Filannoo Itoophiyaa 2021: Murteen Mana Murtii Waliigalaa filannoorratti dhiibbaa akkamii fidee dhufa?

Mana Murtii Waliigalaatti Dhaddachi Ijibbaataa Jimaata Caamsaa 21, 2021 namoonni to'annoo seeraa jala jiran filannoo keessa hirmaachuu danda'umoo hin danda'an kan jedhurratti ji'ootaaf mormii taasifamaa turerratti murtoo dabarseera.

Iyyata Paartii Baaldaraasin dhiyaateef ''kaadhimummaan akka hin galmeeffamneef bu'uurri seeraa dhorgu hinjiru,'' jechuun dhaddachi kun mure.

Hundeessaafi pireezidaantiin Paartichaa Obbo Iskindir Naggaa fi miseensoonni paartichaa Sintaayyehu Chakkool fi Qallab Siyyuum, ajjeechaa artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora ka'e hordofee to'annoo jala kanneen jiran keessaati.

Jarri kun Filmaata Biyyaalessaa marroo 6ffaarratti, paartiisaanii bakka bu'uun Mana Maree Magaalaa Finfinneef dorgomuuf, kaadhimamaa ta'anii akka galmaa'an gaaffii dhiyeessanii turan.

Namoonni to'annoo seeraa jala jiran kaadhimummaan nuuf haa galmaa'an gaaffiin jedhu akka Baaldaraasitti Mana Murtii hin gahin malee, paartilee kaaniinis ka'aa kan turedha.

Keessattuu paartileen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO), miseensonni isaanii dorgoman hidhamuu irra deddeebiin komachaa turan.

ABOn erga galmeen kaadhimamtootaa obba'e booda, miseensonni hiikamuu malu yaada jedhuun ''hidhaa jala otoo jiranii naaf haa galmaa'an'' jechuun Boordii Filannoof gaaffii dhiyeessee ture.

Walitti-qabduun boordichaa Birtukaan Miidhaksaa, kanneen hidhaa keessa jiran dorgommiif galmeessuuf seerri biyyattii akka hineeyyamne deebii kennaniiru.

''Balbala sana ni saaqna taanaan, miseensota ABO callaa osoo hintaane, kanneen ajjeechaan himatamanis, itti murtaa'uu baatullee kaadhimamaa taanee dhiyaanna jedhu,'' jechuun deebisan.

''Biyyoonni tokko tokko haala hin baramneen kana heeyyamu. Seerri keenya garuu kana hin eeyyamu. Maaliif hin heeyyamne kanjedhu keessa seenuu hin dandayu. Garuu kana hin heeyyamu waan taheef, miseensonni paartii hidhaa jala jiran kaadhimamaa tahanii hin dhiyaatan,'' jechuun deebii ABOf kennan keessatti ibsan.

Seerri biyyoota kaanii maal jedha?

Adam Kaasee (PhD) seerota filmaataa irratti qorannoo kan godhaniifi dhaabbata teessoosaa Neezarlaandis godhateefi dhimmoota filannoofi deemokraasiirratti hojjetu keessatti ogeessadha.

Addunyaa gubbaa kanneen hidhaa jala jiran filannoon dorgomuu danda'uu kan jedhu biyyaa biyyatti garagara tahus, kanneen to'annoo jala jiraniifi himannaan irratti hin banamne garuu, kaadhimamaa ta'anii galmaa'uunsaanii garuu gaaffii hinqabu.

''Biyyoonni akka Hindii namoonni himatamanii irratti hin murtoofne filmaata keessatti akka hirmaataniif seera heeyyamu qabu. Namni irratti murtaa'e garuu, ba'ee uummata tajaajiluu waan hin dandeenyeef yoo dhorkames sirriidha jedheen amana.''

Kanneen dhimmisaani ilaalamaa jiru ilaalchisee seeraan ifatti taa'uun irra ture kan jedhan Dr Adam, kun tahuu dhabuusaatin Boordii Filannoos qormaata keessa galcha jedhu. Seerichi otoo amma fooyya'es, gara duubaa deebiyuun hin hojjetu jedhu.

Adeemsi dhaddachaa maal fakkaata?

Paartiin Baaldaraas Demokraasii Dhugaaf, pireezidaanti Paartichaa Obbo Iskindir Naggaa dabalatee miseensoonni paartichaa sadi kaadhimamaa tahuun naaf haa galmaa'an jedhee, raawwachiiftota naannoo filannoo gaafatee ture.

Koreen kutaa magaalarra jiraniifi iyyannoon dhiyaatuuf ammoo, to'annoo seeraa jala tahanii galmaa'uu hin danda'an jechuun, gaafficha kuffisan.

Paartichis murtee kana fudhachuun Damee Boordii Filannoo magaalaa Finfinneetti kan iyyate oggaa tahu, murteen walfakkaataa tahe kennameera.

Dhimmicha gara Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyaachuun: ''Namni hidhaa jiru mirgi socho'uufi bilisummaan isaa daanga'e tokko, duula na filadhaa gaggeessuu hin danda'u. Otoo filatames ummaticha tajaajiluu hin danda'u,'' jechuun gaafficha kuffise.

Manni Murtichaa ''seeraan filachuufi filatamuu kan irraa hin mulqamne'' himni jedhu, mirgi wabiisaanii dhorkamee mana hidhaa kanneen jiran ni dabalata moo hin dabalatu kan jedhu kan jedhutti hiika kenneera.

Kanaanis: ''Namni mana hidhaa jiru mirgoonni demokraasii qofaa osoo hin taane, mirgoonni uumaarraa argate, kanneen akka mirgi bilisummaa isaa daangeeffame na jirudha,'' jedha murteen kun.

''Namoonni to'annoo seeraa jala jiran namoota ala jiran gadi mirgoonni qaban. Heerri mootummaa waa'ee namoota himatamaniifi itti murtaa'ee kutaa himu keessatti, wanti kaasuu hinjiru.

Dhorgaan seera filannoorra kaa'ames kan eeru, waa'ee mirga dorgomuu namoota wabii dhorgamanii hidhaa jiranii osoo hin taane, kanneen to'annoo seeraa jala hinjirredha.''

Akka balleessaa hindalagnetti ilaalamuu jechuun, wayita himannaa yakkaatti dirqamni dhimmicha hubachiisuu himatamaa irra kan hinjirre tahuu hubachiisuuf kan eerame malee, himatamaan mirgoota demokraasiisaa akka shaakalu kan eeyyamu miti jechuun murtoon Mana Murtee Olaanaa kanaa ni hima.

Abbaa seeraa yaada addaa qaba jedhan

Abbootii seeraa Mana Murtii Olaanaa dhimmicha ilaalaa turan keessaa abbaan seeraa Mulusaw Diras jedhaman, murtee kanaan waliigaluu dhabuusaaniitiin, dhimma kanarratti yaada addaa qabu.

Qajeelfama hiikkaa seeraa ''Seerri oggaa ifa tahutti hiikkaan isa hin barbaachisu,'' jedhu bu'uura godhachuun, garaagarummaa yaadaasaanii kaa'aniiru.

Keewwanni 31 Seera Filannoo, ulaagaalee kaadhimamaa taasisan ni kaa'a kan jedhan abbaan seeraa kun, kanneen keessaa seeraan yookaan murteen dhorkaan mirga filatamuu eerameera jedhan.

Abbaan seeraa Mulusaw akka jedhanitti, boordichi dhorgaa seeraa yookaan mana murtii hin dhiyeessine. Seerichis kanneen to'annoo seeraa jala jiran, galmaa'uu hin danda'an dhorgaa jedhu hin keenye jechuun morman.

Boordiin filannoo seeraan yookaan ajaja mana murtiin mirgi filatamuu namoota kanaa sarbamuuf ragaa hin dhiyeessine kan jedhu garaagarummaa isaaniif sababa ijoodha.

Murtoon mana murtii ijibbaataa maal jedha?

Manni murtii ijibbaataa akka heera biyyattii keewwata 80tti seerota heera keessatti hin hammatamne hiikuuf dhaddacha aangoo qabu dha.

Dhaddacha kanatti yoo xiqqaate murteessitoonni shan ni taa'u. Dhaddachi kuni murtoo kenninaan ol-iyyannoon hin gaafatamu, kan ijibbaataa taha jechuu dha.

Gaafa murtoon kennamee qabee manneetii murtii naannoottis tahe federaala jiranitti ni raawwatama. Murtoon seeraa dirqisiisaa ijibbaataa yeroo kennamu kanattis barreefamaan maxxanfamee raabsama.

Haaluma kanaan morkii Baaldaraasii fi Boordii Filannoo gidduu murtoo dhumaafi ol iyyannoon itti gaafatamuu hin dandeenye kenneera.

Ol-iyyannoo Baaldaraasiidhaan iyyannoo kana kan ilaale dhaddachi ijibbaataa kuni murtoon mana murtii olaanaa dogoggora qaba jechuun kuffiseera.

Mana murtii ijibbaataa kanatti iyyannoon dhiyaates namoonni gaaddisa seeraa jala jiran kaadhimamtoota tahanii galmaa'uuf seerri isaan dhorku hin jiru kan jedhu dha.

Murtoon kenname seera kan bu'uurefate miti namoonni shakkaman seeraan hanga irratti hin murtoofnetti nama qulqulluu jedhamanii ilaalamuu qabu seera jedhu faallessa kan jedhan fa'i dha.

Dhaddachi kuni jalqabarratti Boordiin Filannoo manni murtii ijibbaataa dhimma kana ilaaluuf aangoo hin qabu jechuun falmii dhiyeesse kuffiseera. Kanas seera eeruudhaan murtoon murtii dhumaa argate hundi sarbama seeraa bu'uuraa yoo qabaateef dhimmicha ilaaluuf aangoo qaba jechuudhaani.

Dhaaddichi kuni namni tokko mirgi filamuufi filatamuu isaa yeroo murtaa'eefiis tahe yeroo hundaaf jalaa daangeffamuu danda'a jedha.

Seera yakkaa biyyattii eeruunis murtoo du'aafi hidhaa umrii guutuun alatti mirga dimookiraasii dhorkuu akka adabbii dabalataatti fudhachuun kan murtaa'u tahuu manni murtichaa manni eera.

Namni tokko adabbiin itti muramuun dura bilisa kan jedhamu mirgoonnisaa seeraan ifattti hin dhorkamne akka jalaa hin tuqamneefi.

''Kaadhimamaan kuni mirgi socho'uu isaa jalaa dhorkamee waan jiruuf socho'ee duula na filadhaa geggeessuu hin danda'uu,'' jechuun falmii boordichi dhiyeesseefis deebii kenneera.

''Kaadhimamaan kan dhiyaatan karaa paartichaa waan taheef, duulli na filadhaa immoo kan adeemsifamu karaa paartiin gatii taheef gama kanaan iyyannoon dhiyaate ijaa hin jirree manni murtii murtoosaaf kana bu'uura godhachuun sirrii mitii,'' jechuun falmii kanas kuffiseera.

Manni murtii ijibbaataa kuni seera filannoo eeruun mirgi filuufi filatamuu isaanii kan jalaa hin dhorkamneefi gaaddisa seeraa jala jiraniif sirni haaraa qophaa'ee jira jechuun ibsa.

''Kunis hirmaannaa siyaasaa uummattootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuufi kan jajjabeessu tahuu agarsiisa,'' jechuun dhaddachi kuni hima.

Manni murtii ijibbaataa kun, murtoon manni murtii olaanaa kenne dogoggora qaba, sirreefamuu qabas jedha.

Kana booda hoo eessa dhaqa?

Kana dura dhimma miseensota isaanii mana hidhaa jiran ilaalchisee wal-gahiiwwan irratti gaaffii dhiyeessaa paartilee turan keessaa hogganaan Koongireesii Federaalistii Oromoo, Piroofeesar Mararaa Guddinaa akka murtoo kanaatti taanaan gaaffiin dhiyeessu barbaadan akka hin jirre BBCtti himaniiru.

''Dirreen siyaasaa waliigalaa ijaa badeef kuni unuuf faayidaa hin qabu. Waajiraaleen 200 ol cufamaniiru. Barri darbe yeroo namoota miiliyoonaan sassaabbannu tures,'' jedhaniiru.

''Nuti filannichi filannoo dhugaa tahuu ijaa hin dandeenyeef keessaa baane,'' jechuunis himu.

''Yaaddoon koo bilisummaan mana murtii akka jiru fakkeessuuf akka hin taane dha. Murtoon Lidatuuf malee yoo kabajamu hin argine,'' kan jedhan piroofeesarichi, ''ijoollee Baaldaraasiif garuu jajjabina kennuu mala,'' jechuun BBCtti himaniiru.

Kana kan falman ogeessi seeraa Adam murtoon kuni amantii mana murtii irratti qabnu kan dabalu dha jedhu. Haa tahu malee murtoowwan akkasii saffisaan keessummeessuu dhiisuun dhiibbaa fiduu danda'u agarsiisa jedhaniiru.

Adam paartileen Oromiyaa keessatti dorgoman lamaan seera-qabeessummaa filannichaa irratti gaaffii akka kaasan carraa kan kennu tahus dubbatu.

''Paartileen kunneen hidhamuun kaadhimamtoota isaanii amanamummaafi haqummaa filannichaa irratti gaaffii kaasaa turan seeraqabeessa godha. Namoonni nuti dhiyeessine dorgomuurraa akka malee ijaa nu jalaa dhorkaniif filannichi seera qabeessa miti,'' jechuun filannoo booda falmii kaasuu danda'u,'' jechuun BBCtti himaniiru.

Boordichi filmaatawwan seera-qabeessaa lama hordofuu akka danda'u kana himan Adam,hiikni heeraa naaf haa kennamu jedhee koree qulqulleessituutti iyyachuun tokko dha. Kuni otoo filannoon hin adeemsifamiin kan tahuu danda'u dha jedhu.

''Boordichi murtoo kana fudhachuu yookiin immoo yoo tahuu baate kaadhimamtoonni akkuma manni murtichi jedhe mirga akka qaban amanee garuu kana raawwachiisuuf haalota isa hin dandeessisne ibse filannoo kanarratti raawwatamaa akka hin taane murtoo (declaratory judgement) jedhamu gaafachuu danda'a jechuun ogeessi seeraa kuni ibsu.

Boordiin filannoo ajaja manni murtichaa kenne sababa biraa kamiinuu hin raawwadhu jechuu akka hin dandeenye himu. Mootummaan kuni irra deddeebiin murtoo mana murtii hin kabajiin hafuusaa waliin kan wal-fakkaataafi falmisiisaa dha jedhu

Akka bahumsaaatti

Murtoon kuni hojii irra oola taanaan dhiyeessa loojistiksii irratti dhiibbaa fiduu danda'a kan jedhan Adam. Sanadoota maqaa kaadhimamtoota qabatan sororsuus gaafata jedhu.

''Paartileen naannoo biyyattii keesumaa kan Oromiyaa keessa jiran warreen himanni irra jiruufi hin jirrellee nuuf haa galmaa'an jedhanii yeroo gaafatan akka isaan hin dandeenye itti himamee ture,'' jechuun yaadatu

Murtoon kuni seera-qabeessummaa caalaa waan siyaasaa akeeka jechuun ibsu. Paartileen otoo kaadhimamtoota isaanii hin galmeessin hafanis jijjiramni dhufuu baatus seera-qabeessummaa filannichaa irratti garuu gaaffii kaa'u akka jabeessu dubbatu.

''Walumaagalatti murtoon fudhatamummaa qabaatus dhiisus, haqummaafi fudhatama filannoo qofa irratti osoo hin taane seera-qabeessummaa isaa irrattis gaaffii kaasuu mala,'' akka ogeessichaatti.

Adam murtoon mana murtichaa dhaabota gidduutti seeraan wal-gamaaggamuufi dhaaboti of danda'uufi jabaachuu isaanii murtoo agarsiisu dha jechuun himu.