Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Raashiyaa Puutiin, Joo Baayidan akka Tiraamp miiraan hin gaggeeffamu ta'a jedhan
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Joo Baayidan akka pirezidaantii Ameerikaa duraanii ''dhiibbaarratti hundaa'uun socha'urraa'' akka of qusatuun abdadha jedhan.
Puutiin haasaa madda oduu NBC waliin taasisaniin akka jedhaniitti, pirezidaantii US duraanii faarsuun garuu Mr Baayidan irraa murteewwan 'dhiibbaarratti hundaa'an' muraasaan eega jedhan.
Hogganaan US ammaa ''nama oggummaa jireenyaasaa ijoolluummaa qabee siyaasaa keessatti dabarseeradha'' jedhan.
Gaaffiifi deebiin kunis osoo aanga'oonni lamaan Jeeneeviitti wal hin argiin guyyoota muraasaan dura kan ta'eedha.
Kana malees Puutiin jecha pirezidaantiin kanaan dura inni yakkamaa ''ajjeechaati'' jechuun ibsanii turanis akkanumaan taphaan bira darban.
''Kallatiiwwan hundarraa heellaan gosa garaa garaa narra gahaa jira....tokkoonsaayyuu na hin dinqiisiisan'' jedheera.
Kanaan duras Puutiin yaada yakkamaa ajjeechaatii jedhuu TV biyyasaanii irraatti kaasuun, ''tokko tokkoo beekuu barbaachisa'' jechuun bira darbanii ture.
Akkasums tajaajilwwan tikaa biyyattii qondaala siyaasa mormituu Aleeksi Naavaaliin ajjeessuuf jechuun himmannaa irratti dhiyaatees irra dedeebiin haalee ture.
JIjjirama pirezidaantii US irratti kan gaafataman Puutiin, ''waanuma pirezidaantii US ta'ameef qofa jecha sochiiwwan dhiibbaarratti hundaa'uun kamuu taasisuun'' kanaan booda akka hinjiraanneen abdadha jedhan.
Garuu ammoo Doonaald Tiraampiin ni leellisee akkas jechuun: ''Nama addaati, nama oggumaa qabu...nama haalluu qabuudha. Jaallachuu ykn jibbuu dandeessaan. Garuu inni hundeeffama US irraa hindhufne,'' jedhe Puutiin.
Yaanni Pirezidaantii Raashiyaa kunis wayita Baayidan erga aangoo qabatee imala isaa jalqabaa gara biyyoota biraatti taasisuu eegaluun, UKtti walgahii G7 hirmaataa jiruuttidha.
Yaa'iichaan boodas, Baayiidaniifi Giiftii dureen Jiil Baayidan osoo Nato waliin Wiixata akkasumas Kibxata ammoo Gamtaa Awuroppaa waliin marii taasisuuf gara Biraasalsiitti hinimaliin dura Giiftii Ingiliziin dubbisu jedhameera.
Achiin booda ammoo erga pirezidaantii US ta'en booda yeroo jalqabaatiin Puutiiniin wal argu.
Baayidan wayita imala eegalan ''sochiilee balaafamoo'' keessatti yoo hirmaate tarkaanfii ''hiika qabeessaafi cimaa hordoofsiisuu danda'a'' jechuun Puutiinin akeekkachiisanii turan.
Duraan Waayiti Hawuus Baayidan yaa'ii Jeeneev irratti dhimmoota to'annoo meeshaalee waraanaa, jijjirama qilleensaa, hirmaannaa waaraanaa raashiyaan Yukireen keessaa qabdu, haleellaa saayibariifi hidhaa Mr Naavaaliin ilaalchiisuun ibsa bal'aa kenna jedhamee ture.