Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Libaanos humna waraanaashee beelaan rakkachaa jiruuf deeggarsa gaafattee
Libaanos rakkoo dinagdee biyyattii mudateetiin loltoonnishee rakkaataafi beela'aa jiraachuu himuun biyyoota dureeyyii addunyaa deeggarsa gaaffatte.
Paawondiin Libaanos bara 2019 irraa kaasee gatiin isaa %90n gadi kan bu'ee yoo ta'u, haalli kun ammoo mindaafi baajata loltootaa baayyee miidheera.
Yaa'ii biyyoota arjoomanii Faransaay keessummeessaa jirtuun nyaata, boba'aa, qorichaafi meeshaalee jijiirraatiin alatti deeggarssa fandii loltoota Libaanos kanaaf hin gaafannee.
Libaanos biyya yeroo ammaa kana baayyee qoqqoodamtee rakkachaa jirtu kana keessatti raayyaan ittisa biyyattii kun garuu humna biyyattii tokkoomsuun tasgabbeessaa jirudha.
Raayyaan biyyattii walabummaadhaan maqaa gaarii kan qabu yoo ta'u, gareewwan amantaa 18 hundaafi gareewwan siyaasaa hedduu biratti deeggarsa qaba.
Biyyoonni lixaa raayyaa kanatti fayyadamuun garee hidhattoota sochii Islaama Shi'a kan, Hizboollaa haleeluuf itti fayyadamu.
''Raayyaan biyyattii kun haalli nageenyaa akka hin badneef yaaliin taasisaa jiru murteessaa waan ta'eef ergamasaanii akka bahaniif deeggaruun hojii dursaati,'' jechuun ture Miseensi Ministeera Ittisa Faransaay tokko yeroo gaazeexessitootaatti dubbateetti.
Faransaayiin walgahii deeggarsaa Kamisa kaleessaa kana kan qopheessite erga ajajaan raayyaa Libaanos Janaraal Jooseef Awuun akeekkachiisa loltoonni isaa, ''akkuma ummata kaanii dararaafi beelaan'' rakkaachaa jiraachuu Bitooteessa keessa dubbachunsaanii dhagahameen booda ture.
Qondaalli kun aanga'oota siyaasaa Libaanos ifatti kan qeequ yoo ta'u, dho'insa Buufata Beeruti Hagayya darbeetiin walqabtee bulchiinsi yeroo MM Haasan Daabii aangoo gadhiisuun kaabineen haaraan hundeeffame irrattis waliin hingalu.
Ajajaan kun gaaffiiwwan jajjabduu kan akka ''Eessaa deemaa jirra? Maal fiixaan baasuuf yaadaa jirtu? jechuun gaafatan.
Haasaa Kibxata darbee taasiseenis, "deeggarsa argachuuf jecha fuula keenya gara mootummoota nu waliin ta'aniitti akka garagalchinu taaneerra.
Raayyaan miilasaatiin dhaabbatee akka itti fufuu taasisuuf jecha deeggarsa argachuuf gara kallattii addunyaa kamitti imaluuf qophiidha,'' wayita jedhan dhagahamaniiru.
Raayyaan Libaanos keessattuu gama aannan, daakuu, fayyaa, boba'aafi meeshaalee jijjiraatiin fedhiiwwan adda ba'anii beekaman akka qabdu AFPn maddeen ministira Ittisa biyyaa Faransaay eeruun gabaaseera.
Ameerikaanis deeggarsa maallaqaa raayyaa ittisaatiif taasiftu baatii derbe keessa dolaara miiliyoona 15 irra gara miilioona 120tti ol akka guddistu beeksiiftee jirti.