Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filanno 2021፡ Paartiin IZEMA rakkoolee filannoo irratti na mudatan jedhe tarreesse
Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaaf (IZEMA)n filannoo har'arratti rakkoolee na mulataniiru jedhe tarreessee.
Hogganaan paartichaa pro. Birhaanu Naggaa ibsa xumuraa har'a kennaniin dhimmoota furmaata attatamaa barbaadu jedhan kaasan.
Naannoolee Amaaraa fi Kibbaa naannoolee filannoo adda addaa keessatti taajjabdoonni paartichaa gara bufataalee filannoo akka hingallee dhorkamaniiru jedhan. Kanneen akka galan taasifamanis akka bahan taasifamusaanii dubbataniiru.
Dhimmichias qaamoolee motummaafi boordii filannootti beeksiisaa turreerra kan jedhan hogganaan paartichaa, kun garuu gamaagama filannoo waliigalaa akka hintaane dubbatan.
''Kun xumura filannooti jechu miti. Haala sirrii rakkinichi itti mudate baruuf ni hojjanna'' jedhan.
''Bakka tokkootti sagalee kennuun xumurameera jedhamuun taajjabdoota arii'atan. Finfinneetti ammoo buufataaleen filannoo osoo hin saaqamiin turaniiru. Bakkee muraasaatti furmaata kan argatan jiru. Haata'u malee waliigala Finfinneetti filannoo tursiisaniiru. Filattoonni sa'aatii lamaa hanga sadii dhaabataa tura'' jedhan.
"Isaan dursa walitti qabduun boordii filannoo biyyaaleessaa Birtukaan Midaksaa adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa kennaniin, paartiilee mormitutiin naannoo Amaaraa irraa komiiwwan hedduun dhiyaachufii dubbatan.
''Reebiichaafi baajii harkaa fudhachu kan fakkaatan gabaasaaleen yaaddeessoon nu qaqabaniiru' jedhanii turan Birtukaan.
Pro Berhaanu bakkeewwan turamee filannoon itti eegalameetti booriin filannoo yeroo akka dheereessuuf gaafatan.
Paartichi magaalaa Finfinnee osoo hindabalatiin taateewwan 207 mudatan gabaaseera jedhe.
Taateewwan mudatan jedhan maalii fa'i?
Godina Gaamoo Aanaa Qucootti namoonni waraqaa sagalee sobaa qabatanii argaman buufata poolisii Salaamiitti hidhamanii argamu jedhan Prof. Berhaanuun.
''Kaadireewwan qindeeessitoota jechuun hiriira keessa galuun namoota kakaasuu yaalaniiru'' kan jedhan Prof. Bahraanuun, taajjabdoota baasuufi taateen cabiinsa korojjoo eeddooon tiit mudate jiraachu kaasaniiru.
Barii sa'aatii 12 dura filannoo gaggeessuun bakki itti eegalees ture jedhan.
Naannoo Baha Gojjaamiitti aanga'oonni bakka sagalee dhoksaa seenuun sagalee kenisiisaa turan kan jedhe IZEMAn, Milishoonni hidhatanii filannoo gaggeessaa turanis jedha.
Gaambeelaafi Baha Shawaatti ammoo bakkeewwan filannoon xumurameera jedhamuun sagalee lakkaa'uun itti eegalame akka ture kaasuun Adaamaafi Asoosaatti galmaa'anii osoo hinfiliin lakkaa'uun eegalameera jedhan.
IZEMAn guutuu biyyaatti kaadhiimtoota kuma tokkoo ol mana maree bakka bu'ootaa naannoo fi kan paarlaamaatiif dhiyeesseera.