Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saanii Abaachaa: Qabeenyi biliyoona hedduu bulchaan duraanii Naayijeeriyaa saaman akkamiin argame?
Pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Saanii Abaachaa maallaqa doolaara biliyoona hedduu saamee osoo hin nyaatin du'e. Qabeenya kana barbaadanii deebisuun hojii salphaa hin turre, baroota hedduu fudhate.
Namichi maallaqa saamame kana barbaadee akka biyyattiif deebisuuf qacarame waa'ee hojii jireenya isaa guutuu dhuunfatee BBC'tti dubbateera.
Fulbaana bara 1999 ogeessi seeraa lammii Siwiizarlaand Enriikoo Monfiriinii bilbilli jireenya isaa waggoota 20 itti aananii jijjiiru bilbilameef.
"Halkan qixxee naaf bilbile, hoteela isaa dhaqee akkan isa arguu danda'u na gaafate, dhimma jabaa harkaa qaba. Anis 'sa'aatiin sokkeera garuu tole' jedheen."
Namni bilbila kana bilbile aanga'aa olaanaa mootummaa Naayijeeriyaa nama turedha.
'Maallaqicha barbaaddee arguu dandeessaa?'
Akka Moonfiriiniin jedhutti namni inni bilbilaan dubbise sun pireezidantii Naayijeeriyaa yeroo sanii Oluseeguun Obasaanjoon kan ergamedha.
Namni sun maallaqa Saanii Abaachaa bara 1993 hanga 1998, wayita aangoorra ture saame akka barbaadu isa kaadhimuuf gara Jenevaa akka imale dubbata Moonfiriiniin.
Akka ogeessa seeraatti Moonfiriiniin erga bara 1980moota irraa eegalee dhimmoota seeraa waa'ee buunaa, kakawoo fi meeshaalee kaan irratti Naayijeeriyaa keessaa maamiloota hedduu horateera.
Maamilooti isaa kunneen hojii kanaaf mootummaaf eeruu kennuu akka hin oolle shakka.
"Akkana jedhee na gaafate: 'Maallaqicha barbaaddee arguu fi akka hin sochoone gochuu dandeessaa? Maallaqni kun gara Naayijeeriyaa akka deebifamu haala mijeessuu dandeessaa?'
"Ani akkas jedheen deebiseef: 'Eeyyee.' Dhugaan isaa garuu yeroos waa'ee hojii akkasii badaa hin beekun ture. Dafee barachuun narra ture, nan baradhe."
Jalqabbiif poolisoonni Naayijeeriyaa odeeffannoo herreegawwan baanki Siwiis cufaa ta'an muraasa kan maallaqa Saanii Abaachaa fi waahillan isaa saaman irra jira jedhamee yaadamu akka kennaniif Moonfiriiniin kitaaba isaa 'Recovering Stolen Assets' jedhu irratti barreesseera.
Akka inni jedhutti qorannoo jalqabaa poolisiin Sadaasa bara 1998 taasiseen maallaqni doolaara biliyoona 1.5 ol Abaachaa fi waahillan isaan saamameera.
'Doolaara konkolaataatti fe'uun'
Akkaataa maallaqni kun itti saamamee keessaa tokko addatti 'qaaniin hin jiru' nama jechisiisa.
Abaachaan gaaf tokko gorsaa isaatiin sababa dhimma nageenyaa ifa hin taaneef maallaqa akka isa gaafatu itti hima.
Gorsaan maallaqa gaafate Abaachaan ammoo ofumaa maallaqa sana mirkaneesse. Gorsaan isaas gara baankii jiddugaaleessaa deemee maallaqa sana erga baasii godheen duuba gara mana Abaachaa geesse.
Maallqani gariin kan doolaaraan baafame yoo ta'u "konkolaataatti fe'amee bahe" jechuun barreessa Moonfirooniin.
Kuni toftaa tokko Abaachaa fi waahillaan isaa maallaqa ittiin saaman yoo ta'u kanneen biroos jiru.
Fakkeenyaaf hojiiwwan gara garaa kontiraata gatii daraan ol ka'een hiriyoota isaaf kennuufi maallaqa irraa hafe ofii fudhachuu fi dhaabbilee biyyoota alaa Naayijeeriyaa keessa akka socho'an maallaqa gurguddaa gaafachuun jira.
Saamichi akkanaa waggaa sadii oliif itti fufe. Waxabajjii 8 bara 1998 tasa gaafa du'u garuu wanti hundu ni jijjiirame.
Namni ganna 54 Saanii Abaachaa dhukkuba onnee tasaatiin ta'uu summeeffammee haa ajjeefamu wanti barame hin jiru jedhu haakiimni dhunfaa isaa BBC'tti wayita dubbatan.
Erga du'een booda qorannoon reeffa irratti taasifamuu malu hin taasifamne jedhan.
Abaachaan maallaqa saame osoo hin nyaatiin du'e, maallaqichi eessa akka jiru hin beekamu ture. Herreegawwan baankii muraasni garuu eessa jiraachuu akka danda'u eeruu kennan.
"Odeeffannoon waa'ee herreegawwan kanaa ani argadhe, gara herreegawwan baankii biroo na akeekan," jedha Moonfiriiniin.
Odeeffannoo kana qabachuun gara Abbaa Alangaa Siwiis deeme.
San booda oduu guddaan kan dhagaahaame.
Moonfiriiniin maatiin Abaachaa fi waahillan isaa dhaabbata yakka dalagu ijaaranii akka turan falmee ittis milkaa'e.
Kuni oduu guddaa ture, sababni ammoo aanga'oonni herreegawwan baankii kanneen maal gochuu akka qaban filannoo kenneef.
Saanii Abaachaa eenyu ture?
- Yeroo waraana waliinii loltuu Naayijeeriyaa ture
- Hagayya bara 1993 ministira ittisaa osoo hin ta'iin dura fonqolcha lama keessaa qooda jajjabaa qaba ture.
- Fonqolcha Sadaasa bara 1993 tureen bulchaa Naayijeeriyaa ta'e
- Mootummaan isaa sarbama mirga namoomaa hedduun himatamaa ture
- Bara 1995 rogeeyyiin mirgoota namoomaa sagal murteen ajjeefamuu hordofee Naayijeeriyaan Komanweelz keessaa ittifamte
- Waxabajjii 8 bara 1998 tasa du'e - nama ganna 54 ture
- Abbaa ijoollee 10 ture
Abbaan alangaa Siwiizarlaand baankileen biyyattii keessa jiran marti herreega maqaa Abaachaa fi waahillan isaan baname kamuu akka abeeksissan gaafate.
"Sa'aatii 48 keessatti baankilee fi dhaabbileen maallaqaa biyyattii dhibbeentaa 95 ta'an herreega baankii kan maatii Abaachaan wal qabatu mara ifa godhan."
Kun ammoo herreegawwan baankii guutuu addunyaarra jiran biroo akka saaxilaman karra bane.
"Baankonni ragaalee qaban abbaa alangaa dhimmicha akka hordofu ramadameef Jenevaatti ergu, animmoo hojii abbaa alangaa sanaan hojjedha, inni yeroo hin qabu waan ta'eef," jechuun Moonfiriiniin BBC'tti hime.
'Herreegawwan baankii guddoo dubbatu'
"Herreegga hunda irraa maallaqni irra jiru eessaa akka dhufe ykn ammoo eessa akka dhaqe argachuu dandeenya.
"Maallaqni eessaa akka galuu fi garam akka bahu baruun koo kafaltiin biroo biyyoota kaaniif kafalaman ykn kan biyyoonni kaan isaaf kafalan akkan argadhu na gargaare.
"Odeeffannoon tokko isa biraatti nu akeekaa oppireeshinii idil-addunyaa guddaa keessa seenne.
"Herreegawwan baankii fi ragaaleen arganne waan guddoo dubbatu.
"Maallaqni bakka tokko gara biraatti ergamaa akka ture ragaa gahaa arganne, Bahaamaas, Nasaawu, keeyman Ayilaandis kaanis kaanis."
Caasaan Abaachaan diriirse Moonfiriiniif hojii guddaa ture.
"Eenyuyyuu dhamaatii hojiin kun qabu hin hubanne. Nama hedduufan kafale, ogeeyyii herreegaa fi seeraa biyyoota gara garaa keessa jiraniif kafaltii gara garaa raawwadheera."
Moonfiriiniin maallaqa Naayijeeriyaaf deebisiisu keessa dhibbeentaan 4 akka argatu waliigalte. Booda garuu kuni "baay'ee rakasa" jedhe.
Maallaqicha barbaaduun Naayijeeriyaatti deebisuu waliin yoo madaalamu yeroo gabaabaa fudhate.
"Maatiin Abaachaa akka sarotaatti lolaa turan. Waan nuti goonu mara irratti ol iyyannoo gaafatu turan. Kuni adeemsi isaa yeroo dheeraa akka fudhatu godhe."
Booda ammoo maallqani sun ammas yoo debi'e ni hatama jechuun aanga'oonni Siwiis falmii kaasuun caalattu lafarra harkise.
Maallaqni hangi tokko waggoota shan booda Siwiizarlandi irraa gara Naayijeeriyaa deebi'e.
Moonfiriiniin bara 2008 akka barreessetti herreegawwan baankii Siwiis maatii Abaachaa keessatti kan argame doolaarri miliyoona 508 bara 2005 fi 2007 jidduutti Naayijeeriyaaf deebi'e.
Bara 2018 maallaqni Siwiizarlaand Naayijeeriyaaf deebistee doolaara biliyoona 1 gahee ture.
Biyyoonni kaan maallaqa argame deebisuuf harkifatanii turan.
Leechteenistayin bara 2014 doolaara miliyoona 277 Naayijeeriyaaf ergite.
Waggoota jaha booda bara 2020 herreegawwan baankii Chaanel Ayilaand Jeersii irraa doolaarri miliyoona 308 Naayijeeriyaaf deebi'eera.
Biyyooni kaan ammallee kan hin deebisne jiru.
Moonfiriiniin UK irraa doolaarri miliyoona 30, Firaans irraa miliyoona 144 akkasumas Jeersii irraa dabalataan miliyoonni 18 Naayijeeriyaaf akka deebi'u eegaa jira.
Ammaaf kanuma "garuu maaltu beeka" jedha, tarii kan biraa jiraachuu akka malu akeekuun.
Walumaagalatti hojiin isaa maallaqa saamame doolaara biliyoona 2.4 deebisiiseera.
"Jalqabarratti namoonni Abaachaan yoo xiqqaate doolaara biliyoona 4-5 hateera jedhu turan. Akkas natti hin fakkaatu. Waan inni qabu harka caalu, irra gguddaa isaa deebisiifneerra."
Ammatti maatiin Abaachaa "akka kanaan duraa galaana maallaqaa keessa daakaa hin jirani" jedha.
Hojii hojjetetti gammachuu qaba Moonfiriiniin.
"Wayitan ijoollee koo hedduu ta'anitti waa'ee dhimma kanaa haasa'u, maallaqicha argee akka hin sochoone dhorkeera, aanga'oota amansiisuun gaarummaa uummata Naayijeeriyaaf jecha akka biyyatti deebi'u taasiseeran jedhaan.
"Hojicha milkiin hojjenneerra."