Mormii Hong Kong: Pireezidant Shii warreen Chaayinaa qoqqooduuf yaalan akeekkachiisan

A demonstrator sets a bin on fire in Hong Kong

Madda suuraa, Reuters

Pireezidantiin Chaayinaa warreen Chaayinaa qoqqooduuf yaalan ''qaamni isaanii bullaa'ee, lafeen isaaniis akka daaraa tahu'' akeekkachiisan.

Akeekkachiisni kunis warreen mormaniif kenname.

Dubbiin Shii Jinping kun kan dhagahame wayita pireezidantichi Neeppaal daawwachaa turanitti tahuu, Miidiyaan biyyaalessaa CCTV'n gabaaseera.

Shii akeekkachiisni kun eenyuuf akka tahe maqaa dhahuu baataniis, Hongi Koongiif akka tahe amanama.

Sababni isaas Hongi Kongitti mormiin Beejing irratti erga ka'ee ji'oota waan lakkoofsiseef.

Hiriirri nagayaa gaafa Dilbataa eegalame, irra deebiin jeequmsatti jijjiirameera.

Buufataaleen geejjiba uummataa fi suuqiiwwan deeggartoota Beejingiiti jedhaman barbadaa'aniiru.

Shii Jinping maal jedhan?

''Namni kamuu naannoo Chaayinaarraa fottoqsuu yaalu badiinsaa geesseetti - qaamni isaanii bullaa'ee, lafeen isaas daaraa ta'a,'' jedhan jechuun ministeerri dhimma alaa Dilbata ibsa baaseen himeera.

China's President Xi Jinping and Nepal"'s President Bidhya Devi Bhandari arrive at Tribhuvan International Airport, as Xi is about to leave, wrapping up his two-day visit to Nepal, in Kathmandu October 13, 2019.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Shii Jinpiing daawwanaa isaanii guyyoota lamaa Neeppaal obbaasaniiru

''Qaamoleen alaa adda qoqqoodamuu Chaayinaa deeggaranis, uummata Chaayinaa biratti akka gantuutti ilaalamu,'' jedhaniiru.

Erga mormiin Hongi Kongi ji'a afuriin dura eegalame kaasee, jeequmsa kakaasuun Chaayinaan ''qaamolee alaa''tti quba qabdi.

Ameerikaa fi UK's dhimma keessoo Chaayinaa keessa lixaniiru jechuun himatti.

Jechi isaanii kun maaliif akka waan guddaatti fudhatame?

Pireezidant Shiin haasa'a Hongi Koongi ilaallatu kallattiin hin kennine. Dubbiin isaanii ammaa kunis akeekkachiisa olaanaa akka tahetti fudhatama.

Beejing hokkoricha poolisiin Hong Kong ni to'ata amantaa jedhu qabdi. Mormitoonni garuu, Chaayinaan waraana nutti ergiti sodaa jedhu qabu.

Kuni garuu waan tahu hin fakkaatu, balaa hamaa qaba waan taheef.

Ogeeyyiin dhimmicha hordofan waan jedhan, Chaayinaan kana gooti taanaan, taatee 1989 Addabaabaayii Tiananmen'tti raawwate irra deebiti. Taatee kanaanis namoonni dhibbatti lakka'aman lubbuu akka dhaban gabaafama.

Siidaan ''Lady Liberty'' Hong Kongitti mormitootaan halkan dhaabamee bule

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan ''Lady Liberty'' Hong Kongitti mormitootaan halkan dhaabamee bule
Presentational white space