Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa shamarree Seenaa Raggaasaan 'qaama shakkinu hin qabnu' jedhu maatiin
Shamarree Seenaa Raggaasaa Sambata Duraa galgala namoota "ammaaf hin beekkamneen" ajjeefamuushee maatii fi qaamoleen mootummaa BBCtti himaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti jiraattuu magaalaa Gincii kan turte shamarree Seenaa Raggaasaa ajjeechaanshee erga dhagahame booda yaadootni garagaraa himamaa jiru.
Ajjeechaan kun Sambata Duraa galgala naannoo sa'aa tokkootti raawwatamuusaa BBCtti himan obboleessi shamarree kanaa Obbo Leenjisaa Raggaasaa.
''Obboleettii isheefi hiriyaashee waliin gara manaa osoo galanuu namootni uffata gurraacha uffatan lama duubaan dhufanii balbala mana keessa jiraatan irratti rasaasaan ishee dhahe," jechuun BBCtti himan.
Shamarree Seenaa waqtii sanatti maatishee magaalaa Olonkomii jiran biraa galaa akka turtes Obbo Leenjisaan himaniiru.
Ammatti qaama ajjeechaa kana raawwachuu danda'a jedhanii shakkan akka hin qabne kan himan Obbo Leenjisaan, "nuti wanti shakkine wanti tokkollee hin jiru. Yoo waaqni jedhe dhimma qorannaa boru booda jalqabna," jedhan.
"Mootummaa yemmuu gaafannu 'warra bosona jirantu ajjeese' nun jedhu. Qaama sanis oggaa gaafannu 'warra mootummaatu ajjeese' nun jedhu. Kanaaf adda baafachuu hin dandeenye," jechuunis himan.
Shamarree Seenaa Raggaasaa siyaasa keessa hirmaachaa akka turtes obboleessi ishee Obbo Leenjisaan dubbataniiru.
Yaada qaama mootummaa…
Itti Gaafatamaa Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Dandii kan ta'an Obbo Biyyasaa Hirkoo, ajjeechaan shamarree Seenaa Raggaasaa naannoo Buufata Fayyaa magaalaa Ginciitti raawwatamuu BBCtti himan.
"Dhugaa dubbachuuf taanaan 'mana hidhaatii baatee qaama mootummaatin miidhaan kun irratti qaqqabe' kan jedhu olola sobaati," jedhan.
"Maatiinshee waajjira poolisiitti dhufanii eeruu kan laatan 'namatu bilbilee waame' kan jedhudha," jechuunis himan.
Shamarree Seenaa Raggaasaa siyaasa keessatti hirmaannaa akka hin qabne maatiirraa odeeffachuu himan Obbo Biyyasaan.
''Mucayyoon nama nagaa, nama tasgabbooftuu, nama jireenyashee gadi buutee jiraachaa jirtudha. Nama siyaasa keessatti qooda qabaattee, diigumsa biyya kanaa keessattis gahee qabaattee qaamni mootummaallee tarkaanfii irratti fudhachuuf adeemsisu miti," jedhan.
Yakki ajjeechaa akkanaa magaalaa Gincii keessatti irra deddeebin mudachaa jiraachuu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Dandii kun, ji'oota sadii duras dargaggoon tokko bifuma walfakkaatun "namoota hin beekkamnen" ajjeefamuusaa himan.
Ajjeechaa shamarree Seenaa wajin walqabatee namni to'annoo jala oole akka hin jirre himuunis poolisiin ajjeechicha qorachaa akka jiru dubbataniiru.
Sirni awwaalchaa shamarree Seenaa Raggaasaa guyyaa Wiixataa raawwatameera.
Ajjeechaa lammiilee nagaa wajjin walqabatee yeroo garaagaraatti mootummaan dhaabbilee mirgoota namoomaafi miseensoota hawaasaatin qeeqamaa turuunsaa ni yaadatama.
Gama kaaniin mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa namoota nagaafi hokkorra bakkeewwan adda addaatiif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' ykn 'Shanee' jedhee waamu irra deddeebiin gaafatama taasisa.