MM Kaanaadaa Tiruudoon Waldaan Kaatolikii ittigaafatamummaa akka fudhattu himan

Lammiilee Kaanaadaa erga baatii darbee awwaalchi jumlaa daa'imman 215 argameen booda gadda irratti argamu

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo Waldaan Kaatoliikii gahee manneen barnootaa bultii keessatti fudhatteef 'itti gaafatama' akka fudhattuuf gaafatan.

Awwaalchi jumlaa daa'imman 215 mana barnootaa tokko keessatti baatii darbe argame biyyattii guutuutti dheekkamsa kaaseera.

MM Tiruudoon Waldittiin manneen barnootaa irratti ragaalee qabdu akka gadhiiftuuf gaafachuun ''diddaan'' akka isaan mudate himan.

Manneen bultii motummaan gaggeeffamaa turanis ijoollee warra ganamaa (indigenous) humnaan akka warra kaaniitti makamaniif kan hundaa'an ture.

Isaaniis qaamuma imaammata idilee aadaa fi afaan warra ganamaa balleessuu irratti xiyyeeffate turan.

Awwaalchi jumlaa daa'immanii baatii Caamsaa keessa argamees kan mana barnootaa bultii 'Kamloops Indian Residential School' jedhamuufi kutaa biyyaa Biritish Kolombiyaa keessa bara 1978 keessa cufameetti ture.

Awwaalchi jumlaa kunis tibba dhaabbanni 'Tk'emlúps te Secwépemc First Nation' jedhamuun lixa Kaanaadaa keessatti haala du'aatii barattoota mana barnootichaa qoratamaa tureetti.

Daa'imman gariin isaanii waggaa sadii turan keessatti argamu.

''Akka Kaatooliikii tokkootti, ejjannoo Waldaan Kaatooliikii ammaa fi waggoota darbaniif fudhatteen baayyee aaree jira'' jechuun ture MM Tiruudoon gaazexessitootaaf kan himan.

Justin Trudeau

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mr Tiruudoon waldittii irraa diddaan isa mudachuu himan

Caamsaa 2017tti Vaatikaan deemuudhaan Phaaphaas Firaansiis waa'ee miidhaa daa'imman kanneeniif ifatti dhiifama akka gaafataniif gaafachuu himeera.

Akkasumas galmeewwan argachuun waa'ee ijoollee 4,100 olii sababii dhukkubaa fi hir'ina nyaataatiin du'anii waldittii gaafachuu himuun, ''ammalleen Bataskaana kanarraa diddaa argaan jira'' jedhan.

Mootummaan galmeewwan argachuudhaaf tarkaanfii seeraa kan fudhatu yoo ta'e ilaalchisuun kan gaafataman MM kun, ''Yoo barbaachisaa ta'e, tarkaanfii cimaa kan fudhannu ta'a,'' jedhan.

Haata'u malee, ''Waldaa Kaatoliikii mana murtiitti geessuun dura, dureewwan amantaa kun dhimma keessatti hirmaachuu barbaadan akka ta'u abdii guddaan qaba.''

Manni Barnootaa Jiraattoota Indootaa Kaamluupsi bara 1890 keessaa bulchiinsa Kaatolikii Roomaa jalatti baname. Bara 1950moota keessa, tibba kan achitti baratan baay'ateetti hanga daa'imman 500 keessummeessa ture.

Suuraa barsiistootaafi barattoota mana barnootaa Kamloops bara 1937

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa barsiistootaafi barattoota mana barnootaa Kamloops bara 1937

Daa'imman hedduun maatii isaanii irraa fageenya kiloomeetira dhibba hedduu fagaatanii, mana barnootaa sana keessa akka jiraatan kan ergamaniidha.

Bara 1969tti ammoo mootummaan jiddugalaa mana barnooticha bulchuu eegale. Yeroo sanaafi hanga bara 1978 jidduutti ammoo barattoota manneen barnootaa guyyaa naannichaa barataniif akka bakka bultiitti tajaajilaa ture.

MM Kaanaadaa Tiruudoon lammiilee Kaanaadaa amantaa Kaatolikii hordofan ''dureewwan amantichaa dubbisuufi akka nuti Waldittiin gahee dhimma kana keessaa qabdu itti gaafatamummaa akka fudhattu barbaadnu, akkasumas kanneen gaddaa jiran akka gargaaraniif gargaarsaafi jajjabeessuun bira akka dhaabbataniif ifatti akka itti himtan isin gaafadha,'' jedhan.

Itti dabaluunis ''Wanta akkasii waldaaleen kaan biroos raawwataniiru. Kunis waan Waldaan Kaatoliikii akka raawwattuuf eeggataa jirrudha,'' jedhan.

''Osoo waa'ee haqaa, gaddarraa fayyuufi fi araaraa hindubbatiin dura, dhugaa baruu barbaadna.''