Qabeenyaafi maallaqa miseensota gareewwan shororkeessitoota jedhamanirratti dhorkiin kaa’ame

Mootummaan Itoophiyaa gareewwan mana maree biyyattiin shororkeessitoota jedhamuun farrajaman keessatti namoota miseensa yookaan deeggartootadha jedherratti qabeenyi akka hin sochooneef dhorke.

Gareen nageenyaafi tasgabbii qaamolee nageenyaa garagaraa irraa walitti babba’e akka ibsetti, miseensota TPLF 19 qabeenya Finfinnee keessaa qaban irratti dhorkiin kaa’ameera.

Akkasumas garee mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu ni deeggaru jedhaman namoota 141 ta’anirrattis maallaqni isaanii akka hin sochooneef dhorkamuun ibsameera.

Akka humni kun jedhutti, namoonni TPLF waliin hiriiraniiru jedhaman kunneen, kana dura saamicha guddaa raawwachuun Finfinneefi naannolee birootti qabeenya akka malee kuufatanii akka turan ibsuun, gocha biyya ganuu raawwataniin ajajni mana murtii irratti darbee jiraachuus himeera.

Namoonni kunneen kutaalee Finfinnee garagaraa keessatti manneen jireenyaa ijaaranirraa akkasumas dhaabbilee daldalaa karaa maatiifi bakka buutota isaaniin kireessuun maallaqa argamu ‘‘bittaa meeshaalee waraanaafi rasaasaaf oolchaa akka turan’’ ibsameera.

Humni addaa kun itti dabaluun akka jedhetti, qabeenya kunneen gurguruun maallaqa biyyaa baasuu irrattis bobba’anii waan argamaniif, qaama mootummaa dhimmichi ilaallatutti dabarsuun manni murtii dhorkii akka irratti taasisuu godhamee jira.

Miseensota TPLF qabeenya isaanii irratti dhorkiin taasifame keessaa, Leetanaa Jeneraal Taaddasa Warrada, Leetanaa Jeneraal Fissahaa Kidaanuu, Meejar Jeneraal Abbaba T/Hayimaanoot, Meejar Jeneraal Hallafoom Ijjiguu, Meejar Jeneraal Tasfaayee Giday, Birgaadiyeer Jeneraal H/Sillaasee Girmaay, Birgaadiyeer Jeneraal Migba Haayiluu, Birgaadiyeer Jeneraal Tahilaay Ashabbir ni argamu.

Dabalataanis Oromiyaa bakkeen garagaraa keessatti akka sochoo’an kan himamuufi garee mootummaan Shanee jedhuun, isaanimmoo WBO jechuun of waaman maallaqaan gargaaraa turan jedhamuun namoota shakkaman 141 maallaqni isaanii akka hin sochoone taasifamuus humni addaa kun beeksiseera.

Lola Tigraay keessatti hordofuun naannicha bulchuurraa kan maqfame TPLF fi haleellaawwan Oromiyaa keessatti raawwataman duuba akka jiru kan shakkamu ‘Shaneen’ torbanoota muraasa dura Mana Maree Bakka Bu’ootaan shororkeessitoota jedhamuun akka farrajaman niyaadatama.