Gareen 'Islamic State' hogganaan Bookoo Haraam du’eera jedhe

Hogganaan garee hidhataa Naayijeeriyaa Bokoo Haraam Abuubakir Sheekaawuu of ajjeesuu gareen milishaa mormituu 'Islaamic State' sagalee waraabee gadhiiseen ibseera.

Sagaleen maddeen oduu harka gale 'Islamic State' naannoo lixa Afrikaa jiru (Iswap) lola jara lameen gidduu godhameen ofirratti dhukaasuun of ajjeese jedhe.

Shekaawuun baatii darbe keessa akka ajjefame himamus yeroos garichis tahe mootummaan Naayijeeriyaa hin mirkaneessine ture.

Sagaleen waraabame maal jedha?

Sagalee haaraa argameen 'Islamic State', garee Bookoo Haraamiin faallaa ta'e, kan Afrikaa Lixaa hogganaan Abuu Musaab al-Barnaawii, Sheekaawuun ‘’meeshaa waraanaa ofirratti dhoosee of ajjeesee,’’ jedha.

Al-Barnaawiin loltoonni 'Iswap' hogganaa kun gaabbee isaaniitti akka makamu carraa kennaniifii ture jedha.

‘’Sheekaawuun garuu lafa kanarratti salphachuu mannaa du’ee salphachuu naa wayyaa jedhee,’’ jedha.

Yeroo duuti hogganaa kanaa baatii dabre odeeffamaa ture waraanni Naayijeeriyaa nan qoradha jedhee ture.

Dubbii himaan waraanaa biyyattii Birgaadeer Jeneraal Mohaammad Yeriimaa yeroos BBCtti akka himanitti waraanni waan tahe hordofaa akka jiru himanis, hanga mootummaan gabaasa mirkanaa argatutti ibsa hin baasnu jedhanii turan.

Gaazexeessaan dhaabota nageenyaa waliin hariiroo dhihoo qabu tokko Sheekaawuun yeroo Iswap qubsuma Bookoo Haaraam bosona Saambiisaa dhahu kaaba-baha Naayijeeriyaatti du’e jedha.

Namni kun yeroo baayyee du’eera jedhamus deebi’ee mul’ataa tureera.

Abuubaakir Sheekaawuun eenyu?

Bara 2009 hundeessaan Bookoo Haraam to’annoo poolisii jala otoo jiru yoo du’u Sheekaawuun garee riphee loltuu irraa gara garee balaafamaa kaaba-baha Naayijeeriyaa waliingahetti geeddare.

Hoggansa nama kanaa jalatti Bookoo Haraam boombii dhukaaseera, namoota buteera, manneetii hidhaa cabseera. Bara 2014 irraa eegalee immoo yaada seera Shari’aa jalatti Biyya Islaamaa dhaabuu jedhuun raasaa ture.

Namni ganna walakkeessa 40 keessa jira jedhamu Shekaawuun viidiyoowwan ololaa keessatti duula jihaadistii Osmaa Biin Laadeniin wal-fakkaatu deeggaraa ture.

‘’Akkuma handaaqqoo fi loon qaluu jaaladhu ajjeesuus akkasuma,’’ jechuun viidiyoo bara 2012tti gadhiiseen dubbatee ture.

Erga inni hogganuu jalqabee namoonni 30,000 ol tahan ajjeefamaniiru kunneen miiliyoona lama tahan immoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Gareen kuni bara 2014tti ijoollee dubaraa dhibbaan lakkaa’aman mana barnootaarraa yeroo bute xiyyeeffannoo addunyaa argate. Kunis sosochii #BringBackOurGirls jedhamu kaasee ture. Ijoolleen dubaraa baayyee ammallee hin deebihiin jiru.

Ergasii Ameerikaan nama kana ‘’shororkeessaa addunyaa’’ jechuun labsite.

Sheekaawuun ajandaa fiinxaalessaa gatii qabuuf Iswap dhaan fudhatama hin arganne ture. Kanaanis Bookoo Haraam irraa adda bahee Iswap hundeesse.

Duuti Shekaawuu mirkanaa’us dhuma Bookoo Haraam taha jechuuf guutummaatti waan dandeessisu mitii jedhu.

Erga adda bahaniin as Iswap Bookoo Haraamiin narratti fincile jechuun ari’achaa ture.

Gariin duuti hogganaa kanaa lola lameen isaanii gidduu jiru hambisuu mala. Iswap illee loltoota Bookoo Haraam fudhata yoo jedhan kaan immoo yaadasaaf akkuma amanamanitti hafu jedhu.