Koronaavaayiras: Booris Joonsan mallattoon vaayirasiicha itti jabaannaan kunuunsi addaa kennamuuf turan

Madda suuraa, Getty Images
Minisirrii Muummee UK Booris Joonsan mallattoon koronaavaayirasii itti hammaachuu isaatiin halkaan iddoo kunuunsi addaa itti kennamuuf tursiifaman.
Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi pirezedantii Firaans Imaanu'eel Maakiroon dabalatee, hooggantonni biyyoota addunyaa hedduun 'si cinaa jirra' jechuun dhaamsa jajjabinaa erganiif.
Waajjirri isaanii akka ibsetti, gorsa gareen ogeeyyii fayyaa kennaniin gara hoospitaala giddugaleessa Landatti argamutti geeffamuun 'kunuunsa adda ta'e' argataa jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Joonsan barbaachisaa taanaan yeroodhaaf Ministirrii Dhimma Alaa biyyatti Doominik Raab akka bakkasaanii bu'an gaafataniiru jedhu dubbii himaan isaanii.
MM Joonsan ga'eessi ganna 55 hoospitaala Seent Toomas Dilbata halkan kan seenan mallattoo Koroonaavaayirasii itti jabaachuusaatiin ture.
Wixata otoo garaa iddoo kunuunsi addaa kennamutti hin dabarfamiin dura oksijiiniin kennamaafi turuutu himame.
Kana jechuun afuursituu/ventilator irra hin fagaatanii- meeshaan kun namoota harganuuf dadhaban akka harganan gargaara. Ammaatti garuu, meesha kanatti fayyadamaa hin jiran.
Marii dhimma vaayirasii Covid-19 irratti mootummaan UK gaggeessuu kan dursan Mr. Doominik Raab,'garee miira waltumsuu cimaa qabutu' MM duuba jira jedhan.
Kana malees, karoora Joonsan biyyatti rakkoo koroonaavaayrasiin uumee keessaa baasuuf jedhanii qabatan hojiirra oolu isaa akka mirkaneessan himaaniru.
Ministirri Muummee Booris Joonsan hoospitaala geeffamanii vaayirasichaan qabamuu isaanii erga mirkana'ee guyyoota 10 guutera- mallattooleen irratti mul'atus, hoo'a qaamaa cimaa fi qufaadha. Wixata ganamaan 'haala gaariirran jira' jedhanii toora tiwitarasaaniirratti barreessaniis turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X















