Ameerikaan filannoo Itoophiyaatti gaggeeffamuun wantonni ishee yaaddessan jiraachu himte

Filannoo Itoophiyaatti guyyoota muraasaan booda gaggeefamuuf jiruun walqabatee haalawwan biyyattii keessa jiran baayyee akka ishee yaaddessan Ameerikaan ibsite.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa Jimaata Kaleessaa baaseen akka agarsiisetti, hidhamuun paartileen siyaasaa, dhiibbaa miidiyaalee walabaa irratti raawwataman, walitti bu'insawwan sabaafi rakkooleen biroon qormaatawwan bilisummaafi haqa-qabessummaa filannoo dhufaa jiru kanaa akka ta'an eereera.

Ibsichi itti dabaluun, lakkoofsi ummataa ol-aanaa ta'e "sababii rakkoo nageenyaafi qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif filannicharratti kan hin hirmaanne ta'uun yaaddessaa ta'uu," mul'iseera.

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffamuuf ture. Haata'u malee sababa weerara koronaavaayirasiirraan kan ka'e bara kanatti dabarfamuun dhuma Caamsaa darbe gaggeeffamuuf jedhamus sababiiwwan yeroo galmee filattootaa dheerefameefi boodatti harkifannaa meeshaalee filannoo dhiyeessuutiin walqabatee gara walakkeessa Waxabajjiitti akka siqu taasifameera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhiheenya akka beeksisetti, Itoophiyaan filannoo marsaa lamatti qoodame gaggeessuuf akka qophoofteefi marsaan duraa ALI Waxabajji 14, 2013tti kutaa biyyattii gara caalutti ni gaggeeffama jedheera.

Marrsaan lamaffaa ammoo bakkawwan sababa rakkoo nageenyaafi dogondorri waraqaa filannoo irratti mul'ate jedhameefi meeshaaleen filannoo ittiin raawwachiisan hin qaqqabiin tureef jecha gaafa Qaamee 1, 2013 akka gaggeeffamu boorichi beeksisee ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ammoo ibsa filannoo Itoophiyaa kana ilaalchisuun baaseen, filannoon kun ilaalamuu kan qabu qofaatti osoo hin taane akka qaama marii, waltumsuufi siyaasa dimokiraatawaaf haala mijeessuu tokkootti ta'uu qaba jedheera.

Itti dabaluun ibsichi, "dimokiraasiifi tokkummaa biyyaalessaa biyyattii cimsuuf mootummaafi Itoophiyaanonni, filannoon booda marii siyaasaa hunda hammate" akka taasisaniif waamicha dhiyeesseera.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kun, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa wayita Itoophiyaanonni hedduun sababii walitti bu'insaafi rakkoo hanqina nyaataan du'aafi gidiraaf saaxilamanii jiran keessatti wantota filannichaaf isa barbaachisan guuttachuudhaaf yaalii taasisaa jiru dinqisiifateera.

Gaggeessitoonni siyaasaafi hawaasaa walitti bu'insa akka morman, akkasumas kanneen biroo walitti bu'insaaf kakaasuurraa akka of qusatan gochuun komuu qaban mariifi waliin dubbachuun malawwan humnaan miidhaa hin qaqqabsiifneen akka falataniifis gaafateera ibsichi.

Mootummaanis miidiyaaleen walabaafi waldaaleen miti-mootummaa akka deeggaruufi mirgoota lammilee yaada isaanii bilisaan ibsachuu, gurmaa'uufi walitti qabamuu akka kabajuuf, akkasumas gochawwan interneetii cufuufi neetiwoorkiiwwan irra ugura kaa'uurraa akka of qusatuuf gaafateera.

Kutaaleen Itoophiyaa baayyee keessatti rakkoo walqooduun hammaachaa dhufe tokkummaa biyyattiif yaaddoodha kan jedhe ibsi kun, yeroon filannoon booda jiru lammileen Itoophiyaa tokkummaan dhaabbachuun rakkoo walqooduu kana dura akka dhaabbataniif murteessaadhas jedheera.

Itoophiyaan qormaatawwan ishee mudatan keessa darbuun lammileen biyyattii jireenya abdii qabu akka qabaatan gargaaruuf qophii ta'uu ibsuun, nagaafi tasgabbii uumuuf lammileen carraaqan waliinis akka dhaabbattu Ameerikaan ibsa baaste kanaan ibsiteetti.

Gamam biraan Boordiin Filannoo Itoophiyaa walgahii Jimaata ALI Waxabajjii 03 bara 2013tti gaggeesseen booda ibsa baaseen, iddoowwan tokko tokkotti galmeen filattootaa beekamtii isaa malee gaggeeffamuu himeera.

Akka ibsa Boordichaatti galmeen filattootaa kun kan gaaggeeffamee buufataalee filannoo beekamtii boordichaan ala hundaa'an keessattidha.

Kana malees, naannolee filannoo 54 keessatti waraqaawwan filannoo maxxanfaman irratti rakkoon mudachuu adda baasuusaa boordichi dhiheenyuma kana isbe.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa kanaaf namoonni miliyoona 37 ol ta'an filachuuf akka galmaa'an ragaan Boordii Filannoo irraa argame ni mul'isa.

Namoota waliigala akka biyyaatti filachuuf galmaa'an keessaa ammoo miliyoona 15 ol kan ta'an naannoo Oromiyaarraati.