WhatsApp qajeelfama icciitii ergaa gabaabaa ilaalchisee mootummaa Indiyaa himachuuf

WhatApp seen on phone screen

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaan fayyadamtoota WhatsApp miiliyoona 400 qabaachuun qooda gabaa guddaa qabdi.

Appiin qabeenya Facebook ta'e WhatsApp, qajeelfama dijitaalaa icciitii ergaa gabaabaa eegu sarbe jechuun mootummaa Indiyaa himachuufi.

Dhaabichi qajeelfamoonni madda ergaa gabaabaa faana bu’an, ''ashaaraa qubaa tajaajila ergaa nama tokko tokkoo galmeessuu waliin qixxeedha,'' jedhe.

Baatii Guraandhalaa keessa mootummaan qajeelfama haaraa qabiyyee miidiyaa hawaasaafi waltajjiiwwan dijitaalaa tamsaasa kallattii kennan ittiin to’atu baaseera.

Indiyaan fayyadamtoota WhatsApp miiliyoona 400 qabaachuun qooda gabaa guddaa qabdi.

Qajeelfamni mootummaan baase miidiyaaleen hawaasaa ‘’madda odeeffannoo tokkoo akka adda baasuu danda’an eeyyamaafi.’’

Haala kanaan WhatsApp himannaa mana murtii Delhiitti baneen qajeelfamichi ‘heeraan ala’ tahuu akka mirkaneeffamuufi gaafateera.

Ibsa baheenis dubbi-himaan WhatsApp qajeelfamni kuni end-to end encryption (icciitii sarara ergaa, isa erguu fi fudhatu gidduu jiru) ni sarba, kunimmoo mirga bu’uuraa icciitii namootaa ni cabsa jedhe.

''Waldaalee siiviilii fi ogeessota kutaa addunyaa garaagaraa waliin dhimma imaammata icciitii fayyadamtootaa sarburratti mari’achaa turre.''

Mootummaa waliinis akkasuma furmaata qabatamaa icciitii fayyadamtoota keenyaa eegu irratti hojjenna. Odeeffannoo qabnu irratti hundoofnes karaa seeraa irra ni deemna jedha.

Dhaabbatni kuni madda ergaa gabaabaa tokkoo baruu danda’uun, dhaabbileen dhuunfaa ergaawwan miiliyoonaan lakkaa’aman kan guyyuu ergaman akka walitti qabanii, seera geeddarsiisuuf qofa itti fayyadamuu danda’an godha jedha.

Gama biraan maddaafi haala ergaa tokkoo hubachuun rakkisaa tahuu mala, sababiinsaa namoonni qabiyyee tokko miidiyaa hawaasaa irratti arganii gara ergaa gabaabaatti copy-paste gochuu (garagalchuu) danda’u.

Kana malees madda ergaa tokkoo baruun kaayyoo yaadame kanaaf hojiirra oolchuun rakkisaadha, sarbamaaf saaxilamaa tahuu mala jedha.

Madda ergaa tokko faana bu’uuf jecha namoota dhimma harka keessaa hin qabneef isaan himachiisuu danda’a jedha WhatsApp.

Guraandhala 25 mootummaan Indiyaa qajeelfama waliigalaa baaseen, waltajjiiwwan tamsaasa kallattiifi miidiyaaleen hawaasaa qabiyyeewwan qondaalotaan akka haqan itti himame sa’aatii 36 keessatti akka haqan gaafata.

Miidiyaaleen hawaasaa fayyadamtoota miiliyoona shan ol qaban; ogeessa himannaa keessummeessu, ogeessa quunnamtiifi to’annoo taasisu akka qacaranis gaafata.

Dabalataan mootummaafi mana murtiidhaan yoo gaafataman madda ergaa tokkoo akka baasan irraa eegama.

Twitter, Facebook and Whatsapp qajeelfama kana akka mallatteessan baatiin sadii kennameefii ture. Tahus hanga yoonaa ogeessota hin filatiin jiru.