Finfinnee: Magaalaa jireenyaaf hin mijoofne

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Andia

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Finfinnee

Namoonni kutaa biyyaa irraa gara Finfinneetti hedduu ni godaanu. Hundinuus waan boor irra geenya jedhan hawwii isaanii qabatanii gara magaalattii seenu. Yeroo ammaa garuu Finfinneen guuttee kan dhangala'aa jirtu fakkaatti.

Ogeessonni ijaarsaa nuti dubbisne Finfinneen bakka jireenyaa ga'aa, mana qulqullinaa, bakkawwan bashananaafi misoomawwan bu'uuraa biroo hin qabdu jedhu.

Magaalattiin keessummoota natti hin dhufiinaa jettee ofirraa dhiibuu kan jalqabde turteetti jedhu ogeessonni kunneen.

Jireenya magaalaa kan namni hunduu hawwu fakkaata. Magaalaa keesa jiraachuunis carraa hedduudhaaf karra bana ta'a. Jireenyi magaalaas qaroominadhas.

Garuu magaalonni keenya akkamidha?

Magaalaa hirina hedduu qabdu

Ogeessa Arkitekcherii kan ta'an Obbo Nuureddiin namoonni jireenyi magaalaa foyyaa'aadha jedhanii yeroo gara magaalaatti godaanan jireenya foyyaa'aa ta'e jiraachuu malu ture jedha.

Akka Obbo Nuureddinitti magaalonni carraawwan hojii dabalatee, qilleensa qulqulluu, bakkawwan bashannanaa, bishaan ga'aa, ibsaafi mana jireenyaaf ga'aa ta'e guutummaatti dhiyeessuutu irraa eegama.

Yuunvarsiitii Finfineetti barsiisaa Sirna Ijaarsaafi Pilaanii Magaalaa kan ta'e Obbo Taaddasee Girmaay gama isaaniitiin magaalli tokko yeroo murtaa'e keessatti eessaa ka'ee eessa ga'a kan jedhu beekamuu qaba jedha.

Akkas ta'uu baatee jennaan rakkoon misoomaalee bu'uuraa Finfinnee mudate mudachuun kan hin oolledha jechuun ibsa.

Akka Obbo Taaddaseetti magaalaan karooraan itti yaadamee yoo ballateefi guddate gaarii akkuma ta'e karooraafi akeeka malee yeroo baballachaa deemu garuu rakkoo keessa akka nama galcha.

Magaalonni qabeenya uumamaa qabanitti sirriitti hin fayyadamanii uummataaf karaa sirrii hin qoodan taanaan rakkoon uumamu akka namoonni rakkatanii karaarra jiraatan dabalana taasisa, yakkis akka baballatu taasisa, kana malees balfiifi faalamni qilleensaa uuma jedha Obbo Taaddaseen.

Magaalaan Finfinnee rakkoo hedduu akka qabdu kan dubbatu Obbo Taaddaseen, ijaarsi seeraan alaa baballachuufi seerawwan ijaarsa waliin walqabatan kabachiisuun rakkisaa ta'uu himeera.

Bakkawwan magariisaa Finfinnee keessa bakka tokko tokko jiraatanillee sirnaan hojiirra hin oollee jedha Obbo Taaddaseen. Akka inni jedhutti yeroo ganni dhufu daadiiwwan lolaan liqimsuun, qubsuma seeraan alaa, hir'ina misoomaawwan bu'uuraa ballinaan magaalattii keessatti ni mullatu jedheera.

Finfinneen bakka tokko tokkotti gamoodhaan muddamtee mullatti

Madda suuraa, Giorgio Cosulich

Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneen bakka tokko tokkotti gamoodhaan muddamtee mullatti

Akka Obbo Taddaseen jedhanitti Fifinnee bakka tokko tokko keessatti gamoowwan walitti heddumaatanii waan ijaaramaniif bakki hafuura itti baafatanillee wan hin jirreef ukkaamamtuudha jedhe. Bakka gamoon hanga barbaadameen ol itti baayyate kanatti manneen jireenyaa, hoteelota, waajiraalee, manneen daldalaa walumatti makamanii jiru.

Gamoowwan kunneen yeroo ijaaraman bakkawwan magariisaa itti yaadamuun irra ture kan jedhu ogeessi kun qilleensa gaara Hinxooxxoo irraa argatan naannoo Araddaa Birbirsaafi hirraangadee Wadeessaatti argachuun rakkisaadha jedhe.

Obbo Nuureddin gama isaaniitiin dargaggoonni Finfinnee keessa jiraatan bakka isoortiifi bashananaa itti dabarsaniifi bakkawwan ayyaana itti kabajatu osoo barbaadee eessaa argata jechuudhaan gaafatu.

Obbo Nuureddiniifi bakka tokkottii Finfinneen qaba jettu Addabaabaayii Masqalaa qofadha jechuun bakka yeroo itti dabarsaniifi itti diriirfatan magariisa ta'e hin qabdu jedha.

Magaalwwan Finfinneen alaa

Itoophiyaan magaalaa mijaa'oodha jedhaman yoo kaasuun barbachise tokko ykn lama kaasuu ni dandeenya, jedha Nuureddin.

Isaan kunis magaalaa Hawwaasaafi Baahirdaar akka ta'an kan himu Obbo Nuureddiin karoorri magaalota kana lamaanii osoo namoonni keessa hin jiraatiin dura waan qophaa'aniif bakkawwan magariisaa, karaa balfi ittiin darbuufi bu'uuraaleen misoomaa guutameeraaf jedha.

Magaalaan Finfinnee akka adunyaatti kan jireenyaaf mijooftuu hin taane kan kaasu Obbo Nuureddin Finfinneen waan qabdurra waan hin qabnetu baayyata.

Akka Finfinneen miidhagduu hin taasifne kan taasian keessaa tokko gamoowwan ijaaraman akka ta'e namoonni tokko tokko ni dubbatu. Gamoon walfakkaatan foddawwan of-ilaaleen maragaman Daalattiidhaa hanga Qaalittiitti Haayaatirraa hanga Askootti toora galanii jiru.

Kanaaf rakkoon guddaan jedha Obbo Taaddasaan, seeronni ijaarsa gamoo ilaalchisanii bahan hojiitti kan hiikaman ta'uu dhabuu isaaniiti.

Kana malees jedha Obbo Taaddaseen, bakkawwan magariisaaf jedhamee bakka tokko tokkotti gamoon irratti ijaaramee argama.

Kun ammoo waan pilaanii irratti karoorfamee jiru hojiitti jijjiiruu dadhabuudhas jedheera.