Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Miseensoti Boordii Filannoo shanan eenyu?, gaheen isaanii maali?
Miseensonni Boordii Filannoo shanan ittigaafatama filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa raawwachiisuu fudhataniiru.
Birtukaan Miidhagsaa walitti qabduu boordichaa yoo ta'an miseensonni biroo hafan afur; Obbo Wubishat Ayyalaa, Aadde Bizuuwarq Kattete, Dr. Abarraa Dagafaa fi Obbo Fiqree Gabrahiwoot jedhamu.
Namootni kunneen mana maree bakka bu'oota uummataatti dhiyaatanii muudaman.
Gaheen isaanii maali?
Bordiin miseensota shan qabu kun dhimma filannoo fi rifarandamii kam irrattuu murteessuuf aangoon kan kennameefidha.
Labsii Boordiin Filannoo ittiin hundeeffame 1133/2011 bu'uura godhachuun Boordiin Filannoo kun filannoo fi riifarandamii bu'uura heeraa fi seera filannoo guutee raawwatamu kamuu walaba ta'ee raawwachiisa.
Miseensonni boordichaa shanan ammoo adeemsa filannoo irratti rakkoon bu'aa filannoo maqsu uumameera jedhanii yoo amanan, bu'aa filannoo haquu fi filannoon irra deebiin akka raawwatu hanga ajajuutti aangoo qabu.
Miseensoti kunneen koree ijibbaataa komii dhimma filannoo irratti ka'u qulqulleessudha.
Bu'aan filannoo osoo ifa hin godhamiin duras qaama kanaan mirkanaa'uu qaba.
Seerota filannoo raawwachiisuu, paartilee siyaasaa to'achuu, deeggarsa paartilee siyaasaaf raabsuu, taajjabdootaaf hayyama kennuufi to'achuu, meeshaalee filannoo qopheessuu akkasumas bajata qopheessuun filannoo hojiirra oolchuun hojiilee boordichaa keessaa kanneen ijoodha.
Miseensonni Boordii akkamiin filamu?
Miseensoti Boordii Filannoo kan filaman sirnoota garagaraa keessa darbuuni.
Jalqaba MM koree miseensota boordii filannoo kaadhimu hundeessa. Miseensonni koree kanaa hawaasa garagaraa biyyattii kan bakka bu'anii fi namoota walaba ta'an ta'uu qabu.
Dhaabbilee amantaa, akkaadaamii saayinsii, federeeshinii hojjetootaa, waldaalee daldalaa, komiishinii mirgoota namoomaa akkasumas waldaalee siiviilii fi jaarsolii biyyaarraa filatamu miseensonni koree.
Koreen kun namoota miseensota boordii filannoo ta'uu danda'an eeruu uummata, paartilee siyaasaa fi waldaalee siiviilii irraa fuudha.
Namoota eeraman adda baasuun hayyamamtoota ta'uu isaanii erga adda baasee booda kanneen kaadhimaman uummataaf ifa godha, san booda MMf dhiyeessa.
MM namoota kaadhimaman ilaalchisee paartilee siyaasaa waliin marii erga taasisaniin booda kaadhimamtoota muudamaaf mana maree bakka bu'ootaaf dhiyeessu.
Manni maree bakka bu'ootaa sagalee caalmaan kan mirkaneessu yoo ta'e, kanneen muudaman miseensota boordii filannoo ta'u.
Birtukaan Miidhagsaa - Walitti Qabduu Boordii
Yuunivarsitii Harvaardi irraa bulchiinsa uummataan digirii lammataa kan qabdu ogeettiin seeraa Aadde Birtukaan Miidhagsaa amma dura haadha seeraa mana murtii federaalaa turan.
Osoo jireenya baqaaf hin saaxilamiin dura miseensaa fi hoggana dhaaba siyaasaas turan.
Filannoo bara 1997 hordofuun wal-dhibdee uumameen wal qabatee hogganoota siyaasaa hidhamanii fi itti murtaa'e keessaa tokko.
Erga hidhaa bahaniin booda gara Ameerikaa deemuun achi jiraataa turan.
Waggoota torba booda gara Itoophiyaa yoo deebi'an walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ta'anii muudaman.
Ammaan tana dubartii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa harkaa qabanidha.
Obbo Wubishet Ayyele - Walitti qabaa itti aanaa
Obbo Wubishet Ayyele Yuunivarsitii Finfinnee irraa seeraan eebbifaman. Mana murtii olaanaa federaalaa keessatti abbaa seerummaan tajaajila turan.
Boodas hojii abbaa seerummaa dhiisuun waajjira banatanii gorsaa seeraa fi abukaatoo ta'uun hojjetaa turan.
Amma dura boordii filannoo Itoophiyaatti gorsaa ta'uun, marii paartilee siyaasaa waliin taasifamu qindeessuun akkasumas ogummaa isaaniin hirmaannaa garagaraa gochaa turan.
Obbo Wubishet waldaalee siiviikii fi sosochii hawaasaa keessatti nama dammaqinaan hirmaataa turan jedhamu.
Abarraa Dagafaa (PhD) - Miseensa Boordii
Dr Abarraa Dagafaa Yuunivarsitii Finfinneetti gargaaraa pirofeesara seeraati. Digirii sadaffaa isaanii achuma yuunivarsiitii Finfinnee irraa barnoota 'Social Work and Social Development' jedhuun argatani.
Dabalataan Inistiitiyuut for Soshaal Istadiis jedhamu biyya Neezarlaandis jiru irraa seera idil-addunyaan dippiloomaa qabu.
Hojii barsiisummaa yuunivarsiitii Finfinneetti dabalataan baankii Zaman, Ministeera Haqaa fii miseensa boordii joornaalii seeraa Oromiyaa ta'uun tajaajilaa turan.
Miseensa boordii filannoo ta'anii muudamuun dura Waaajjira Abbaa Alangaatti gorsaa seeraa ta'uuniifi dhimmoota haqaa akkasumas Komiishinii daangaa fi dhimmoota eenyummaa keessatti tajaajilaniiru.
Aadde Bizuuwarq Kattete - Miseensa Boordii
Aadde Bizuuwarq Kettete yuunivarsiitii Kuubaa Havaanaa irraa barnoota afaaniin digirii lammaffaa qabu.
Dhaabbilee akka komishinii ittisaa fi to'annoo balaa, televizhiinii Itoophiyaa, Akshin Eed Internaashinaal fi kaan keessa hojjetaniiru.
Dhaabbata biyya Jarman walitti bu'iinsa hambisuufi furuu irratti hojjetu keessatti qindeessituu pirojektii Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.
Dhaabbata miti-mootummaa 'Zeegaa le Idgat' jedhamu hundeessuun hojiilee bulchiinsa gaarii, ijaarsa dandeettii fi hirmaannaa hawaasaa irratti dalagaa turan.
Obbo Fiqree Gabrahiwoot - Miseensa Boordii
Miseensummaa Boordii filannoo keessaa fedhii isaaniin kan bahan Dr Geetaahun Kaasaa bakka bu'uun Obbo Fiqree Gabrahiwoot mana maree bakka bu'ootaatti dhiyaatanii Onkoloolessa darbe muudaman.
Obbo Fiqreen yuunivarsiitiiwwan gara garaa keessatti barsiisummaan akka hojjetaa turan himama.