Nato'n sodaa humna waraanaa Chaayinaa arbeessuu akka dhaabu Beejing gaafatte

Humna waraanaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nato'n ciminni humna waraanaa Chaayinaa akka isaan sodaachisu hime, garuu biyyattii waliin waraana hololaa hin fedhu jedhe

Erga biyyoonni miseensa Nato, qormaati cimaan Beejiingi irraa isaan mudachuusaa sodaa akka qaban ibsanii booda Chaayinaan deebii kenniteen, biyyoonni kunneen holola maqaa balleessuurraa akka of-qusatan gaafatteetti.

Meeshaa waraanaa niwukilaraa gabbisuu dabalatee gochaan humna waraanaa Chaayinaan agarsiisaa jirtu hundi seera ittiin bulmaata idil-addunyaa kan sarbuudha jedha Nato'n.

Chaayinaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf ajandaa ijoo Nato kan taate bara kana.

Chaayinaan kanarratti wayita deebii kennitu, ''haallii fi amalli humna ittisaa Chaayinaa diina ofirraa ittisuurratti kan xiyyeeffatuudha. Kanaafuu Nato'n lafumaa ka'ee sodaa labsuu dhiisee marii irratti xiyyeeffachuu qaba,'' jette.

Gamtaa Awurooppaatti ergamni addaa Chaayinaa, ''humna ittisaa fi humna waraanaa keenya akkaataan ittiin ammayyeessaa jirru iftoominaa fi fudhatama kan qabuudha,'' jedhe.

Nato'n waa'ee guddina Chaayinaarratti hubannoo sirrii qabaachuu akka qabuu fi fedhii siyaasaa biyyoota miseensa garee kanaaf jecha biyyattiin guddinashee akka hin dhaabnes ibseera jaarmiyaan kun.

Nato'n guddina humna waraanaa Chaayinaarraa sodaa akka qabu kan ibse walga'iisaa Biraaselsitti guyyaa tokkoof geggeeffate irratti.

Walga'ii kanarratti Joo Baayidan erga pirezidaantii US ta'anii yeroo jalqabaaf hirmaatan.

Biyyoota Awurooppaa fi Kaaba Ameerikaa 30 ta'aniin kan ijaarame jaarmiyaan siyaasaa fi humna waraanaa Nato, Raashiyaarraas doorsisi akka isa mudatu eereera.

Pirezidaant Joo Baayidan gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin Roobii borii Jeniivaatti walarguuf jedhu.

Nato'n maaliif Chaayinaarratti xiyyeeffate?

Jaarmiyaan kun walga'iisaa kaleessa taa'e xumura irratti ibsa baaseen, ''Chaayinaan ifaan ifatti osoo hin taane malaan sirna ittiin bulmaata idil-addunyaa qoraa jirti, nageenyummaa Nato yaaddoo keessa galchaa jirti,'' jedhe.

"Hanqinni iftoominaa fi odeeffannoon dogoggorsaan irra deddeebiin Chaayinaa biraa mul'atu akka nuti irratti xiyyeeffannu nu dirqamsiisa,'' jedha ibsi kun.

Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg Chaayinaa waliin waraana hololaa keessa seenuu hin feenu jedhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg Chaayinaa waliin waraana hololaa keessa seenuu hin feenu jedhan

Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg Chaayinaa waliin waraana hololaa keessa seenuu hin feenu jedhan.

''Chaayinaan nyaapha ykn diina keenya miti,'' jechuun gaazexeessitootatti himan.

Waan Chaayinaa akka sodaatti kaasneef garuu irratti mari'anna jedhan.

Guddina diinagdee addunyaarratti sadarkaa kan qabdu Chaayinaan, dameen humna waraanaa ishees addunyaarratti isa guddaadha.

Miseensonni humna waraanaashee kan yeroo ammaa hidhatanii qophiirra jiran miiliyoona lama caalu.

Baay'inni waraana Chaayinaa fi guddinni teeknooloojii biyyattiin damee kanarratti agarsiisaa jirtu biyyoota miseensota Nato'f sodaa guddaa ta'eera.