Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaan Axaayyee ji'ootaan dura haleellaan keessatti raawwate amma maal keessa jirti?
Ji'oota muraasaan dura haleellaa kan ishee mudate magaalaan Axaayyee manneen jijjiiganiifi gubataniin guutamtee jirti.
Yeroo tokko giddugala daldalaa kan turteefi sosochii hedduun kan beekamtu magaalaan kun, haalli amma irra jirtu miidhaa wayita sana irraan gaherraa akka hin dandamanneef ragaadha.
Haleellaa dhalateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbuusaanii yoo dhaban, hedduun ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Magaalonni hedduun qophii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Wixata darbe gaggeeffameef wayita ko'oommataa turanittillee, Axaayyeen garuu rakkoo nageenyaarraa kan ka'een bakka filannoon yeroo biraa akka gaggeeffamuuf murtaa'e keessaa ishee tokko.
Gaazexessituu BBC Africa kan taate Kaatiriin Biyaaruhaangaa gara Axaayyee deemuun, haala jiraattonni irra jiran daawwatteetti.
Haleellaa magaalaa Axaayyeetti mudateen manneeniifi dhaabbileen daldalaa ijaarsisaanii waggoota hedduu fudhate gubataniiru.
Magaalattiin guyyoota muraasa keessatti haala nama naasisuun barbadoofte. Jiraattonni achiis miidhaa isaaniirraa haga ammaa hin dandamanne.
Gamoowwan gara magaalattii wayita galtan argitan jijjiiganiiru, gubataniiru yookaan ammoo saamamaniiru.
Jiraattonni naannichaa gariin ammoo jireenyasaanii itti fufsiisuuf wayita tattaafatan mul'ata.
Gaheessi ganna 34 Juwaar Mohaammad suuqiisaa xiqqoo keessa hojiisaa shaayii gurguruutti deebiyeera.
Suuqiinsaa bicuun qorqororraa hojjetamte kun, ji'a Eblaa keessa gubattee halluunshee geeddaramuus, yeroo ammaa hanguma taate suphuun hojii eegalchiiseera.
''Wayita suuqiin gubatu asuma turre. Ibiddichi kan eegale bakka biraati, achiis qabachaa nu bira gahe. Oggaa nu bira gahutti bombaarraa bishaan waraabuun dhaamsuuf yaalii goonee turre.
Garuu humna keenyaan ol ture. Inumaa ittuma dabalaa deeme. Wayita sibiilli garmalee ho'aa dhufutti garasitti dhiyaachuu hin dandeenye. Iji keenya otuma ilaaluu suuqiin keenya ya barbadaa'e,'' jedha.
Axaayyeetti Caamsaa 6/2013 jalqabee walitti fufinsaan meeshaalee waraanaa gurguddaa fayyadamuun haleellaa dhaqabeen namootni hedduun du'aniiru.
Akkasumas qabeenyi manca'uun jiraattotni naannichaa hedduun manca'uu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.
Rakkoon nageenyaa Axaayyeetti mudate akka biyyaatti bakka tokko tokkotti walitti bu'insaa sanyummaa mudataa ture keessaa tokko ture.
Axaayyeetti haleellaan dhaqqabe mana jireenyaa, bakka daldalaa isaanii qofa oso hin taane hospitaalli Axaayyees qiyyeeffannoo haleellichaa keessaa tokko ture.
Hospitaalichi gubachuun qullaa hafeera jechuun ni danda'ama. Haleellaan kun ammoo jiraattota naannichaa haalaan miidheera. Haleellichaan namootni qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. Gartokko ammoo magaalittiirraa xiqqoo fagaattee kan argamtu mana barumsaa keessa buufatanii argamu.
Namoota buqqa'an keessaa Faaxumaa Huseen tokko. Gaddi mucaa isaanii rasaasa dhukaafameen jalaa ajjeefamte Soofiyaa kan gana 15 turtee ammayyuu isaan hin gadhiisne.
"Hiyyummaakoon bu'ee bahee kaniin guddifadhe mucaakoo dhabe. Waan akka kanaa eessaa akka dhufe hin beeknu. Nuyi hojjennee nyaachuu, daldallee jiraachuufi ijoollee keenya guddifachuu malee homaa hin goone,'' jedhan
Namoonni hedduun magaalittii keessaa buqqa'anillee jiraattoonni akka Ahmad Huseen, muraasni isaanii ammas taanaan magaalitti keessatti hafaniiru.
Magaalittin sababa tasgabbii dhabuutiin iddoowwan filannoon itti hin filatamne keessaa tokko turte.
Haalli kun namoonni hedduun haala walfakkaatuun 'humna hin qabnu' miira jedhu akka horatan taasiseera.
Daldalee kan jiraatu Ahmad, filannoorratti hirmachuu dhabuusaatiin miirri gaabbii akka isatti dhaga'ame gabaastuu BBCtti himeera.
''Lubbuun jirra miirri jedhu natti hin dhaga'amu, gaddi nutti dhagamuun akkuma jirutti ta'eeyyuu, filannoorratti hirmaachuu dhabuun keenyammoo gadda keenyaa dachaa taasise.
Ummanni biyyattii guutuun filannoorratti wayita hirmaatan, nuti hirmaachuu dhabuu keenyatti mufadheera," jedha.
Axaayyeettis ta'e, iddoowwan walitti bu'insi turtetti haalli nageenyaa yaaddessaa ta'us, iddoowwan heddutti filannoon guyyaa karoorfame keessatti gaggeefameera.
Diddaa hawaasaa hordofuun aangoo kan qabatan MM Abiyi Ahimad, filannoorratti yeroo jalqabaaf hirmaatan.
Ministirri Muummee Abiyi filannoof bakka guddaan kennu.
Tokkummaa biyyattii itti fufisiisuufi fudhatama seera-qabeessaa argachuuf filannoo injifachuutu irraa eegama.
Sodaa nageenyaafi rakkoo dhiyeessiin hanga tokko daanga'uus filannoo filatame biyyattii gara kallattii sirriitti qajeelchaa?
Mootummaan filannoo gaggeessuun filannoo sirrii akka ta'etti amana.
Axaayyeerra lafa sa'aatii sadii deemsisurratti kan argamtu magaalaan Dabrebirihaan miirri jiru garuu kanarraa adda.
Qophiirraa kaastee hanga guyyaa filannootti miira gammachuutu ture.
Ta'us garuu kanuma keessattiyyuu mariin dhimma sabootaafi sablamoonni ofiin caalaatti of bulchuu qaba jechuun dhiibbaan gartuulee tokko tokkoo ni dhaga'ama.
Dorgomtuu ijoo Badhaadhinaa kan taate dubartiin ganna 35 Aadde Gannat Beeta Geerawoorq gama isheen kana jechuun BBCtti himteetti.
"Manni keenya biyya keenya guddittiin Itoophiyaadha. Sabootni as keessa kan jiraataan ammo nama hunda haala dhunfateen wal kabajuu qabu. Eenyummaan isaanii kabajamuu qaba. Kanaaf, saba biyyaalessaa ta'uuf hojjachuu qabna. Tokkummaa keenya jabeessuu qabna," jetti.
Waggootii dheeraaf dhimmi ofiin of bulchuu, gaafiin bulchuun naa mala jedhuufi dhimmi hirmaannaa qabeenya Itoophiyaaf maataa bowwuu ta'ee tureera. Furmaata salphaa waan qabus hin fakkaatu.
Hawaasa gara garaa gidduutti waldhabdee ka'uunis ta'ee haleellaa qaqqabuun namoota akka Faaxumaa Huseen wanta jaallatan dhabuu qofa miti qabeenya isaanii waggootaaf dhama'anii argatan barbadaa'eera, nannoofi magaalaa isaaniirraas buqqa'aniiru.
"Wanti mana fakkaate maaltu jira. Kan itti dhalanne, kan itti guddanne, ijoollee keenyas kan itti horrannee guddifnedha. Amma eenyumatu nu simata," jetti.
Waggaa lama dura Minitirri Muummee Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa injifatanii turan. Ministirri Muummee Itoophiyaa kun kaka'umsa jijjiiramaa qabaniin, malaammaltummaa loluufi hidhamtoota siyaasaa hidhaarraa hiikuun hawaasa addunyaa biratti jajjannaa guddaa argatanii turan.
Yeroo ammatti Ministiri Muummichi seenaa dhiyyootti haala argamee hin beekneen biyyaa garmalee wal qoodde jirtu hogganaa jiru. Waldhabdeen sabootaa lammilee miiliyoona lamaa ol qe'ee isaanii irraa buqqiseera.
Waraana cimaan kan miidhamteettu naannoo Tigraay keessa uummanni jiran beelaaf saaxilamaniiru.
Filannoon gaggeeffame kunis waldhabdee sabootafis ta'e rakkoo biyyattiin keessa jirtuuf furmaata kan fidu ta'aa?