Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeeriyaa: Bookoo Haraam barattoota dhiiraa mana barnootarraa butuu hime
Gartuun finxaaleyyii Islaamistootaa Naayijeeriyaa keessaa Bookoo Haraam Kaaba Dhiha Naayijeeriyaa, bulchinsa Katsinaatti barattoota dhibbaan lakka’aman torban darbe butuu hime.
Barattoota butaman keessatti ijoolleen umriin isaanii ganna 10 fa’aatu argama.
Barattoonni 300 ol kan dhabaman wayita ta’u, kaan isaanii garuu butamuu jala miliqaniiru.
Battala haleellaan qaqqabutti barattoonni 800 ta’an mana barnootaa keessa turan.
Qondaaltonni biyyattii haleellaa kan qaqqabsiise '’shiftoota’’jechuun balaleeffatani.
Dhaamsa sagaleen hogganaa hidhattoota Bokoo Haaraam Abubakar Sheeku dabarsee keessatti ’’taatee Katsinaatti raawwatameef itti gaafatamummani fudhanna’’ jedhe.
Rogeeyyiin garuu bulchiinsa Pirezedant Muhaammad Buhaariin keessaa dhufan, Katsinaatti tika biyyattii hidhattoota kanarratti hin cimsine jedhanii qeequ.
Gartuun hidhattootaa kun barnoota biyyoota lixaa ni mormuu. Kaaba Dhiha Naayijeeriyaatti barana haleellaa qaqqabbenis namoonni dhibbaan lakka’aman ajjeefamaniiru.
Qondaaltonni biyyattii namoota gurmuun yakka raawwatan himatu, garuu hidhattoonni Bookoo Haraam ajjeechaa kana duuba jiraachu waanti beekamu hin jiru.
Bookoo Haraam waggoota kurnan darban Naayijeeriyaatti barattoota mana barnootaarra butanii fudhachuu hammeesseeera. Bara 2014'tti hidhattoonni kun Chibookirraa barattoota buteera.
Bara 2009 irra eegalee Kaaba Baha Naayijeeriyaatti loote seentonni kun haleellaa qaqqabsiisaa turaniin namoonni kuma kudhanitti lakka’aman wayita ajjeefaman, namoonni miliyoonatti lakka’aman qe’eesaaanirraa buqqa’aniiru.
Adooleessa darbe hidhattoonni finxaaleyyiin kunneen Kaaba Dhiha biyyatti keessatti dhiibbaa uumnu bal’ifanneerra jechuun viidiyoo waraabameerratti ibsataa turaniiru.