Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF dhukaasa akka dhaabu dhiibbaan akka godhamu gaafatame
TPLF dhukaasa akka dhaabu haawwaasni addunyaa dhiibbaa akka irratti uumu mootummaan Itoophiyaa gaafate
Mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu addatti labse TPLF akka simatee waliigalticha kabajuuf hawaasni addunyaa dhiibbaa akka irratti uumaniif Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gaafate.
Ibsa torbaniin kennamurratti Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii kana dubbataniiru.
''Hawaasni addunyaa deeggarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuun gareen kaanis akka fudhatu dhiibbaa irratti uumuu qaba''jedhan.
Qaamni naannicha keessa jiru waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka simatu yoo hin taasifamne, nageenya dhaabbilee eeguun yoo hin danda'amne, baankonni, telekominikeeshiniifi tajaajilli balaliin akka itti fufuuf dirqisiisuu hin dandeenyu jedhan Ambaasaddar Diinaan.
TPLF waliigatee dhukaasa dhaabuu akka fudhatu ibsuun, haalduree dhukaasa dhaabuuf qabxilee torba tarreesse keessatti hidhattootni naannoo Amaaraafi loltoonni Eertiraa naannicha keessaa bahanii iddoo waraanicha dura turetti deebi'uu akka qaban haalduree baafatan keessatti tarreeffameera.
Kana malees, lola ji'oota torban darban naannicha keessatti turen sarbamiinsi mirgaa qaqqabe qaama walabaan akka qoratamuu fi tajaajilli ibsaa, telekoomiifi balalii xiyyaaraa dabalatee bu'uuraleen misoomaa kaan tajaajila kennuutti akka deebi'an gaafateera.
Mootummaan Federaalaa gamasaatiin tajaajilli kunneen akka itti fufaniif''gartuun biraas dubbii barbaacharraa of qusachuu qaba''j edhan Ambaasaddar Diinaan.
Itti dabaluun, deeggarsa namoomaa kennamu hundi nageenyi eegamee, daangaa naannichaa qaqqabuun yeroo sana mirkanaa'uu qaba jedhan.
Addatti dhukaasa dhaabuu labsuu namoota baayyee ajaa'ibus, murtoon sun ''tasa kan murtaa'e miti'' jedhan Dubbii himaan Ministeerichaa.
Mootummaan Itoophiyaa yoo filatame, filannoon booda qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin mari'achuun barbaachisadha jedhee yaada jedhan.
Mariin kun qondaaltoota sadarkaa gadii fi miseensota TPLF akka hirmaachisuuf yaadame kaasan.
Sarbamiinsi mirgaa naannicha qaqqabeera jedhame Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo walta'iinsaan gaggeessan mootummaan ni deeggara jedhan.
Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Reedwaan Huseen, Itoophiyaan haala itti dhukaasa kana dhaaban yoo ibsan, hoggantoonni siyaasaafi waraanaa TPLF ajjeefamuufi hidhamuu, akkasumas hoggantoota TPLF hafan muraasa qabuuf jecha waraaana itti fufuun waan hin barbaadamnefi jedhan.
Yeroon qonnaa jiraattoota naannichaa akka hin gufanneefi dhaabbileen gargaarsaa lubbuu namoota hedduu akka baraaranii fi rakkoo uumameef karaa nagaatiin falaa barbaaduuf akka ta'e eeran.
TPLF hidhattoota Naannoo Amaaraa akeekkachiise
Naannoo Tigiraay deebisee kan to'ate TPLF hidhattoonni naannoo Amaaraa Tigiraay keessaa akka bahan ibsa keessatti waamicha dhiyeesse.
Ibsa kana keessatti hidhattoonni humna addaa naannoo Amaaraa fi hidhattoonni biroos 'haalduree tokko malee saffisaan naannicha gadhiisanii bahuu akka qaban akeekkachiisa.
Hidhattoonni naannicha keessa otoo hin baane yoo hafan garuu tarkaanfii barbaachisu mootummaan naannoo Tigiraay ni fudhata jedhe ibse kun.
Miidhaa lola uumamuu maluuf itti gaafatamummaa akka hin fudhanne akeekkaciseera.