Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuunayitid Afrikaan Rippaabilik- maqaa haaraa Naayijeeriyaa
Maqaan biyyi Naayijeeriyaa ittiin waamamtu kan bara kolonii fedhii malee irra kaa'ame waan ta'eef haala saboota biyyattii keessatti argamu hammatuun geeddaramu qaba jedhmuun tibbana mata dure ijoo miidiyaa hawaasaa biyyattii ta'eera.
Namni Yuunayitid Afrikaan Rippaabilik irraan dhufe lammummaan isaa maal jedhame waamama? Yuuraaniyeemii moo yuuriyaa?
Deebiin gaaffii kanaas lammiilee Naayijeeriyaa biyya maqaa jijjirrachuuf yaadni dhiyaachuu irratti mari'ataa jiraniif akka dammaqan kan taasisu ta'a.
Torban lamaaf qaamni federaalaa biyyattii seera tuman, ilaalchawwan lammileen biyyatti heera biyyattii fooyyessuurratti qaban funaanaa turan.
Kunis foyya’iinsa dhimmoota akka riiformii filannoofi sirna mootummaa walqabatu irratti yaadawwan funaanuuf ture.
Haata’u malee, Gorsaan Dhimma Taaksii biyyattii Adeeleeye Jokotoyi, dhaddacha Leegos ture tokkorratti waan hin eegamne yoo dubbatu dhaga’ameera.
Adeeleeyen maqaan Naayijeeriyaa jedhu kan dureewwan koloneeffattootaatiin biyyattirratti dirqaman fe’amedha jedhee waan yaaduuf akka geeddaramu barbaada.
Maqaan Naayijeeriyaa jedhu jaarraa 19ffaa gara xumuraatti Gaazixeessitu Biritiish kan turte Flooraa Shaaw jedhamtuun akka moggaafaman dubbatama.
Shaaw boodarra bulchaa Biritiish biyyattii koloneeffattaa kan ture Loord Firedirik Lugaarditti heerumte.
Maqaan kun Laga Nijeer kan kallattii Kaaba-Dhihaatiin biyyattii seenee gara Nijeer Deeltaatti kan yaa’uufi xumurarrattis galtuuwwan isaa biroo wajjiin Garba Atilaantikii dabalamurraa kan fudhatame ture.
Haata'u malee Mr Jokotoyeen maqaan Naayijeeriyaa jedhu kun sabaabiifi sablamiilee biyyattii dhibbaan lakka’aman akka ibsutti, gara Yuunayitiid Afrikaan Rippaabilikitti akka geeddaramuun barbaada jechuun dubbii kaase.
Kanneen miidiyaalee hawaasaa fayyadaman yadaa Yuunayitiid Afrikaan Rippaabilikaa ykn UAR jedhu eessaa akka maddee ni himu:
Faaruun biyyaaleessaa biyyaattii silumaa baheera, inni gutummaan haaraa osoo hintaane, faaruu biyyattii kan duraatiin kan walitti makamuun hojjatame:
Biyyi haaraan noottii maallaqaa haaraa barbaaddi, kanaafuu:
Faaruun artistii Tiim Daakooloo beekamtii argamsiiseefi qophiilee gurguddaa irratti yeroo hunda dhiyaatu waa'een jaalala biyyaaleessaa maala akka mudachu malu yaaddoon qaban jedhan barreessaan tokko. Tarii Mr Daakooloon irra deebiin hajjatas jedha:
Haata'u malee namoonni muraasni maqaa haaraa moggaasun karaa liqii Baankii Addunyaa, IMF fi Chaayinaarra biyyattiin bilisa taatudha kan jedhanillee hin dhabamne.
Wanti xiqqoon dhimma Yuraaniyeemiin hidhata qabaau ni jiraata:
Haata'u malee namoonni hundi garuu akka qoosaatti yaada maqaa geddaruu Aab Jokotoyeen dhiyeesse hin ilaalle, kaan isaanii waan biyyattiin irratti xiyyeeffachuu qabdu kaasan.
Lammileen biyyatti muraasni filannoo inni dhiyeesse akka hin ajaa’ibsiifanne kan bare Aab Jokotoyeen, filannoo biroo Yuunayitid Alkibulan Rippaabilik kan jedhu dhiyeesse.
(Hiikni isaammoo: Rippabilikaa Tokkummaa Haadholii Dhala Namaa jechuudha) yaadni isaa akka jalqaba dhiyeessee sana cimaa miti, ka’umsi isaa garuu walfakkaatadha.
Itti dabaluun Mr Jokotoyeen heera biyyattiirratti dhimmoota caasaa bulchiinsaafi sirni to’annoo taaksii akka fooyya’u yaada dhiyeessera. Haara'u malee akkaataa walfakkaatuun yaada namootaa hin dammaqsine.
Seera baastonni biyyattii torban dhuftu yaadota sassaaban wayita dhiyeessuuf jiran kanatti yaadni namoonni kaan dhiyeessan ammatti hin beekamu.
Haata’u malee, yaadni Yuunayitid Afrikaan Rippaabilikitti jijjiru walqabatu ni dhiyaata jedhamee hin eegamu.