan ofiin jedheen baheenis, 'injifannoo ajaa'ibaa' jedheen leelliseera. Itti dabaluunis, ''amma Maqaleen gutummaan guutuutti to'annaa Humnootii Ittisa Tigraay jala galtee jirrtis,'' jedheera.
Ibsichi dabaluunis, uummannifii humnootiin finciltootaa, ''hanaga Tigraay gutummaatti humnootii weerartootaa irraa bilisa taatuutti of eeggannoon'' akka turaniif waamicha taasiseera.
Dubbi Himaan gare fincltootaa Obbo Geetaachoo Raddaa waliigaltee dhukaasa dhaabuutiif fedhii gadaanaa qabaachuu CNNtti himeera.
''Tigraay hanga humnootii diinaa kamiiyyuu irraa gutuummaatti quliqullooftutti hin dhaabbannu. Kun kan nu gaafatu hunda ni raawwanna.''
Kibxata wayita CNNtti dubateetti akka jedheetti, loltoonni TPLF humnootii mootummaa kallattii kibbaafi baha Maqaleettiin hordofanii harii'ataa jiru.
Tigraay - dhimmoota bu'uuraa
- Erga 1994 kaasee, Itoophiyaan naannoolee 10 kan heera mootummaa biyyatii keessatti saba bu'ureeffachuufi akka bulchiinsa ofiin of bulchuutti ibsamaniin caasseeffamte.
- Iirra caalaa dargaggoo Oromootiin gaggeeffameen, Abiy Ahimad aangoo qabachuun riformiiwwan gaggeessuu eegale.
- Qondaaltoonni siyaasaa cicimoonni naannoo Tigraayis sirna federaalaa diiguuf yaalaa jira jechuun MM Abiyiin himatan.
- Itti aansisees erga finciltoonni Tigreen buufata waraanaa kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda, raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa deeggarsa loltoota Ertiraatiin Sadaasa 2020 keessa naanichatti tarkaanfii fudhachuu eegaluun ammoo waldhabdee qaamoolee lamaan jidduu ture caalaa hammeesse.
- MM Abiy ammoo dhuma Sadaasa 2020tti waraanni xumuramuu labsanilleen, garuu waraanni hanga dhiheenyaatti dabalee itti fufee ture.
Qondaalli federaalaa toko madda oduu AFPtti akka himaniitti, bulchiinsi yeroo naanoo Tigraay kan Maqalee keessaa waan finciltoonni ''kallattii hundaan'' dhiyaataniif guyyaa Wiixataa magaaattii bahuuf murteesse jedhe.
"Hundinu bahaniiru. Isaan hafan waaree booda bahan... Naannichi mootummaa hin qabu,'' jedheera.
Haata'u malee, jiraattoonni gammachusaanii ibsataa jiru. Namni haalicha ijaan argee APFtti himee tokkoos, ''Hundinuu manasaaniitii ala jiru. Hunduu gammachuun daandiiwwan irratti sirbaa jiru,'' jedhe.
Mootummoota Gamtomaniitti Ejansiin Daa'immanii (UNICEF), guyyaa Wiixataa loltoonni mootummaa Itoophiyaa waajirawwan isaa magaalaa Maqalee keessa seenuun meeshaalee saataalaayitii isaa barbadeessuu beeksiise.
''Nuti gonkumaa yoomuu nurratti xiiyyeeffatamuu hin qabaatu,'' jedheera ibsa taatee kana ilaalchiisuun baaseen.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo sababii gargaarsa namoomaatiif lolli waraanaa akka dhaabbatuuf jechuun bulchiinsi yeroo naannoo Tigraa dhiyeesse jedhe hordofee addatti ofumaaf dhukaasa dhaabuu murteessuu hime.
Hojjattoonni deeggarsaa karaa akka argataniif, qonnaan bultoonni waqtii qonnaatti gargaarsa akka argataniifi namoonni biyya keessatti bakka jireenyaa isaanii buqqa'an akka deebii'aniif ta'uu akka sababaatti kaasuun dhukaasa dhaabuuu kan beeksise Wixata darbe.
Barreessaan Olaanaa UN Antooniyoo Guterees, MM Abiy Ahimad waliin dubbachu himaniiru. ''Namoonni nagaa eegumsa rgachuu, warri deegarsa barbaadan ammoo gargaarsa qaqabsiisuufi furmaata siyaasaa barbaaduun murteessaadha,'' jedhaniiru ibsa isaanitiin.
UK, Ameerikaa fi Ayirlaanda ammoo Manni maree Nageenya Mootummoota Gamtoomanii walgahii atattamaatiif akka waamuuf gaafatan.
Qaamooleen waraannicha keessatti hirmaatan hunduu ajjeechaa jumlaafi sarbama mirgoota namoomaa raawwachuun himatamu.
Ammatti sadarkaan loltoota Ertiraa kan waraana Itoophiyaa gargaaruuf Tigraay seenanii ifa miti.
Haata'u malee, jiraataan magaalaa Shiree tokko loltoonni Ertiraa gara kaabaatiin kalattii daangaatti socho'aa jiraachuu Rooyitarsiitti himeera.
Jalqaba baatii kanaattis, UN haala beela kaaba Itoophiya keessaa ilaalchisuun ibsa baasee ture.
UNtti dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP), Dhaabbannii Nyaataafi Qonnaafi UNICEF hundisaanituu tarkaanfii atattamaatiif waamicha taasisaniiru.
Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa biyyattii keessa beelli jiraachu hin fudhatu.
Gama biraatiin ammoo, Itoophiyaa bu'aa filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa Waxabajjii 21 gaggeeffamee eeggataa jirti.
Filannoon kun paartiilee siyaasaa bebbeekamoon kan irratti hin hirmaatiin hafaniifi Tigraay dabalatee naannoolee biyyattii bakka gara garaatti hin gaggeeffamiin hafe ture.