Biyyoonni Afrikaa faallaa biyyoota liixaa mirga namoomaarratti maaliif Chaayinaa deeggaru?

Biyyoonni Afrikaa sarmaba mirga namoomaa UN Chaayinaan irraa mulquuf jedhu mallatteessuu didan

Madda suuraa, AFP

Biyyoonni Afrikaa qabinsa mirga namoomaa hawwaasa Uyghur Kaaba Lixaa Chaayinaa, kutaa Zhinjiyaangi irratti akka biyyoota warra lixaatti yaada yoo kennan hin dhagahaman.

Dhugumatti dippilomaatonni Afrikaa muraasni tibbana Beejingitti sagantaa qophaa'e irratti argamuun imaammata Chaayinaa dinqisiifataniiru.

Hawwaasni muslimaa Uyghur yoo xiqqaate miliyoonotaan lakkaa'aman Chaayinaa kutaa Zhinjiyaangi keessatti hidhamaniiru. Chaayinaan gochawwan akka hojii humnaa cimaa hojjachisu, humnaan kolaasuu, dararaa fi duguuggaa sanyii irratti raawwatti jedhamuun himatamti. Chaayinaan garuu yakka kana ni haalti.

Mootummaan Chaayinaa kaampii hiidhaati jedhaman lafa ''shororkeessummaa fi finxaalessummaa amantaa'' ittisuuf barnoonni haaromsaa itti argatanidha'' jechuun hima.

"Humnoonni Lixaa gariin haalota Zhinjiyaangi ol kaasaanii haasa'anii fedha isaanii galmaan ga'uuf Chaayina irratti haleellaa gaggeessuu barbaadu,'' jedhe Ambaasadarri Burkinafaasoo, Adama Kaampooree, sagantaa ji'a Bitootessaa keessa chaayinaatti qopha'een Zhinjiyaangi irratti ija ambaasadaroota Afrikaan Chaayinaatti ergamanitti yoo himu.

Saganticha irratti bakka bu'oonni Sudaanii fi Koongoo Biraazaavil kan argaman yoo tahu, bakka bu'aan Daani'eel Owasaa, tarkaanfii Chaayinaan naannicha farra shororkeessummaa irratti fudhatte akka deeggaru hime.

''Naannoo Zhinjiyaangi keessatti erga yeroo dhiyoon as misooma gama hundaan mul'ate'' akka dinqisiifatus himeera.

Dhaabbanni mirga namoomaa Human Right Watch walitti qabamichi fakkeenya Afrikaan dhimmoota murteessoo adunyaa irratti callisuu ishee agarsiisudha jedhe.

Dippilomaasii barame tahu mala, garuu mootummoonni Afrikaa sarba mirga namoomaa Beejingi geesisftu irratti callisuun akka adunyaatti dhiibaa ni qabaata,'' jedhan Kaareen Kanezaa Nantulaay, daariktera advookesii dhaabbata HRW Afrikaa kan tahan ibsa kennan irratti.

Afrikaanonni garaagarummaa ilaalcha biyyoonni kaan sarba mirga namoomaa irratti tokkummaan qaban yeroo baay'ee balaleffatu'' jette.

Jijjiirama labataa?

Ejevione Otobo, Inistiyuutii bulchiinsaa Adunyaa Biraasils irraa, Afrikaa fi Chaayinaan dhimmoota gurguddoo sadii irratti hubannoo waloo qabu jette.

Mirga namoomaa, fedha dinagdee fi dhimma keessoo biyyaa irratti gidduugalummaa dhabuudha jette.

Dhimma mirga namoomaa irratti ejjennoon Afrikaa Chaayinaa deeggaruuf qaban ardicha faallaa warra Lixaa isaan dhaaba.

Bara 2020 filannoo Mana Maree Mirga Namoomaa UN Jeneevitti gaggeeffame irratti seera falmisiisaa nageenyaa Hoongi Koongi ilaalchisee adabbii namoota siyaasaa irratti dabarsuun ofiin of bulchuu biyyichaa dhaabsise irratti biyyoonni gurguddoon 25 tahan gara Chaayinaa gora.

Ji'a tokko booda ji'a Onkoloolessaa keessa biyyoonni Afrikaa tokkoyyuu sanada sarba mirga namoomaa Chaayinaan Zhinjiyaangi, Hongi Koongi fi Tibeet keessatti gaggeesiyu agarsiisu hin mallatteesine-biyyootni Lixaa ammoo sanadicha ni deeggaran.

HRW gaggeesitootni Afrikaa dhimmoota gurguddoo adunyaa kaan duubatti dhiisuun faayidaa dinagdee Chaayinaa irraa argatan dursan jedhe.

Erik Olaander, hundeessaa waloo pirojeektii Chaayinaa Afrikaa, kan tahe faallaa Beejingi dhaabbachuu dhabun biyyoota Afrikaaf ''imaammata alaa dursa argachuu qabudha'' jedhe.

Qeeqxotni kunneen kan hin hubanne hiyyummaa, biyyoota guddataa jiran- baay'een isaanii liqaa fi daldalaaf Beejing irratti hundaa'uu isaaniiti. Ejjennoo Chaayinaa dura dhaabbachun ishee dallansiisu irratti hin argaman,'' jechuun BBCtti hime.

Chaayinaan waggaa sadi sadiin gaggeesitoota Afrikaa wlaiin wal gahii gaggeesiti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan waggaa sadi sadiin gaggeesitoota Afrikaa wlaiin wal gahii gaggeesiti

Qabxiin biraa ammoo hariiroo waggoota dheeraalakkoofsise kan bara 1970 keessa jalqabe yoo tahu yeroo sana biyyootni Afrikaa hedduun Ameerikaa mormuun akka Chaayinaan deebitee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniiti makamtu shoora ol aanaa taphataniiru.

''Erga sanaa hariiroon isaanii dabalaama deeme,'' Naayiroobii kan jiru xiinxalaan dhimma Afrikaa-Chaayinaa, Kiliif Mboya, BBCtti hime.

"Waggoota 30'f ministerri dhimma alaa Chaayinaan jalqaba waggaa haaraatti biyyoota Afrikaa daawwatu. Kun mallattoo qofa osoo hin taane hariiroo waggaa dheeraa irratti investi gochaa turuufi Afrikaanota irratti ilalcha guddaa fiduu agarsiisa.''

Lammilee Afrikaa dargaggoo tahan hagas mara ilaalcha guddaa hin qabaniif- misooma Ameerikaaf ilaalcha gaarii qabu, akkaataa qorannoo Afrobarometiriitti.

Garuu labatni durii fi gaggeesitootni mootummaa akka biraatti hubatu. Waggoota 20 darbaniif fandii bu'uuraalee misoomaaf gara Chaayinaatti deebi'aniiru.

Kun haala teessuma lafa ardichaa gama daandiilee qaalii tahaniin, riqichaa, daandii baaburaa, buufata doonii fi bu'uuraalee misoomaa interneetiin jijjiiruun ardichi akka dinagdee dijitaalaa argatu godheera.

1px transparent line

Pirojektotni gariin qaama inisheetiivii daandii guddaa biyyoota walitti hidhuu biiliyoona hedduun Chaayinaan hojjettu yoo tahan biyyootni Afrikaa 46 tahan ammoo waliin mallatteessaniiru, jedhe Mr Otobo.

Madaalliin warra Lixaa irraa eessa jira? jedhee gaafata. Fandii Chaayinaa waliin wal madaalsisuun ni ulfaata jedhe.

Hanqinni iftoominaa pirojektota kanneen fandi gochuuf mallattaa'an irratti jiraachuun shakkii ardittiin liqaa kaffaluu hin dandeenye keessa galteetti jedhu kaaseera, jedhe Orlaander.

Liqaa irraa bayyaannachuufi talaallii koroonaavaayirasii argachuun qabiyyee guddaa Wal deeggarsa Fooramii Chaayinaa- Afrikaa, wal gahii waggaa sadii guddaa xumura bara kanaatti Senegaalitti taa'amuu taha jedhamee eegama.

Dippilomaasii Talaallii

Erga weerarichaan as alaabaan Chaayinaa buufataalee daandii qilleensaa ardii Afrikaa keessatti yeroo hedduu kan argaman yoo tahu, deeggarsa meeshaalee ittisaa fi talaallii ergaman simataa turan.

Dippilomaasiin talaallii kun hanga ammaatti biyyoota 13 kan gahe yoo tahu, bitachuun yookaan deeggarsa argachuun fayyadamaniiru.

Zimbaabuween biyyoota talaallii Koroonaa Chaayinaa irraa fayyadamanidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuween biyyoota talaallii Koroonaa Chaayinaa irraa fayyadamanidha

Yoo wal bira qabamee ilaalamu UK yookaan US irraa deeggarsi talaallii kallattin hin jiru, yoo karaa Covax, tahe malee.

Covax biyyoota Afrikaa 41 keessatti talaallii doozii miliyoona 18 tahu dhiyeesseera.

Talaallii koroonaa dhiyeessuun adunyaa irratti humna ittiin wal dorgoman taheera. Barreessan Dhimma Alaa UK, Dominik Raab, biyyootni guddatan talaallii sadarkaa isaa eeggate [ golden standard] eeggachuu qabu kan Chaayinaa fi Raashiyaa fudhachuu irra.

Barreessaan Dhimma Alaa US, Antoonii Bilinkeen haalichaa akka dorgommii guddaatti hin ilaalle, dhiyeenya barattoota Afrikaatti yeroo dubbatu, '' nuyi US fi Chaayinaa keessaa akka filataniif nama tokkoyyuu hin gaafannu'' jedhan.

Tiraafikii Naayiroobii keessaa

Madda suuraa, BBC/Peter Njoroge

Ibsa waa'ee suuraa, Daandii Eksipireesii Naayiroobii maayilii 17, pirojektota Chaayinaan deeggaraman keessaa tokko tahe

Biyyootni Lixaa karaa liqaa fi bu'uuraalee misoomaan Chaayinaa deeggaru hin danda'an. Kanaaf homaa gochuu waan hin dandeenyeef investimentii malaammaltummaa irraa bilisa tahee fi dimokiraasii jechuun watwaatu.

Sababa kanaan sarbama mirga namoomaa Uyghur irratti yeroo dhiyootti gaggeesitootni Afrikaa waan hin deeggarreef Chaayinaa mana murtii idil adunyaa Heegitti dhiyeessuuf mijataa miti jedhu.

Dhaabbatni Abubacarr Tamado jedhamu Dhaabbata Wal Deeggarsaa Islaamaan kan miseensota biyyoota Musiliimaa 57'n deeggarama, isaan keessaa 27 kan tahan biyyoota Afrikaati.

Tarkaanfichi biyyoota Lixaan kan jajame yoo tahu, kana irraa kan ka'e duguuggaa sanyii Mayinamaar ittisuuf mana murtii idil-adunyaatti fudhachuuf gargaareera.