WhatsApp bilbila 'moofaa' miiliyoonaan lakkaa'amu irratti hojjechuu dhaabuufi

Madda suuraa, Getty Images
Aappiin ergaa ittiin wal dabarsuuf fayyadu WhatsApp bilbilawwan Ismaartfoon jedhaman kan miiliyoonaan lakkaawwaman irratti har'a Guraandhala,1 irraa kaasee hin hojjetu.
Bilbilawwan Andirooyidii fi Ayifoonii sirna oppiresshinii moofaa fayyadaman irratti WhatsAppiin Feesbuukiidhaan dhuunfatamu kana booda hojjechuu dhaabeera jedhe.
WhatsApp tarkaanfiin kun nageenya fayydamtootaa eeguuf kan fudhatame dha jedheera.
Bilbilootni Andirooyidii 2.3.7 fayyadamaniifi Ayfooniin iOS 8 ykn kanarra moofaa tahan dhimmi kuni kallattiin isaan ilaallata.
WhatsApp bilbiloota hin haarofamneefii sirna oppireeshinii durii warra hordofani irratti dha kan hojjechuu dhaabe.
Fayyadamtoonni baayyeeen appii kan fayyadamuu itti fufuuf kan irraa eegamu sirna bilbila isaanii haaressuu qofa dha.
Haa tahu malee bilbilooti kanneen akka iphone 4s kana booda WhatsApp hojjechiisuu hin danda'an.
Hogganaa xiinxala saayinsii kompiitaraa Been Wuud ''WhatsApp tajaajila isaa eegsisuuf caraa biraa hin qabu, bilbilawwan moofaa irratti hojjechuu dhaabuutiin garuu miidhamuunsaa hin hafu jedheera.''
WhatsApp waggoota kudhan darban keessatti Appii baay'inaan namoonni buusan itti fayyadan keessaa sadarkaa arfaffaa kan jiru yoo tahu, jijjirama kana fiduu akka danda'u bara 2017tti maamiloota isaa beeksisee ture.
''Kana murtessuun waan jabaataa ture, maatii, hiriyyootaafi michuuwwan wal-quunnamsiisuuf murtoo sirrii taasifnee dha, jedhan dubbii himaan dhaabbaticha.''
Tarkaanfiin kuni erga Appichi bibiloota baayyee irratti bara 2016 irraa qabee hojjechuu dhaaben asitti kuni isa lammaffaa dha.
















