Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qocaan Naayijeeriyaa keessatti waggaa 344 jiraatte duute
Qocaan waggaa 300 ol jiraatte Kibba-Lixa Naayijeeriyaa magaalaa Ogboomosoo keessatti duute.
Bineensi gartuu reepitaayilii Alaagbaa jedhamte dandeettii fayy'isuun beekamtu fi masaraa hogganaa aadaa Ogboomosoo jiraataa turte.
Qocaan umuriin dheeraa jiraachuun kan beekaman yoo ta'u yoo xiqqaate waggaa 150 jiraatu.
Boochisaan magaalaa Ogboomosoo Saamu'eel Oojo akka jedhutti Alagbaan kan gara masaraa dhufte sirna bulchaa aadaa saddaffaa keessatti yoo ta'u jaarraa sadii jiraatteetti jedha.
Barreessan masaraa kan ta'e Tooyinii Ajaamuu akkas jedha bulchaan amma jiru Obaa Olaadunnii Oyeewumiin reeffa rikoordii seenaa fi turiizimiif tursiisuuf karooraa akka qaban dubbata.
Obbo Ajaamuu 'BBC Yorbu'tti akka himetti qocaan sun dhukkubii guyyoota muraasa booda akka duute hima.
Magaalaa keessaa fi alatti dandeettii dhukkubbii fayyisuun kan beekamtu qocaan sun guyyaa guyyaatti daawwatoota heddu hawatti ture.
Piis Soojay 'BBC Yoruba'tti akka himtetti, "Maatiin kiyyaa fi ani Sanbata duraa ishee ilaaluudhaaf dhufne …duuti kee dhihoo akka ta'e osoo hin beekini. Galata Rabbii osoo hin duune si argineerra."