Kooriyaa Kaabaa: 'Daa’imman warra hinqabne fedhiin albuuda baasuurratti hirmaachuuf'

Suuraa ijoollee sagantaa tola ooltummaarratti hirmaatanif miidiyaan biyyattii maxxanse

Madda suuraa, MINJU CHOSUN

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa ijoollee sagantaa tola ooltummaarratti hirmaatanif miidiyaan biyyattii maxxanse

Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa ijoolleen warra hin qabne tola ooltummaan dhaabbata mootummaa biyyattii albuuda baasuufi qonna keessa hojjachuuf akka barbaadan gabaasan.

Tajaajilli oduu 'Korean Central News Agency (KCNA)' akka jedhutti, ijoolleen dhibbaatamaan lakkaa’aman ’’ogummaafi kutannoo ijoolummaan’’ dafqa isaaniitiin dhaabbata biyyasaanii gargaaruuf filatan.

Umuriin ijoollee kanaa meeqa akka ta’e ibsamu baatulleen garuu suuraa irratti akka mul'atanitti ijoollee ol guddataa jiranidha.

Dhaabbileen mirgaa namoomaatiif falman Kooriyaan Kaabaa yeroo dheeraaf dafqa ijoolleetti gargaaramuun himataa turanilleen, biyyattiin garuu ni haalti.

Guraandhala keessa BBC’n dhalattoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo waraanatti hidhaman cilee qotuun mootummaafi sagantaa meeshaalee waraanaa biyyattiif galii argamsiisuuf akka hojjatan gabaasee ture.

Kooriyaan Kaabaa ummata miliyoona 26 ol ta’an akka qabdutu amanama. Isaanis mootummaan abbaa irree jireenya lammilee biyyattii kallattii hundaan cimse to’atuun bulfamu.

Ebla darbe hogganaan biyyatti Kiim Joong-un rakkoon fuuldursaanii akka jiru himun, biyyattiin yeroo hamtuu dhufaa jiruuf akka of qopheessitu akeekkachiisanii ture.

Kooriyaan Kaabaa bara 2020 sababii weerara koronaavaayirasiitiin daangaawwan ishee fi diinagdee biyyattiif utubaa kan ta’e daldala Chaayinaa wajjin qabdu cuftee turte.

Gabaasaaleen miidiyaaleen motummaa biyyaattii hedduun akka jedhaniitti, kanneen tola ooltota jedhaman kunneenis torban darbe hojii humnaa biyyattii guutuu gargaaraa jiru.

KCNA Sambata kana akka jedhutti, ijoolleen warra hin qabne 700 ta'an warshaalee, qonnaafi eegumsa bosonarratti hojjata jiru.

Guyyaa Kamisaa ammoo dhaabbatichi, ''ijoolleen warra hin qabne hedduun kakuu waadaa oolmaa jaalala paartiin isaaniitti agarsiise baasuuf seenan bahachuf lafe cileen Konnahee jedhamuutti itti oomishuun fiigaa jiru jedhe.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa bara 2020tti haala qabiinsa mirga namoomaa irratti gabaasa baase keesstti, Kooriyaa Kaabaa ‘sarbama cimaa dafqa daa’immanii'tiif balaalleeffateera.

Akka gabaasichi jedhutti, qondaaltoonni biyyattii yeroo tokko tokkoo ijoolleen barataa jiran ''pirojaktoota addaa kan akka hojiiwwaan cabbii karaa gurguddaa irra jiran qulqulleessu fa’a akka gargaaraniif ergu'' jedha.

Akkasumas ijoolleen ganna 16 ykn 17 ''birgeedii ijaarsaa akka waraanaatti dabalamuun waggoota kudhaniif akka turan taasifamu,'' jedheera.

Ijoolleen kunneenis sababii kanaan ''miidhama qaamaafi xiinsammuu, akkasuma hanqina nyaataafi dadhabbiif saaxilamuun, humnaan akka hojjataniif dirqisiifamusaanitiin rakkina qancaruuf saaxilamaa jiru'' jedha.

Haata'u malee Kooriyaan Kaabaa himannaa irratti dhiyaatu kana irra deddeebiin balaaleeffatti.

Jalqaba ji’a kanaattis biyyattiin Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan ‘’imaammata diinummaa’’ Kooriyaa Kaabaarratti hordofu jechuun himatteetti.

Biyyattiin kanas kan ibsite Baayideen tarsimoo haaraa sagantaa gabbisa niwukilaraafi hariiroo Piyoong yang wajjin jirurratti bahe ifoomsuuf qophiirra yeroo jiranitti ture.