Ministira Muummee UK: Booris Joonsan dhoksaan cidha godhatan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee UK Booris Joonsan kaadhimaa isaanii Keerii Simandis waliin sagantaa cidhaa isaanii dhoksaan Kaatediraalii Weestiminitar keessatti gaggeefachuun gabaafame.
Cidhi kunis Sanbata darbe bakka maatii fi hiriyyoonni itti siqan muraasni argamanitti kan gaggeeffame ta’uu gazeexoonni hedduu gabaasaniiru.
Waajjirri mootummaa Daawoning Istreetiitti argamu garuu dhimmicharratti yaada kennu dide.
Mineestirrii Hojii fi Soorataa Tiriizi Kooffii: “Booris Joonsan fi Keerii Simandis cidha keessaniif baga gammaddan,” jechuun fuula Tiwiitara isaanii gubbaatti barreessaniiru.
Ministeerri Tokkooffaan Ayeeerlaand Kaabaa Arliin Fosteris akkasuma fuula Tiwiitara gubbatti “baga gammaddan” jechuun ergaa barreessaniiru.
Gaazeexaan 'The Mail' gabaasaa Dilbataa irratti akka jedheetti, cidha kana irratti keessummootni 30 waamicha yeroo gabaabaatiin affeeraman.
Kunis baayyina namoota qajeelfama Ittisa Covid Ingilaandi jalatti walitti qabamuu danda’udha jedhe.
Qophii cidhicha sirna amantaa Kaatoolikiin gaggeeffame kana irratti hojjattonni waldicha muraasni kan hirmaatan yoo ta’u, cidhicha kan gaggeessan Luba Daaniyeel Hamfiriidha jedha.
Gazeexaan 'The Sun' deeggarsi waajjira motummaa Daawoning Isteert olaanoo cidhicha keessatti raawwatan hin baramne jechuun gabaaseera.
Miseensonni hawaasaas saatii 7:30 booda mana amantichaa Kaatediraalii Weestminitar akka dhiisanii ba’aniif gaafatamuus gabaseera.
Aadde Siimandis kan umuriin 33, bakkichatti kan argamte sa'aatii wallakkaa dabarsuun ta'uun gabaafameera.

Weellistoonni ammoo gamoo 'No 10' jedhamu keessaa Sanbata yoo ba’an suuraaleen ni mul’isu.
Aadde Simondis jalqaba MM Joonsan waliin hariiroo jalalaa qabachuun ishee miidiyaatiin kan gabaafame jalqaba bara 2019 irratti ture.
Guraandhala 2020 irratti wal kaadhimmachuu isaaniifi isheen ulfa ta’uu ishee beeksisan.
Ilmi isaani Wilfireed Ebla darbe dhalate.













