Naayijeeriyaatti xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa daandiirraa maqee akka ture himame

Madda suuraa, NurPhoto
Xiyyaarri qabeenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ET3905, Naayijeeriyaa magaalaa Leegos erga qubate booda, iddoo dhaabbatutti ennaa imalu daandiirraa maqee akka ture himame.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akka mirkaneessetti xiyyaarri imaltootaa Boeing 777-300 gara fe'uumsaatti geeddarame kun, taatee mudate kana booda hojiitti deebiyeera.
Xiyyaarri kun Magaalaa Finfinneerraa fe'umsa qabatee gara Naayijeeriyaa erga balali'ee booda, buufata xiyyaaraa Leegos qubate.
Gara iddoo dhaabbatu wayita lafarra deemaa turetti gommaan gama bitaa xiyyaarichaa jiru aspaaltiirraa bahee akka ture Dhaabbatichi himeera.
- Dhimmi xiyyaara Itoophiyaa buufata xiyyaaraa dogoggoraa qubatee 'qoratamaa jira'
- Keessummeessituun balallii Itoophiyaa kokeenii daddabarsuun shakkamtee Tarkiitti to'annoo jala oolte
- Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Chaayinaatti balalii itti fufuun sirrii ture jedhe
- Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa appii Covid imaltoota ilaalee dabarsu fayyadamuu jalqabe
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaatti qoodame akka agarsiisutti, gommaan bitaa xiyyaarichaa dhoqqee keessa galee jiru agarsiisa.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa taatee kana hordofee ibsa baaseen, xiyyaarichi balaan tokkoyyuu osoo hin mudatin, deebi'ee balali'ee Finfinnee galeera jedhe.
Daandiin Xiyyaarichaa hojjettoonni Buufata Xiyyaraa Legoos deeggarsa godhaniif galateeffachuu himeera.
Xiyyaarichi daandii dhiisee sababni itti maqeef ibsa Daandiin Xiyyaaraa kun baaseerratti hin himamne.
Marsariitiin Flight global jedhamu wayita taateen kun mudatu, ragaan metirooloojii buufata xiyyaaraa kana keessa ture haalli qilleensaa rakkisaa tahe kamiyyuu jiraachuusaa hin agarsiisu jedha.
Addunyaa gubbaa daandiiwwan xiyyaaraa hedduun weerara koronaavaayirasii hordofee wayita kasaaran, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa garuu bu'a-qabeessa tahuun akka itti fufe himamaa ture.
Sababa weerara kanaan imalli daanga'uu hordofee lakkoofsi imaltootaas akkasuma daran hir'ateera.
Daandiin xiyyaaraa kun kanaaf fala akka tahuuf jecha, xiyyaarota imaltootaa hedduu gara xiyyaara fe'isaatti geeddaruun himeera.

















