Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensonni bulchiinsa yeroo Tigiraay hedduun TPLFn ajjeefamanii kaan ukkaamfamu motummaan hime
Naannoo Tigiraay keessatti miseensonni bulchiinsa yeroo naannichaa hedduun haleellaa TPLF raawwateen ajjeefamuu, madaa'uufi ukkaamfamanii fuhatamuu mootummaan Itoophiyaa ibse.
Wiirtuun Odeeffannoo Yeroo Labsii Muddamaa Qulqulleessu ibsa baaseen, erga bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay hundeeffamee booda bakkawwan gara garaatti miseensota bulchiinsichaarratti haleellaa TPLFn raawwatameen namoonni 22 ajjeefamuu eeree jira.
Miseensonni bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay afur ta'an irratti haleellaa raawwatameen miihaan irra gahee wallaanamaa akka jiranillee ibsi Wiirtuu kanaa dabalee ibseera.
Walumaagalatti ji'oota ja'an darban keessa namoota nagaa miseensota bulchiinsa yeroo naannichaa ta'an 46 irratti humnoota TPLFn haleellaan raawwatameera.
Ibsi Wiirtuun kun baase akka jedhutti, miseensota bulchiinsa yeroo akka ummanni naannichaa tasgabbaa'ee gara jiruu idileesaatti deebiyuuf carraaqan irratti haleellaan raawwatamuun alatti qabeenyis manca'eera.
Naanoo Tigiraay bakkawwan gara garaatti lakkoofsa miseensota bulchiinsa yeroo haleellaan irratti raawwatme kan baase ibsi kun, ajjeechaan baayyeen kan qaqqabe Kaaba-lixa Tigiraay keessatti yoo ta'u namoota sagalitu ajjeefame jedheera.
Akkasumas, godina giddu-galeessaatti ja'a, Kibbatti sadii, naannawaa birootti ammoo namoonni tokko tokko miseensa bulchiinsa yeroo naannichaa ta'an ajjeeffamaniiru jedha.
Odeessaalee lola Tigraay biroo:
- Tigiraayitti 'ji'oota keessatti' beelli mudachuu mala jechuun UKn akeekkachiste
- Kaampii Shiree keessaa dargaggoonni dhibbaan lakka'aman loltootaan fudhataman
- Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraarra uggura visa keesse
- Itoophiyaan gabaasa Tigiraayitti kemikaala fayyadamte jedhu balaaleeffatte
- Loltoonni Itoophiyaa Tigraay keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu ragaaleen mul'isan
Godina Kibbaa keessaa miseensonni bulchiinsa yeroo sagal kan ukkaamfaman yoo ta'u, Kibba-bahaatti shan, godina giddu-galeessaatti afur, akkasumas godina Bahaatti ammoo lama ukkaamamaniiru jeha ibsichi.
Miseensota bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay TPLFn haleellaan irratti raawwatame keessaa afur godina gara garaa keessatti madaa'aniiru jechuun eera gabaasni Wiirtuu kanaa.
Waggoota 30f aangoo mootummaa Itoophiyaa giddu-galeessaa keessatti gahee guddaa qabaachaa kan ture TPLF, waggoota sadii dura jijjiirraa gaggeessummaa dhufe hordofuun giddu-gala ofii Tigiraay godhatee tureera.
Waldhabdeen TPLF mootummaa gidu-galeessaa waliin qabaachaa ture filannoon biyyaalessaa dheereffamuusaa horofee naannoo Tigiraay keessatti filannoo addatti gaggeeffachuusaatiin tarkaanfii mootummaan Federaalaa fudhateen hammaachaa deemuun isaa ni yaadatama.
Sadaasa 2020 gara jalqabaa humnoonni TPLF raayyaa ittisaa mootummaa Federaalaa naannoo Tigiraay keessa jiru irratti haleellaa raawwate hordofee MM Abiy Ahmad tarkaanfiin akka fuhatamu ajajuun isaanii ni yaadatama.
Ajaja sana hordofee tarkaanfii fudhatameenis TPLF aangoo naannoo Tigiraay waggoota 30f ol-aantummaan to'ataa turerraa kaafameera.
Kanaan walqabatees aanga'oonni ol-aanoo baayyeen lola keessatti ajjeefamuufi mootummaa Federaalaan to'atamuun isaaniiru.
Haata'u malee, gareen kun ammayyu Tigiraay naannawaa gara garaa keessa sosocho'uudhaan haleellaa raawwachaa akka jiru odeeffannoon kanaan dura bahan kan agarsiisan yoo ta'u, ibsa mootummaan amma gareen kun ajjeechaafi haleellaa akka gaggeessaa jiru ilaalchisuun baase kunis kanuma mirkaneessa.
Torban muraasa dura Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa TPLFn garee shororkeessaa jechuun farrajuun isaa ni yaadatama.