Naannolee tokko tokkotti adeemsi sagalee kennuu adda citeera-Boordii filannoo

Naannolee biyyattii sadi keessatti, naannolee filannoo tokko tokkotti adeemsi sagalee kennuu adda cituusaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Naannoo Sidaamaatti naannolee filannoo hunda keessatti sababa hanqina waraqaa filannootin adeemsi sagalee kennuu addaan cituusaa walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiaa Burtukaan Miidhaksaa himaniiru.

"Rakkinicha har'atti furanii filannicha itti fufsiisun waan hin danda'amnef akkaataa labsiin 1162/2011 heeyyamun boru sa'aa 5:00 irraa eegalee adeemsi filannoo naannoo Sidaamaa keessatti (naannolee filannoo 19 keessatti) itti fufa" jedhan.

Naannoo Gambeellaa magaala Gambeellaa keessatti naannolee filannoo afur keessatti hanqinni meeshaalee filannoo akka mudates himaniiru. Adeemsi filannoo naannolee kunneenii akkam akka ta'us guyyaa boruu akka beeksisus boordichi himeera.

Naannoleen filannoo naannoo Benishaangul Gumuz keessatti argaman kunneen biroon garuu filannoo taasisaa oolu isaanii dubbatan.

Naannoo Benishaangul Gumuz keessattis naannolee filannoo lama keessatti sababa hanqina waraqaa filannootin adeemsi sagalee kennuu adda cituusaa himaniiru.

Kanaan alatti sadarkaa buufataalee filannoo hundatti jedhamuun adeemsi sagalee kennuu xummuramee gara sagalee lakkaa'utti seenamuusaa himan.

Gama biraatin "iddoowwan baay'eetti hiriirri filattootaa dheeraa waan turef yeroodhaan akka hin xummuramne hubachuu keenyaan yeroo filannoo dheeresine" kan jedhan Burtukaan Miidhaksaa buufataalen filannoo adeemsa sagalee kennuu xummuruun sa'aa 12 irratti buufata filannoo cufan akka jiranis himaniiru.

"Rakkoon nageenyaa kana jedhamu nun mudanne" kan jedhan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiaa Burtukaan Miidhaksaa naannoo Amaaraa buufata filannoo tokkorratti garuu namootni walitti bu'uun adeemsi filannoo addaan citee akka ture himan .

Kana malees naannoo Amaaraa keessa naannoo filannoo Gonjii jedhamu keessa buufata filannoo tokko keessa namootni bulchiinsaa seenanii "hin baanu" jechusaaniitin raawwachiistotni boordichaa yaadda'uu isaaniitin raawwachiisaan filannoo tokko iddicha gadhiisee deemu dubbatan.

Dhimma kanas qaamolee dhimmichi ilaallatu beeksisuu isaanii himaniiru.

Naannoo Oromiyaa keessattimmoo naannoleen filannoo tokko tokko kan kanaan dura "rakkoo qabu" jedhaman yaaddoo raawwachiistotni qaban irraa kan ka'e buufataalen filannoo hin banamne akka turan dubbatan.

Kunis godina Harargee Bahaa buufataalee filannoo muraasa ta'uu himan.

Shawaa Lixaa naannoo filannoo Naannoo jedhamuttis hidhattootni buufataalee filannoo lama keessatti adeemsa filannoo jeequf yaalanii adeemsi filannoon addaan citee akka tures himaniiru.

Gama biraatin boordichi bu'aa filannoo sadarkaa naannolee filannootti hanga guyyoota shaniitti osoo hin eegin jala jalaa akka beeksisu himameera.

Kana malees bu'aa filannoo akka biyyaatti jiru (kan naannolee filannoo hundaa) guyyoota 10 keessatti yoo xiqqaate bu'aa filannoo jalqabaa akka beeksisan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiaa Burtukaan Miidhaksaa himaniiru.