Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akaakuuwwan Covid qubee Giriikiin moggaase
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) akaakuuwwan haaraa koronaavaayirasiif maqaa moggaasuu beeksise.
Ammaan booda Dhaabbatichi akaakuuwwan Covid-19 haaraa waamuuf qubee Giriikiitti fayyadama.
Keessattuu kanneen UK, Afriikaa Kibbaa fi Indiyaa keessatti mul'atan dursee moggaaseera.
Haala kanaan kan UK Alpha, kan Afriikaa Kibbaa Beta, fi kan Inidiyaa Delta jedhameera.
Dhaabbatichi akka jedhutti, maqaa moggaasuun kan barbaachiseef maqaa saayinsaawaa haaraa baasuuf osoo hin taane, marii dhimma kanarratti taasifamu salphisuu fi loogii sababa akaakuuwwan vaayirasii haaraa kanaan biyyootarratti uumamu haquuf.
Mootummaan Indiyaa jalqaba ji'a kanaa akaakuu vaayirasichaa B.1.617.2 jedhamu kan jalqaba biyyasaa keessatti mul'ate ''vaayirasii Indiyaa (Indian variant)" jedhanii waamuun sirrii miti jechuun qeeqeera.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa haala kanaan waamee akka hin beekne hima.
"Biyyi kamuu sababa vaayirasiin haaraan keessatti mul'ateef qoollifatamuu hin qabu,'' jechuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti garee teeknikaa kan dursan Maria Van Kerkhove Twitter isaaniirratti barreessan.
Maqaan akaakuuwwan haaraa koronaavaayirasii kun tmarsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irratti maxxanfamee jira.
Maqaan qubeewwan Giriikiin moggaafame kun maqaa saayinsaawaa bakka hin bu'u.
Akaakuuwwan vaayirasichaa 24 ol yoo mul'ate baay'ina qubee Giriikii ol waan ta'uuf moggaasa maqaa kan biraatu ibsama.