Kaanadaatti siidaan Egerton Ryerson mormii yunivarsiitiin jige

Nama siidaa Egertan Ryerson jigsame cina dhaabbatu, f Egerton Ryerson,

Madda suuraa, Reuters

Kaanaadaa magaalaa Toroontoo Yunivarsiitii Ryerson'tti qabriin ajjeechaa jumlaa daa'immanii argamuusaatiin mormii dhalateen siidaan jige.

Egerton Ryerson Kaanaadaatti sirna manneen barnootaa bultii walfalmisiisaa tahan kanneen beeksisan keessaati jedhama.

Torban dabre keessa siidaan nama kanaa wayita hambaan ijoollee 215'ti jedhame wayita argametti mancaatiin irratti qaqqabee ture.

Mormiin nama kanarratti babal'achaa dhufee maqaan yunivarsiitiichaa maqaasaatiin jiru akka jijjiiramuufi siidaan isaas akka ka'u waamichi dhiyaachaa ture.

Wayita torbee darbetti miidhaan siidaa kanarra qaqqabutti barreeffamoonni kanneen akka ''qotaa baasaa'' fi ''lafa deebisaa'' jedhan haalluun dibamee ture. Kunis saboota biyyattiitti warra ganamaa (indigenous) tahan irratti miidhaa qaqqabe wajjin hidhata qaba jechuun.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa gadhiifaman akka agarsiisanitti, wayita siidaa kana hundeessaa buqqisanitti namni walitti qabame gammachuusaa ibsataa ture.

Yunivarsiitichi ibsa boodarra baaseen, namoonni 1,000 ol tahan mormii naga-qabeessa tahe guyyaa Dilbataarratti hirmaatan jechuun, sa'aa tokko booda konkolaataan iddicha gahuun siidaa kana buusuuf gargaare jedha

Pireezidantiin Yunivarsiitichaa Mohamed Lachemi waan jedhan, siidaan jigfame kun irra deebi'e hin dhaabbatu ykn bakka hin buufamu jedhan.

Dhimmi siidaa kanaa garee addaa hundaa'eefi argannoosaa Fulbaana keessa dhiyeessuun ilaalamaa tureera. Koreen kun dhimma maqaa yunivarsiitichaa jijjiiruu dabalatee, waa'ee seenaa jaarmayichaa keessa deebiyuun kan ilaaludha.

Siidaankun jiguusaan dura haalluun dibamee babbadee ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaankun jiguusaan dura haalluun dibamee babbadee ture

Akka gabaasa miidiyaa naannichaatti poolisiin Torontoo taatee kana qorachaa jira.

Ryerson baroota 1800 keessa sirna barnootaa uummataa Ontaariyoo uumuu keessatti namoota maqaan isaanii ka'u keessaa tokkodha.

Haatahu malee daa'imman warra ganamaa tahan humnaan hawaasa biraatti makuuf manneen barnootaa addaa qopheesseera jedhamuun erga dhiyeenya kanaatii seenaan isaa irra deebiin akka ilaalamu waamichi dhiyaachaa jira.

Barattootaafi hojjettoonni yunivarsiitichaa warra ganamaa tahan dabalatee namoonni biroo, maqaan yunivarsiitichaa "X University" jedhamee akka geeddaramu waamicha dhiyeessaa jiru.

Namoonni seenaa keessatti maqaansaanii jibba sanyummaafi koloniin ka'u akkatti yaadatamuu qaban irratti biyyoota addunyaa garagaraa keessatti dubbii falmii taheera - kunis siidaa namoota kanaaf dhaabbate kan dabalatudha.

Dhiyeenya kanas namoonni ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaarratti raawwateen aaruun mormiidhaaf daandiitti bahan, siidaa mootii Haayilasilaasee Landaniitti kan abbaa isaanii ammoo Magaalaa Harariitti jijjigsuun isaanii ni yaadatama.