Paakistaan namoota amantii arrabsuun duuti itti murtaa'e gadhiisuuf

Manni Murtii Paakistaan haadha warraafi abbaa warraa amantii Kiristaanummaa hordofanitti murtii du'aa itti murteessee ture ragaa dhabne jechuun murteesaa kaase.

Dubartiin Shagufta Kawusar jedhamtufi abbaan warraa ishee Shafqaat Imaanu’el bara 2014 Nabi Mohaammad (SAW) arrabsan jedhamuun balleessaan itti muramee ture.

Kamisa kaleessaa garuu Manni Murtii Olaanaa Laahoor yakkarraa bilisaan isaan baase jedhe abukaatoon isaanii Sayif Malook.

Paakistaanitti gocha amantii gadi buusu raawwachuun ykn dubbii kabaja amantii xiqqeessu dubbachuun du’aan nama adabsiisa, amma yoonatti garuu adabbiin kun hojiirra hin oolle, namoonni yakka akkanaa raawwatan hedduun isaanii garuu namoota gareedhaan walitti gurma’aniin ajjeefamaniiru.

Abukaatoon isaanii Aab Malook AFPtti wayita dubbatan, ‘’abbaan warraafi haati warraa hawaasa keessatti tumsa hin qabne kunneen akka hiikaman gochuu keenyatti gammachuu guddaan natti dhaga’ame,’’jedhe.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falmanis murtoo kanatti gammaduu ibsaniiru.

‘’Murtoon darbe kun haala rakkisaa ganna torban darban abbaa warraafi haati warraa balleessaan itti hin murtoofne ykn du’aan hin adabamne keessa turan kan goolabuudha, ’’jedhan Kibba Eeshiyaatti Daarektarri Itti Aantuun Amnastii Intarnaashinaal Dinushikaa Dissanakii.

Abba warraafi haati warraan kun maaliif himataman?

Namoonni kunneen bara 2014 dhaamsa Nabi Mohaammad arrabsu imaama naannoosaanitti karaa lakkoofsa bilbilila Kawusariin ergan jedhamuun himatamanii turan.

Obboleessi Imaanu’el bara darbe BBCtti akka himetti garuu lamaan isaaniiyyuu yakkarraa bilisa.

Lamaanuu barataniiru waan ta’eef dhaamsa arrabsoo erguusaanii shakkii akka qabu kaasee ture.

Kawusar mana barnoota kiristaanummaa tokko keessa kan dalagdu wayita ta’u, abbaan warraa ishee qaama miidhamaa ture.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman akka jedhanitti, himannaan amantii arrabsuun walqabatu irra deddeebiin kan dhiyaatu nama dhuunfaa haaloo bahuuf ykn hordoftoota amantii lakkoofsaan muraasa ta’aniirratti qiyyaafachuudhaafi.

Abukaatoon abbaa warraafi haadha warraa himataman kanaa bara darbe BBCtti akka himetti, olloonni abbaa warraafi haadha warraa kanaa tarii SIM kaardii maqaa Shaguftaa Kawusariin galma’een dhaamsi ergamuun himannaa sana wixineessuuf ta’uu akka malu kaasanii turan.

Ebla darbe Paarlmaan Gamtaa Awurooppaa biyyi Paakistaan hordoftoota amantii lakkoofsa muraasa qaban nageenyasaanii eeguu dadhabde jechuun balaaleeffachuun, galmeen himannaa Aadde Kawusar fi Imaanu’el xiyyeeffannoo argatee ture.

Murtoon amantii arrabsuun walqabatu ol iyyaannoodhaan kanaan duras adeemsa keessa geeddaramaa ture.

Bara darbe dubartiin Asiyaa Biibii jedhamtu ganna 10’f erga hidhamtee booda Mana Murtee Ijibbaata biyyattiin bilisa bahuu hordofuun biyyaa baqatteetti.

Murtoo dabarfame sana hordofee gartuuleen leellistoota amantii hiriira mormii dheekkamsaan guutame bahanii turan.