Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tookiyoo 2020: 'Olimpikiin Tookiyoo shakkii tokko malee ni gaggeeffama' - Pirezidaanti Olompikii
Pirezidaantiin Olompikii Tookiyoo Seekoo Haashimotoo dorgommichi barana gaggeeffamuunsaa dhibbaa dhibbatti mirkana jedhan.
Haata'u malee dorgommiin kun sababii koronaavaayirasiitiif jecha doowwattoota malee akka gaggeeffamutti ''qophaa'uu qabaata'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Olimpikiin Tookiyoo achi dabarfameefi Adooleessa 23 eegaluuf jedhu guyyoota 50 qofatu hafe.
Jaappaan sababii weerara koronaavaayirasitiin ammaan tana kutaaleen biyyattii 10 tahan labsii muddamaa jalatti argamu.
Haashimotoon BBC Sportiitti akka himtetti, ''Olompikiichi gaggeeffamusaatiif harka 100 mirkana, kanas ni raawwanna.''
Hasawa gaazexeessituu BBC Sport Laawuraa Iskootitti wayita dubbateetti, ''ammatti gaaffii sirriin attamiin qophii baayyee nagaafi taphoota nagummaansaanii eegaman gaggeessuu dandeenyaa kan jedhudha.
''Ummanni Jaappaan baayyee sodaataa jira. Haaluma walfakkaatuunis waa'ee Olimpikii wayita haasoofnu tarii nutti aaruu danda'u ta'a. Tarii kanatu sagaleen mormii Olimpikiin Tookiyoo gaggeessuu irratti akka ol ka'ee dhagahamu godhe jedheen yaada.''
Rakkoo guddaan haala nuti itti sochii namootaa to'annuufi itti sirreessinuudha kan jedhan qondaalli kun, ''yoo wayita qophii sanatti weerarri balaa ykn haala atattamaa qaqqabsiisa jedhamee kan yaadamu mudatu ta'e, qophicha doowwattoota malee gaggeessuuf qophaa'uy qabaanna,'' jedhan.
''Nuti hanga danda'ameetti haala hawwataa fi bakka ummata biyya biraarraa dhufuufi kanneen Jaappaan keessaatiif lafa naga-qabeessa ta'e uumuuf hojjataa jirra,'' jedhan.
Taphoota Olimpikiis tahe Paaraalimpikii Hagayya 24 eegalamu irratti doowwattoonni idil-addunyaa kamuu akka hirmaataniif hin hayyamanme.
Jaappaan keessatti dambaliin weerara haaraa baatii Eblaa keessa kan eegale yoo ta'u, eddoowwan biyyattii tokko tokkoos sababiidhuma kanaatiin hanga Waxabajjii 20tti uggura jala akka turan taasifameera.
Biyyattii ummatasheetii talaallii kennuu kan eegalte biyyoota guddatan kaan booda baatii Guraandhalaa keessa yoo ta'u, hanga ammaattis ummata biyyattii %3 qofatu guutuummaan talaalame jedhameera.
Doowwattoonni biyyoota biraa jiraachuu dhabuun ''baayyee murtee cimaadha'' garuu negeenya qophichaatii waan barbaachisaadha jedhan pireezidant Haashimootoon.
''Atileetota hedduuf tapha kanarratti hirmaachuun carraa jireenya keessatti argamu isa duwwaa tahuu mala. Maatiifi hiriyoota si deeggaran ofbiraa dhabuun baay'ee nama dhukkubsa. Kuni anaafis dhukkubbuu natti taheera.''
Kana malees biyyoota kamtu gara Jaappaan akka dhufaniifi dhorkaman ilaalchise murteessuu kan qabu motummaa Jaappaani jedhaniiru. ''Eenyu akka gara Jaappaan dhufu ilaalchisee kan mootummaan murteessudha.''
Yoo biyyoonni sababii ulaagaalee motummaan kaa'u guutuu dhabuun gara Jaappaan deemuu hindandeenyee ta'e ammoo, isarratti waan Koreen Olompikii Idil-Addunyaafi IPCn jedhan dhagahu qabnas jedhan.