Magaalota addunyaa qaqqaalii ta'an isaan kamidha?

Eiffel tower

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaan Paariis akka addunyaatti hunda caalaa magaaalaa baayyee qaalii taateetti, magaalonni akka Hong Kongiifi Singapoorillee akkasuma qaala'oodha jedhameera.

Waggoota 30 keessatti magaalonni sadii seenaa keessatti qaala'insaan tokkoffaa ta'uun isa jalqabaati akka qorannoon waggaa waggaan dhaabbata Economist Intelligence Unit jedhamu magaalota addunyaa 133 waldorgomsiisuunhojjeteen.

Magaalaan gudditti Firench - kan bara darbe akka adunyaatti qaala'insaan lammaffaa baate kun magaalota zoonii Awurooppaa keessaa kan sadarkaa tokkoo hanga kudhanii keessatti argamtu tokkottii taateetti.

Qorannoon kun gatii/baasiiwwan meeshaalee baramoo kan akka daabboo magaalota 133 keessatti waldorgomsiisuun gaggeeffame.

Kana gochuudhaanis baasii jireenyaa magaalaa Niiwu Yoorki kan hunda safaruudhaaf ka'umsa taate waliin ilaaluudhaan hangama akka gatiin gadi bu'uufi ol-bahu hordofeera.

Dorgommii rifeensa/dabbassaa sirreffachuu

Barreessituun gabaasaa Roxana Slavcheva akka jedhutti magaalaan Paariis bara 2003 irraa kaasee magalaa akka addunyaatti hundaa ol-qaala'insi jireenyaa keessatti mul'atuufi "keessa jiraachuudhaaf ammoo gara malee qaala'aadha".

"Magaalota Awurooppaa biroo waliin yeroo walbira qabamee ilaalamutti maallaqa alkoolii, geejjibaafi tamboodhaaf ba'u qofaatuu gatii itti baasan gita," jetti barreessituun kun.

Fakkeenyaaf, baasiin rifeensa sirreeffachuuf Paariis keessatti nama barbaachisu $119.04 yommuu ta'u Zuurk keessatti $73.97, magaalaa Jaappaan Osaakaa keessatti ammoo $53.46 waliin yeroo ilaalamu hedduu qaaliidha.

"Magaalonni Awurooppaa mana jireenyaa keessatti waanta nama barbaachisan, kunuunsa dhuunfaa ofiif, bashannanaafi of gammachiisuudhaaf baasiiwwan barbaachisu gama ilaallatuun baasii hunda caalaa gurguddaa gaafata. Ramaddii kanaaf ammoo magaalaan Paariis fakkeenya gaariidha ," jetti Aadde Slavcheva.

line

Magaalawwan akka addunyaatti qaqqaalii ta'an kurnan duraa

1. Singaappoor

1. Paaris (Firaansi)

1. Hong Kongii (Chaayinaa)

4. Zuurik (Siwiizerlaand)

5. Jenevaa (Siwiizerlaand)

5. Osaakaa (Jaapaan)

7. Si'ol (Kooriyaa Kibbaa)

7. Copenhaagen (Denmaark)

7. Niwu Yoork(US)

10. Tel Aviiv (Israa'el)

10. Los Anjales (US)

line
Karakas keessatti warra mataa sirreessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Karakas akka addunyaatti magaalaa baayyee gatii salphaan jiraatamtudha

IQaala'insi jireenyaafi sharafni biyya alaa kufee ka'uun bara kana sadarkaa jireenyaa magaalotaa baasuudhaaf jijjiiramu taasiseera, kun ammoo biyyoota akka Arjentiinaa, Turkiifi Venezuweelaa keessatti sadarkaa jireenyaan isaanii haalaan gadi bu'aa/salphaa ta'u taasiseera.

Magaalaan Venezuweelaa, Karkas qaala'insi jireenyaa bara darbe %1,000,000 dhiyaachuudhaan akka mootummaan gosa maallaqa biraa jalqabu taasisuun akkaataa qorannoo kanaatiin sadarkaa addunyaatti magaalaa hundaa gaditti rakasa taateetti.

Magaalaa Karakas keessatti gatiin buna shiinii tokkoo dachaa ta'ee boliivaarsii 400 ($0.62; £0.50) akka ta'e Bloomberg gabaaseera.

FDamaasqoon biyya Siiriyaa ammoo akka addunyaatti magaalaa rakasuun sadarkaa lammaffaa taatedha.

Akka Economist Intelligence Unit jedhutti sababiiwwan dhiibbaa siyaasaafi dinagdeen jeeqamuu irraa kan ka'een "bakkawwan hedduun lakoofsi isaanii dabalaa jiran" baayyee rakasaa jiru.

line

Magaalawwan akka addunyaatti rakasa jedhaman kurnan duraa

1. Karakas (Venezuweelaa)

2. Damaasqoo (Siiriyaa)

3. Tashkent (Uzbeekistaan)

4. Almaatii (Kazaakhstaan)

5. Bangaloor (Indiyaa)

6. Kaaraachi (Paakistaan)

6. Lagoos (Nayijeriyaa)

7. Buenos Aires (Argentina)

7. Chennaayi (Indiyaa)

8. Niwuw Delhii (Indiyaa)