Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bookoo Haraam: Naayijeeriyaan maaliif garee milishootaa Bookoo Haraam mo'achuu dadhabdee?
Jecha motummaadhaan gareen milishaa Bookoo Haraam 'tekinkaan mo'atameera' jedhu dhugaa akka hintaanee wantoonni agarsiisan dabalaa jiru.
Pirezidantii Muhaammadu Buhaariin bara 2015'tti aangoo qabatanii baatii torbatti jecha kana dubbatan illeen gareefi ajjeechaan raawwatu gonkumaa dhaabbatee hinbeeku.
Waraanni daangaawwan harkaa baasuun hidhattoonni bakka itti dahatan tokko tokko gadhiisiisanii ture.
Haata'u malee, jeequmsi kaaba-bahaa biyyattii umamuun du'aatii namootaa qaqqabsiisee kan mudate bakkuma hidhattoonni kunneen bara 2009 egalaniidha.
Taateen kunis namoonni hedduun aanga'oonni tarkaanfii akka hin fudhannee maaltu madda ta'e jechuun akka gaafatan gochaa jira.
Bara kana qofaatti haleellawwan gara 100 ta'an namoota nagaafi loltoota irratti raawwatamu dubbatama. Namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, meeshaan waraanaa, nyaanni fi qorichi saamameera.
Ekipartonni ammoo mootummaa injifadhee jedhuulleen Bookoo Haraam barbadaa'uu dhabuuf sababiiwwan jahatu jira jedhu.
1: Maddi ka'umsaa hinfuramne
Xinxalaan nageenyaa Kaabiru Adaamu dhaabbata Gorsaa Baakon irraa, motummaan rakkina Bookoo Haraam walqabate furuuf karaa tooftaan waraanaatiin dandeettii dhabuu jira jedha.
''Sababii kanaatiif waggoota 11 ykn 12 oppireeshinii waraanaa gaggeeffamulleen milkaa'ina cimaa argu kan hindandeenyeef kanaaf'' jechuun BBCtti himan.
''Eeyyeen, waraannii daangaa gadi lakkisiisuu danda'a garuu sababnii ammalleen dhiibbaa taasisuu waan danda'aniif, miseensa horachuu ni danda'u, maallaqa walitti qabachu ni danda'u, meeshaa waraanaa argachuu ni danda'u akkasumas deebiisanii of ijaaraa jiru.''
Akka xinxaltoota kanneeniitti Bookoo Haraamiif nagaa kan jiru ummata kaaba-bahaa ykn Bulchiinsa IS Afriikaa Lixaa miti, dagannaan aanga'oota motummaa namoonni hedduun harka milishootaa kanneenii keessa akka galan taasiseera.
''Dhugaansaa, rakkina shororkeessaa ykn hidhataa furuuf tarkaanfii waraanaa olii gochu qabda. Madda ka'umsa hidhannoo kanaatiif deebii kennu qabda,'' jedha Obbo Adaamuun.
"Haata'u malee gama kanaan yaaliiwwan gahaan yoo raawwataman hinagarre.''
Hanqinni bulchiinsa gaarii ummata iyyuummaaf, abdii kutannaa fi barnoota dhabuuf akka saaxilee dubbachuun kunis ''madda ka'umsa olaanaadha'' jedhan.
Kaaba-Baha biyyattiitti misooma saffisiisuuf karoorawwan gurguddaan motummaan kaa'aman turan, haata'u garuu sochiileen taasifaman baay'ee gadaanaadha.
Tarsiimoon Ittisa Shororkeessummaa Biyaaleessaa mataansaa misooma dinagdee fi harbeessuummaa ittisuu kan hammatu ture. Garuu ammoo tarsimoon kun gutummaan hojiirra hinolfamne jedhu Obbo Kaabiruun.
Xinxaltoonni nageenyaa kaan biraa Bulaam Bukartii Institiyuutii Toonii Bleer Jijjiramaaf irraa akka jedhaniitti, akkuma Iraaqiifi Siriyaatti ta'ee sochii waraanaa olaanaan gaggeeffamu qabaata.
2: Dandeettii qacaruu Bookoo Haraam
Hiyyummaan weerarichaan walqabatee bakkeewwan naannichaa keessa jiruu akkasumas malawwan lolli hidhattoota irratti gaggeeffamu, akka qacarriin dhalootaa gara dhalootaatti itti fufu gumaachu himu xinxaltoonni.
"Namoonni jiraachuuf jecha qacaramuuf baayyee qophiidha,'' kan jedhu ekispartiin nageenyaa Abdullaahii Yaalwaa, hojii dhabummaa fi bulchiinsi dadhabaa akka maddaatti eeru.
Obbo Bukaartiin ''duula dargaggoonnii ittiin toftaan akka qacaramanii taasifamu'' jiraachu himu.
Bulchaan bulchiinsa Bornoo, Baabaagaanaa Zuuluum dhiheenya BBCtti akka himaniitti hidhattoonni namoota duraan sababii lolaatiin mana isaaniitii buqqaafaman illeen qacaraa jiru jedhan.
3: Hanqina meeshaa
Akka Obbo Adaamuutti lolichaan walqabatee gama motummaatiin hanqinni meeshaa waraanaas jira. Waraanni meeshaa gahaa hidhatee hinjiru jedhan.
Qorannoon dhaabbata isaa Gorsaa Baakon jedhamuun gageeffame akka mul'iseetti, Naayijeeriyaa keessaa meeshaa warra xixiqqaafi salphaa miliyoona 6.5tu jira. Garuu ammoo kuma 586 kan ta'u qofatu harka humnootii nageenyaatti argama.
Kan hafee hundi milishoota Islaamaatiin qabameera jechuu osoo hintaane meeshaa hedduun to'annoo waraanaa keessa akka hinjirree kan mul'isuudha.
Akkasumas Obbo Adaamu ''ragaa kanarratti hundaa'uun wanti nuti agarree, akka carraa ta'ee gareen hidhattootaa kuni waraana motummaa caalaa meeshaa waraanaa ammayyaa'aa hidhataniiru''.
4: Malaammaltummaa
Dhimmoota waraannii akka meeshaa waraanaa isaa hinfooyyeeffannee taasisan keessaa tokkoo malaammaltummaadha. Maallaqni silaa Bookoo Haraam ittiin waraanuuf ooluu qabaatu kiisiiwwan qondaaltootaa keessatti akka hafe shakkama.
Obbo Yaalwaa akka jedhaniitti yeroo tokko tokkoos lolli Bookoo Haraam irratti gaggeeffamu ''kutannoo kan hinqabnee'' fi ''namoonni muraasni kan gara daldalaatti geeddaruun ittiin of duroomsan fakkaata.''
Baroota dhiyoo keessa, waraanni sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisa jechuun USn dhorkaan kaa'amee kan ture yoo ta'u, Pirezidaanti ammaa Buhaariifi kan isaaniin duraa Guudlaak Joonaataan kun yaalii sochii hidhattootaa irratti taasifamu danquudha jechuun komatanii ture.
Haata'u malee, bara 2018 keessaa kun Donaald Tiraampii kaafamee ture. Kanaafu Naayijeeriyaan xiyyaara waraanaa 'Super Tucano' akka galchitu eegama ture. Kunis olaantummaa qilleensa waraanaa kan cimsu ta'u hima Obbo Adaamuun.
5: Tarsiimoon waraanaa hinhojjanne
Obbo Bukaarti BBCtti akka himaniitti, hidhattoonni riphee loltootaas ''haleellaa qilleensa waraanaa kan hubatan fakkaatu''. Kanaafuu haala taa'umsa lafa kaaba -lixa Naayijeeriyaatti fayyadamuun waraana irratti haleellaa raawwataa jiru jedhan.
Bookoo Haraam gabaabumatti:
- Bara 2002'tti hundeeffame
- Jalqaba barnoota warra lixaa mormuu irratti xiyyeefata ture
- Tarkaanfii waraanaa bara 2009 keessaa labsan
- Bara 2014 wayita ukkamsaa shamarran Chibok irratti xiyyeeffannaa argatan
- Bara 2015tti Bulchiinsa Islaamaa tumsa gaafate
- Bara 2016tti ammoo garee lamatti hirame
Kallattiin tarsimoon qeeqamaa jiruus kan gara biraas jira.
6: Dhiibbaan Bookoo Haraam babal'ateera
Rakkina hidhattoota Bookoo Haraam irratti tarkaanfii fudhachuutti dabalamees, bakkeewwan kaabaafi jidduugala biyyattii keessatti oduun gareewwan yakkaa hidhatan milishoota kanneen waliin hidhata qabu jedhu babal'ateera.
Bara darbe, Bookoo Haraam viidiyoo bulchiinsa Niijara kan bakka isaan itti argamu jedhamu irraa fageenyatti argamu tokko gadhiisanii ture.
Aanga'oonni achis ibsa Bitooteessaa keessa baasaniin, Bookoo Haraam bulchiinsa keessa lixuun bosona qabachuun hawaasa irratti haleellaa raawwachu himanii ture.
Muddee darbee ammoo Ajajaan waraanaa yeroo sanaa Leetanaal Janaraal Yuusuuf Tukuur Buraatiin, yoo siiviloonniifi adeemsii waraanaa sirriin hinqindoofne ta'e lollii Bookoo Haraam irratti gaggeeffamu ganaa waggoota 20 kan biraa kan barbaadu ta'u eeranii ture.