Joo Baayiden: Pirezidantiin Ameerikaa yeroo jalqabaaf ajjechaa jumlaa Tulsa yaadatan

Pirezdant Joo Baayidan Pirezidantoota Ameerikaa otoo aangoorra jiranii ajjechaa jumlaa Tulsa'tti bara 1921 qaqqabe yaadataniidha.

Ajjeechaan jumlaa kun seenaa Ameerikaa keessatti hokkora hammaataa keessaa tokko ture.

Aab Baayidan Kibxata kaleessaa waggaa 100ffaa haleellaa gurraachota Ameerikaa 300tti dhiyaatan fixe kana yaadachuuf gara Talsaa, Oklahaamaatti qajeelan.

Hokkorri guyyoota lamaaf ture sun warreen adii hiriira bahaniin kan eegalame wayita ta'u, waggoota kurnan darban keessa seenaa keessaa haqamee ykn dhokfamee ture.

Seenaan sun hiriirri mormii loogii sanyummaan walqabatu bara darbe wayita gaggeeffametti deebiifamee xiyyeeffannoo argate.

Caamsaa 31, bara 1921 gartuun warreen adii iddoo dhalattootni Afrikaa-Ameerikaa itti heddummataniifi qabeenyaan badhaatuu turte kan Talsaa keessatti argamtu Giriinwuud, guutummaatti barbadeessanii turan.

Hawaasni ''Black Wall Street'' jedhamuun beekaman kunneen hanga manneenifi bizinasiin isaanii hokkoraan jalaa gubamutti dhalattoota Afrikaa-Ameerikaa sooreyyii turan.

Lubbuun namootaa darbuun cinatti gurraachonni Ameerikaa hedduun madaa'aniiru ykn mana malee hafan.

Ta'ii sana hordofee waggoota hedduuf ragaaleen ta'ii ibsan dhofkamaniiru ykn mancaafamaniiru, manneen barnootaas waa'ee ajjeechaa jumlaa sanaa barsiisaa hin turre.

Joo Baayidan Talsaatti Kibxata wayita dubbatan ''Waggoota dheeraaf seenaan waanta asitti ta'ee callisaan bira darbamaa ture,'' jedhan.

''Hokkora otoo hin taane, ta'iin sun ajjeechaa jumlaati, seenaa keenya keessatti yeroo hamtuu keessaa tokko ture,'' jedhan.

Ajjeechaan jumlaa Talsaa raawwatamee waggaa lama turtii hin caalle keessatti hiriirtonni warreen adii magaalaa Rooswuud jedhamtu, kan baadiyyaa Filooridaaatti argamtu mancaasanii turan.

Aab Baayidan Caamsaan 31 guyyaa yaadannoo ta'ee akka yaadamuu qabu labsaniiru.

Ibsi masaraan Waayit Haawus baase ''hawaasa Giriinwuud irraa waan dhaalleef kabaja qabna, haqummaan sanyii bulchiinsa mootummaa keenya guutuu keessa akka jiraatu gochuun kutannoo keenya irra deebiin mirkaneessina. Cunqursaa sirnaan seerota, imammataafi laphee keenya keessaa buqqisuurratti ni hojjanna,'' jedha.

Namoota ajjeechaa jumlaa sanarraa hafan keessaa namoota sadii qofatu lubbuun jira - umriin isaanii ganna 101-107 gidduu jira.

Aab Baayidan imala isaanii keessatti namoota lubbuun hafan kana akka dubbisanitu eegama.

Pirezidant Baayidan daawwannaasaanii waa'ee ajjeechaa julmaa sanaa galma aadaa Giriinwuuditti argasiifamu ilaaluun jalqaban.

Kantiibaan magaalaa Talsaa GT Biyiniyum, bulchiinsa magaalichaa bakka bu'uun nageenya hawaasaa eeguu dadhabuusaaniif dhiifama gaafataniiru.

''Qondaaltoonni mana qopheessaa bara 1921 Talsaatti filatamanii hojjachaa turan amma lubbuun hin jiran, bulchiisuma walfakkaatuuf hojjanna waan ta'eef dirqama isaanii bahuu dadhabusaaniif dhiifama gaafanna,'' jedhanii Feesbuukiirratti barreessan.

''Namoonni miidhaman - dhiirota, dubartootaafi daa'immaan, waan gaarii ta'e magaalicharraa argachuu qabu ture, waan gaarii hin arganne kanaaf dhiifaman gaafadha.''

Giriinwuud iddoo hawaasni gurraachotaa soreeyyiin jiraataa turan wayita taatu, iddoo lammileen gurraachonni loogiin sanyummaafi qoodaminsaaf itti saaxilaman ta'unillee yaadatamti.

Hokkora iddoo Talsaatti raawwatame soorummaa gurraachoonni qabaniifi hojii soorummaa argachuuf dalagan jalaa mancaasera.

Ji'a darbe Kongirasii biyyattii duratti maanguddoon ganna 107 dhugaa bahan Viyolaa Filicher, ''guyyaa sana waan hunda dhabne,'' jedhan.

Pirezidant Baayidan haqummaa gama sanyiirratti akka jiraatu nan hojjadha jedhanii turan.

Daawwannaa Talsaa kanaan sagantaa mana jireenyaa haaraa hedduufi hojiiwwan biizinasii xixiqqaa Waayit Haawus garaagarummaa soorummaa warreen adiifi gurraachoota gidduu jiru dhiphisa jedhamee amanamu ilaalchisuun ni dubbatu jedhamee abdamatama.

Bulchiinsi Baayiden loogii sanyii gabaa manneen jireenyaarratti mul'atu dambii haaraa baasuun wal caalmaa mul'atu furuurratti akka hojjatu ibseera.