Qorannoo: Imaammatni to'annoo dahumsaa Chaayinaa 'dhala uummata Uyghur miiliyoonotaan hir'isa'

Madda suuraa, Getty Images
Imaammatni to'annoo dahumsa Chaayinaa lakkoofsa uummata saba lakkoofsaan xiqqaa Wiiger [Uyghur] Kibba Shiinjiyaangi jiraatanii waggoota itti aanaan 20 keessatti harka sadiin xiqqeessuu danda'a, akkaataa xiinxala haaraa qorataa Jarmaniin.
Xiinxalichi imaammatni naannoo kun yeroo jedhame kana keessatti lakkoofsa ijoollee dhalatanii miliyoona 2.6 hanga 4.5tti xiqqeessuu danda'a jechuun guduunfe.
Chaayinaan biyyoota Lixaan Kutaa biyyaa Xinjiang keessatti duguuggaa sanyii raawwachuun himatamaa turte. Kun gariin humnaan lakkoofsa hamma ijoollee godhatanii murteessuuni.
Chaayinaan himata kana haaluun, lakkoofsi ijoollee godhatanii kan xiqqaate sababa biraatiini jette.
Qorannoo haaraan, Adiriyaan Zeenziin hojjetame kun qorannoo barnootaa jalqabaa, dhiibbaa to'annoo Chaayinaan kutaa Shiinjiyaangi keessatti uummata lakkoofsaan xiqqaa Wiigerii fi kaan irratti taasiftu qabu himedha.
Imaammata to'annoo dahumsaa Chaayinaan naannichatti taasiftu jalatti, lakkoofsi uummata lakkoofsaan xiqqaa Kibba Shiinjiyaangi keessaa bara 2040tti miliyoona 8.6 hanga 10.5 gaha, kun isa qorattoota Chaayinaan miliyoona 13.1 taha jedhamuun osoo Beejingi to'annicha hin dabarsiin dura ibsameen yoo wal bira qabamudha.
''Xiinxalaa fi qorannoon kun dhugumaan kaayyoo mootummaan Chaayinaa waggoota dheeraa keessatti uummata Wiiger irratti qabu duuba waan jiru agarsiisa,'' jechuun Mr Zeenzi Rooyitarsi, kan qorannicha dura maxxansetti hime.
Gabaasa kana keessatti, Mr Zeenzi, bara 2019 qondaalotni Shiinjiyaangi ''yoo xiqqaate dubartoota umurii dahumsaa keessa jiran tajaajila baqaqsanii yaaluu ulfa ittisu adda kutan %80 tahan, baadiyyaa Kibba biyyattii bakkeewwan afur naannoo sabni lakkoofsaan xiqqaa jiraatan keessa jiran irratti hojjechuuf karoorsaniiru, Tajaajila ittisa ulfaa yeroo dheeraa [ IUDs] akka argatan yookaan ammoo maseensuuf.''
Ogeessonni akka jedhanitti Chaayinaan uummata Wiiger fi Musiliimota biroo miliyoonotaa tahan Shiinjiyaangi keessatti hiitee jirti.
Mootummaan uummata Musiliimaa xiqqeesuufi warra kaan waliin walitti makuun akka lakkoofsi isaanii xiqqaatu gochuun himatamaa ture.
Gabaasonni akka agarsiisanitti, qondaalonni tahe jedhanii uummata bakka idilee Chaayinaa Haan irraa gara duraan saba lakkoofsaan xiqqaan irra caalaan jiraachuun beekamu Shiinjiyaangitti geessuun saba Wiiger ammoo achii baase.
Akkaataa qorannoo Mr Zeenzitti, imaammatni to'annoo dahumsaa Chaayinaa uummata Haan Kibba Shiinjiyaangi keessatti akka dabalu taasisa. Naannoo kana uummata Wiigertu irra caalaan jiraata. Isa amma jiru %8.4 irraa bara 2040tti gara %25tti guddisa.
Akkaataa qorannoo ji'a darbe Inistitiyuutii qorannoo Imaammataa Awustiraaliyaan bahe tokkoottis, hammi ijoollee godhachuu bara 2017 hanga 2019tti Shiinjiyaangi keessaa 48.7'n xiqqaatera.
Lakkoofsi akkasii kun erga UN hamma namni tokko ijoollee godhatuu addunyaa irraa ragaa funaanuu jalqabeen as waggoota 71 keessatti mul'atee hin beeku jedhe ASPI.
Torban darbe Chaayinaan cimdiiwwan yookaan haati manaafi abbaan manaa, hanga ijoollee sadii godhachuu akka danda'an eeyyamte. Kun erga lakkoofsi uummataa hammi ijoollee dhalatanii akka malee kufuu agarsiseen booda.
Garuu ragaan dhoksaan baheefi dhugaa bahumsi namootaa akka himutti, naannoo Shiinjiyaangi keessatti faallaa kanaan hojiirra oolaa jira. Dubartiin hamma dhala godhachuu kaa'ame cabsite ni hidhamti yookaan ni adabamti.
Akkaataa gabaasa kana duraa Mr Zeenzi, ragaa imaammataa naannoo fi dhugaa baatotaan baheen, dubartiin Wiiger ulfa ofirraa baasuu didde hidhaadhaan adabamti.
Kaan ammoo fedha isaanii malee meeshaan qaama saalaa isaanii keessa galfamuun yookaan ammoo tajaajila baqaqsanii yaaluun akka maseenan taasifaman hima.
Chaayinaan garuu lakkoofsa uummata Wiiger xiqqeessuuf hojjetti kan jedhu soba jette.
Sababni hamma ijoollee dhalatanii naannoo Shiinjiyaangi keessaa sababa hamma ijoollee godhachuu danda'amu daanga'uu hojiirra oolee fi karoora maatiitti fayyadamuu fi galiin isaanii dabaluutiini jette.
''Kan Xinjiang keessatti 'duguuggaa sanyii' jedhamu waan hiika hin qabnedha,'' jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Rooyitersitti.
''Kun agarsiiftuu farra Chaayinaa Ameerikaa fi biyyoota Lixaa keessaa akkasumas kan warra jibba Chaayinaan miidhamaniiti.''
Mr Zeenzi Faawundeeshinii Yaadannoo Miidhamtoota Kominizimii [Victims of Communism Memorial Foundation], Waashingitan DCtti argamu keessatti qorataadha.
Dhaabbatichi farra Kominizimii irratti kan hojjetuufi ''birmadummaa warra mootummaa abbaa irree jala jiranii fiduuf kan hojjetu'' jechuun of ibsa.
Rooyitersi qorannoo haaraa kana ogeessota qorannoo uummataa, imaammata ittisa dahumsaa fi seera mirga namoomaa hedduuf qooduu hime. Kanaaf guduunfaan qorannichaa dhugaa tahuu tajaajila oduu kanaaf mirkaneessuu hime.
Ogeessonni gariin ammoo tilmaamni lakkoofsa uummataa yeroo jedhame keessaa sababoota hin mul'anneenis dhufuu akka danda'an akeekkachiisaniiru.













