Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Vaahid Sayadii Nasirii: Rogeessi Iraan hidhaarraa nyaata lagataa ture du'e
Rogeessi siyaasaa Iraan waan miidiyaa hawaasummaa irratti barreesseen hidhamee ture guyyoota 60'f nyaata erga lagataa turee booda du'uu isaa maatiin isaa himan.
Vaahid Sayadii Naasirii dursaa amantii Ayaatolaah Ali Kaameni fi kaan arrabsuun himatame.
Waggaa lamaafi walakkaaf mana hidhaa turee erga hiikamee ji'a shan booda deebi'ee hidhameera.
Rogeessi kuni mana hidhaa eeggannoon olaanaa taasifamuufi Qom jedhamurraa akka jijjiiramu barbaada ture.
Vaahid bara 2015 kan hidhamee ture yoo ta'u ''dursaa amantii arrabsuufi olola farra mootummaa'' waan gaggeesseef waggaa saddeet itti murtaa'e jedha gareen mirga namoomaa leellisu 'Iran Human Rights Monitor' jedhamu.
Himati itti dhihaate barreeffama feesbuukii isaa irratti barreessedha. Boodarra garuu dhiifamni taasifameefi osoo murtii hin xumuratin hiikameera.
Haa ta'u malee, Hagayya darbe deebi'e hidhamuun akkuma duraanii lammata himatame.
Akka garee mirga namoomaa kanaatti, Onkololeessa darbes haala mana hidhaa sana keessa jiru mormuufi nama seeraa isa gargaaru arguu dhabuu isaa mormuuf nyaata lagachuu eegale.
Mana hidhaattis namoota yakkaan himataman waliin tursiifamuu isaatin miidhaa irraan gahaa turuu isaanii gareen kuni ibseera.
Rogeessi lagannaa nyaata irra ture mana yaalaatti geeffameera.
Obboleettin isaa Elaaheh maatiin isaa du'uu isaa qondaaltota irraa dhagahaniiru. Wanti biraa waan beekame hinjiru.