WhatsApp warra qajeelfama hin fudhanne ergaa akka hin fudhanne dhorkuuf

Madda suuraa, Getty Images
Fayyadamtoonni WhatsApp qajeelfamoota haaraa dhaabbatichi baase hanga Caamsaa bultii 15 yoo hin fudhanne ergaa erguufis ta'e fudhachuun akka isaan rakkisuu hime.
Akkaawuntiin isaanii, ''inactive'' jechuunis kan abbichi itti fayyadamaa hin jirre jedhamanii galmaa'u. Ergasiis akkawuntiiwwan akkanaa guyyoota 120 booda balleeffamu jedhameera.
Ta'us, akka TechCrunch gabaasetti bilbilliifi ergaan beeksistuu (notification) garuu ''torban muraasaaf'' dalaga.
Kaampaaniin WhatsApp baatii Amajjii keessa ture qajeelfama fayyadama aappichaa haaressuu isaa kan beeksise.
WhatsApp addunyaarratti fayyadamtoota miliyoona lamaa akka qabu kan himamu yoo ta'u, ergaawwan fayyadamtoonni ittiin waliif qoodan kan iccitummaansaa eegameedha waan jedhamuuf fayyadamtoota hedduu horachuu danda'ee ture.
Fayyadamtoonni hedduu qajeelfama haaraa baheen aappichi hamma daataa dhaabbata Fesbuukiif qoodu jijjiiruu karoorseera jedhanii yaadan komii kaasaniiru.
Ta'us boodarra ifa akka ta'etti qajeelfamni haaraa kan bahe biznasii hojjechuuf kaffaltiin akka raawwatuuf haala mijeessuuf akka ta'e barame.
Fayyadamtoota beeksisuu
Aappii WhatsApp kan bulchu dhaabbata Fesbuukidha yookiin aappichi kan Fesbuukiiti. Yeroo ammaa WhatsApp odeeffannoon muraasa Facebookf qooda.
Kunneenis teessoo (IP address) - lakkoofsa meeshaan hundi yeroo intarneetiin qunnamuu qabuufi bakka abbichi fayyadamu jiru beeksisu, fi odeeffannoo bittaa WhatsApp'n raawwate Facebook'f qoodaa jira.
Awuroppaafi UK'tti garuu seerri biraa waan jiruuf kuni hojiirra hin oolu.
Erga WhatsApp qajeelfama haaraa baasuu isaa ibse hordofee fayyadamtoonni WhatsApp dhiisuun gara Telegram fi Signal adeemaa turan. Kunis, odeeffannoo nageenya qabu fayyadamuuf yaada jedhuuni.
Booda kana, WhatsApp murtee jalqabaa achi butuun akkaataa fayyadamtoota beeksisu jijjiire.













