Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: EASF filannoo bor gaggeeffamuuf taajjabdoonni isaa Itoophiyaa galuu beeksise
Dhaabanni ardii Afirikaa gama Bahaan nagaafi tasgabbiin naannicha keessa akka jiraatu hojjetu Eastern Africa Standby Force (EASF) jedhamu filannoo biyyaaleessaa Wiixata boruu gaggeeffamu akka taajabaniif oggeessoonni isaa Itoophiyaa galuu beksiise.
Daareektarri dhaabbatichaa Birgaadar Janaraan Geetaachoo Shifarraawu gaaffii filannoo taajjabii mootummaan Itoophiyaa fudhatee dhaabbatichi oggeessoota adeemsa filannichaa taajaban gara Itoophiyaatti erguu ibsaniiru.
EASF waajjira isaa magaalaa Finfinneetti argamutti ibsa kaleessa kenneen, oggeessoonni biyyoota miseensoota dhaabbatichaa irraa walitti dhufan 28 adeemsa filannoo naannoolee shaniifi bulchiinsota magaalaa lama keessatti ni hordofu jedheera.
Dhaabbanni Eastern Africa Standby Force (EASF) kun biyyoota Afriikaa bahaa hedduu miseensummaan kan hammate yoo ta'u, kaayyoon isaa inni guddaan qaxanaa baha Afriikaa keessatti nageenyiifi tasgabbiin akka mirkanaa'u gochuudha.
Dhaabbanni raayyaa, poolisiifi siviloota of keessootti hammate kun, humnoota nagaa kabachiisan atattamaan bobbaasuun opareeshinii nageenyaa deeggaruufi nageenya mirkanneessuuf gamtaa biyyoota garaagaraatiin hundaa'eedha.
Gareen taajjabdoota dhaabbata kanaas naannoolee akka Oromiyaa, Amaaraa, Affaar, Sidaamaa, Ummattoota Kibbaa, Dirree Dawwaa fi Finfinneetti akka ramadaman himameera.
Miseensoonni garee oggeessoota filannoo Itoophiyaa taajjabuuf ergaman kunneen lammiilee biyyoota Buruundii, Jabutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Siisheelsi, Yugaandaa, Ruwaandaa fi Komoroos irraa dhufan kan hammatedha.
Qaama Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa kan ta'e EASF, miseensoonni garee isaa adeemsa filannoo kan taajabu haaluma bu'uura Chaartarii Diimokraasii Gamtaa Afriikaa bara 2012tti raggaasifameetiin jedhameera.
Akkasumas, dhaabbatichi haala seeroota Boordii Filannoo Itoophiyaa bu'uura godhateen hojii isaa akka hojjetu ibsa kaleessa kenne kanan beeksiseera.
Gareen taajjabdoota dhaabbatichaa kun lammii Jabutii kan ta'an Ambaasaadar Abadiilaah Awuleed Aliitiin hoogganama.
Ambaasadar Abadiilaah gama isaanitiin, gareensaanii filannicha kan taajjabu haala naamusa danbii taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa bara 2002tti ragaasifameetiin jedhan.
Haata'u malee, yoo naamusni danbii kun cabee argame dhaabbatichi taajabdoota gara jidduugaleessatti hanga waamuutti tarkaanfii cimaa akka fudhatu beeksiisaniiru.
Dabalataanis barii guyyaa filannoo Waxabajjii 22, 2021 taajjabdoonni gabaasa filannoo jalqabaa ifa akka taasisan Ambaasadarichi dubbataniiru.
Dhaabbanni kun filannoo kana kan taajjabuuf adeemsa ijaarsa dimokraasii deeggaruu fi kaayyoowwan filannoo taajjabuun gabaasaalee yeroo fi walabaa kan adeemsa sadarkaa idil-addunyaas eeggateen kennuu jedhu qabateeti jedhameera.