Morkataan Puutiin hidhaa jiru lagannaa nyaataa guyyoota 24 booda adda kute

Qeeqaan Pireezidant Puutiin Aleeksii Navaalyii mana hidhaa keessatti lagannaa nyaataa gaggeessaa ture guyyoota 24 booda dhiibbaa hakiimotaan adda kutuu beeksise.

Sa'aatiiwwan dura hakiimonni dhuunfaa isaa lubbuu isaa oolchuufi fayyaa isaaf jecha lagannaa nyaataa dhiisee akka sooratu gaafatanii turan.

Navaalniin Bitootessa 31 tajaajila fayyaa wayyoo qabu gaafachuuf nyaata lagachuu kan eegale.

Qeeqaan Puutin beekamaan kun kana dura ogeeyyii fayyaa walabaan si'a lama ilaalamuu isaa ibsuun, haala keessa jiru hubachuun ''duula lagannaa nyaataa koo adda kuteera'' jedheera.

Adeemsi nyaata fudhachuus suuta suuta akka ta'u ibse.

Sanbattan irra isa dubbisanii kan turan ogeeyyiin fayyaa dhuunfaa isaa, ''daqiiqaa kamittuu du'uu akka danda'u akeekkachiisaa'' turan.

Navaalniin qaamni isaa hadooduu fi dugdi isaa dhukkubaa jiraachuu ibsuun ogeeyyiin fayyaa man hidhaa sanii yaala gahaa kennaafii akka hin turre komate.

Qeeqaan Pireezidant Puutiin kun kan hidhame Saayibeeriyaatti summii nyaachifamee Hospitaala biyya Jarman Barliinitti lubbuun isaa fiixee du'aarraa erga deebitee ji'a Muddee keessa Raashiyaatti akkuma deebi'eeni.

Amajjii keessa ammoo turtii hidhaa cabsee sababa jedhuun manni murtii hidhaa waggaa lamaa fi ji'a jahaa itti muree mana amala sirreessatti dabarseera.

Manni Murtii Mirga Namoomaa Gamtaa Awrooppaa namni siyaasaa kun akka bilisa bahu gaafatus Raashiyaan fudhatama dhabsiifteetti.

Deeggartootni isaa kumootaan lakkaawaman hiriira bahuun mormaniis hedduun hidhamaniiru.