Covid-19: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa appilikeeshinii darbinsa fayyadamuun Afrikaa irraa kan jalqabaa tahe

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Madda suuraa, ETHIOPIAN AIRLINES

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa appilikeeshinii darbinsa imalaa (Travel Pass) Covid-19 fayyadamuun Afrikaa irraa kan jalqabaa tahuu himame.

Daandiin qilleensichaa marsariitii isaa irratti akka beeksisetti [Afaan Ingiliizii], Waldaa daandii qilleensaa idil adunyaadhaan (IATA) appilikeeshinii dijitaalaa imaltoota ilaalee dabarsu hojiirra oolchuun Afrikaa irraa irraa daandii qilleensaa jalqabaa taheera.

Appilikeeshinichi bu'aa qorannoo koroonaavaayirasii fi haala talaallii vaayirasichaa adda baasa.

Appilikeeshinichi imaltoota, daandii qilleensaa, labiraatoorii akkasumas mootummaa walitti hidhuun bu'aa qorannoo koroonaavaayirasii sirrii tahe adda baasuuf kan gargaarudha.

Kunis imaltootni bu'aa qorannoo isaanii fi ragaa talaallii isaani dursanii karaa ittiin ajajanidha.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa appilikeeshinii kana balalii idil adunyaa garaagaraa afur irratti guyyaa lama dura hojiirra oolchuu akka jalqabe karaa marsariitii isaa ibseera.

Daandiin qilleensichaa balalii magaalaa Finfinnee irraa gara Waashingitan DC fi Toroontoo akkasumas Landanii fi Toroontoo irraa gara magaalaa Finfinneetti godhu irratti yaalii akka taasisu himeera.

Weerara koroonaavaayirasii ittisuuf tuxxuqaa qaamaa hanbisuun karaa hojmaata hundaa dijitaala tahuu kan ibse daandiin qilleensichaa kanaanis imaltootni muuxanno imalaa haaraa kanaan akka gammadan isaan taasisa jedhe.

Hojii gaggeessan dhaabbatichaa obbo Tawaldee Gabrimaariyaam rakkoo weerarichi geessisaa jiru hambisuuf teeknolojiin dijitaalaa kun gahee guddaa qaba jedhan.

''Karaa guutuu taheefi eeggannoo qabuun balalii jalqabuuf teeknoloojii darbinsaa haaraa kana maamiltoota keenyaaf dhiyeessuu keenyaan gammadneerra,'' kan jedhan hojii gaggeessichi, maamiltootni keenya appilikeeshinii dijitaalaa kana fayyadamuun, bu'aa qabeessa, tuttuqqaa irraa bilisa kan taheefi imala nagaa qabeessa tahe gochuu danda'u jedhan.

''Nageenyaaf dursa kennuun'' daandiin qilleensichaa appilikeeshinii darbinsa kana yaaluun Afrikaa irraa daandii qilleensaa jalqabaa taheera jedhan hojii gaggeessaan kun.

''Appilikeeshiniin kun maamilootni imala irratti ofitti amanamummaa akka qabaatan akkasumas biyyootni hundi daangaa isaanii irra deebiin akka banan kan jajjabeessudha,'' jedhan.

Itti aanaan Waldaa Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Niik Kaaren, imaltootni salphumatti tajaajila isaan barbaachisu hundumaa bakka tokkotti akka xumuratan isaan gargaara jedhan. Biyyootni Afrikaa kaanis tarkaanfii wal fakkaataa akkasii akka fudhatan jajjabeessaniiru.

Hanga ammaatti appilikeeshinii kana fayyadamuun daandiin qilleensaa Singaapoor kan jalqabaa taheera. Ruwaandaa, Etihaad, Emireetis, Siwiis, fi Jaappaan dabalatee yaalii jalqabuun daandilee qilleensaa 20 ol caaluu waldichi ibseera.