Kaanaadaa: Awwaalchi jumlaa daa'imman 215 mana barnootaa keessatti argame naasuu uume

Gamoo mana barnootaa jiraattootaa Kaanaadaa 1950tti

Madda suuraa, Reuters

Awwaalchi jumlaa daa'imman 215 kuni Kaanaadaatti wayita manni barnootaa durii jiraattoota lammiilee ganama (indigenous people) qoratamuutti ture kan argame.

Daa'imman kunneen mana barnootaa Jiraattoota Indiyaa Kaamloops kan Biritsh Kolombiyaa keessatti bara 1978 cufame keessa barachaa turan.

Awwaalchi kun argamun isaa Kamisa darbe ibsame.

Ministirri Mummee Kaanaadaa Justiin Tirudoo kun ''yaadannoo baayyee gaddisiissaa fi boqonnaa qaaneessaa seenaa biyya keenyaati'' jedhaniiru.

Dhaabbanni First Nation dhimmicha irratti ispeshaalistii muziyeemii fi qondaaltoota yakka ajjeechaa qoratan kan ammatti adda baafamuun hinbeekamne waliin hojjataa jira.

Roozaan Kaasimiir dureen hawaasa Biritishi Kolumbiyaa kan magaa Kaamluupsi keessaa, argannoon qorannoon marsaa jalqabaa badiinsa yaadamuu hindandeenyeefi gonkumaa bulchiinsoota mana barnootichaan hingalmoofne agarsiisa jedhaniiru.

Manneen barnootaa bultii jiraattoota Kaanaadaa dirqamaas kan motummaafi aanga'oota amantaa jaarraa 19ffaa fi 20ffa keessan gaggeefamaa turan yoo ta'u, kaayyoonisaas dargaggoo jiraattoota warra ganamaa humnaan walitti makuu ture.

Manni Barnootaa Jiraattootaa Indoota Komluupsi mana barnootaa isa olaanaa ture.

Manni barnootichaas bulchiinsa Kaatoliikii Roomaa jalatti bara 1890 keessa saaqamuun, baroota 1950n keessaa barattota hanga 500 baayyatan hirmaachisa ture.

Bara 1969 keessaa motummaan jidduu galaa bulchiinsa mana barnootaa kaan fudhachuun hanga 1978tti yeroo itti cufameetti barattootta naanichaa akka bakka jireenyaatti tajaajilaa ture.

Waa'ee reeffawwanii maal beeknaa?

'Tk'emlups te Secwepemc First Nation' akka jedheetti awwaalchawwan kunneen wayita manni barnootaa qoratamuutti deeggarsa raadaarii lafa keessaa seenuun agarsiisuun argaman.

''Akka beeknuutti ijoolleen badan kunneen kan du'an garuu hin galmoofnedha'' jedhan Obbo Kaasimiir. ''Kaan isaanii ijoollee waggaa sadii fa'i.''

''Ulfiinaafi jaalala olaanaa daa'immanii kanneeniifi maatii isaanii mirkanneessuuf akkasumas bakka itti awwaalaman adda baasuu hojjataa jirra.''

Gamoo mummee bulchiinsa mana barnootaa Jiraattoota Indiyaa kan Kaamluupsi keessaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon awwaala daa'immanii kanaa ammalleen gaggeeffamaa jira

Gosichis hamma hawaasawwan ijoolleen isaanii mana barnootaa sanatti barataa jiranii bira gahuu hime. Walakkeessaa Waxabajiittis bu'aa qorannoo jalqabaa akka argatan eeggatu.

Dureen qorannoo ajjeechaa namoota du'anii Birtishi Kolumbiyaa liisaa Laapoyinte miidiyaa Kaanaadaa CBCtti akka himaniitti ''adeemsa jalqabaa odeefannoo walitti qabuu irratti argamna,'' jedhan.

Maaltuu jedhamaa jiraa?

Odeeffannoon kun erga dhagahamee kaasee naasuu, gaddaafi gaabbii hawaasa keessatti umameera.

"Awwaalchi daa'immannii mana branootaa jiraattootaa Kaamluupsi keessatti argamuun yoo dhagahu onnee kiyya na cabse,'' jechuun MM biyyattii Tidudoon fuula tiwitara isaanii irratti barreessan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ministirri Kaanaadaa biroo, Kaarloon Beeneet, manneen barnootaa jiraattootaas qaama imaammata ''qaaneessoo'' kolonii turan jedhan.

Motummaanis lubbuuwwan baleessaa malee badan kanneen yaadachuuf kutataadha jedhan.

Hogganaan Gumii First Nations Teerii Teegee gaa isaaniitiin, bakkeewwan awwaalchaa kanneen barbaaduun ''hojii ariifachiisaa' garuu ammoo ''kan gaddaafi badiinsa'' hawaasa naannicha keessaa haaroomsuudha jedhan.

Manneen Barnootaa jiraattotaa maal ture?

Baroota 1863- 1998tti ijoolleen kuma 150 caalaan maatii isaanii harkaa fudhatamuun manneen barnootaa kanneen keessa kaa'aman.

Ijoolleen kunneenis yeroo baayyee akka afaan isaanii hindubbannee ykn aadaa isaanii akka hinhordofne dhorkamu turan. Haala kanaanis baayyeen isaanii haala hinmalleen miidhamaaf saaximlamaa turan.

Komishiiniin bara 2008tti dhiibbaa sirna kanaa akka galmeessuuf eegalamees, ijoollee namoota ganamaa hedduun gonkumaa gara hawaasa isaaniitti akka hindeebiine adda baase.

Gabaasni Dhugaa qabatamaafi Haraaraa bara 2015 keessa gadhiifamees, imaammanni ''duguggaa aadaa'' ture jedheera.

Bara 2018 keessaa motummaan Kaanaadaa waa'ee sirna duraatiif dhiifama gaafatee ture.

Pirojaktiin ijoollee badanis du'aafi bakka awwaalcha daa'imman osoo mana barnootichaa hordofanii du'anii galameesseera.

Hanga ammaattis ijoollee mana barnootaa kana osoo hordofanu du'an 4,100 adda baafaniiru jedheera.