Lola Tigraay: Itoophiyaan gabaasa Tigiraay keessatti kemikaala fayyadamte jedhu balaaleeffatte

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa The Telegraph lola Tigiraa keessatti meeshaa waraanaa Kemikaalaa fayyaameera jechuun gabaase balaaleeffateera.

Ministeera Dhimma Alaa Itoophiya ibsa dhimmicha ilaalchisuun baaseen akka jedhetti, gabaasni The Telegraph naannoo Tigiraay keessatti meeshaa waraanaa Kemikaalaatiin gubataniiru jechuun gabaase kufaa taasiseera.

Gabaasichi naannoo Tigiraayitti lammileen nagaa Keemikaala Waayit Forferes jedhamuun balaan gubachaa akka irra gahee ibsuun, yakka waraanaa ta'uu akka danda'u ballinaan himeera.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa baase ammoo fallaa gabaasa The Telegraph kanaan, "Itoophiyaan seera meeshaalee Kemikaala idil-adunyaa waan kabajjuuf meeshaalee waraanaa dhorkamanitti hin fayyadamne, hin fayyadamtus," jechuun deebii kenne.

The Telegraph ragaaleen namoonni nagaa Keemikaalaa Waayit Fosferes jedhamuun gubatan akka jiran argachuu himeera.

Namoota ijaan arganiifi kanneen balaan gubannaa irra gahe eeruun, "Loltoonni Itoophiyaafi Ertiraa naannawaa namoonni nagaa jirataanitti meeshaaleen gubaatii cimaa qaqabsiisan faayidaarra olluu isaanii dhugaa ba'u," jechuudhaan gabaasera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gama isaatiin himannaa The Telegraph kana kufaa taasiseera.

"Itoophiyaan biyya haleellaan meeshaan Kemikaalaa irratti raawwate waan taateef meeshaan waraanaa Kemikaalaa qaama kamiiniyyu, biyya kamittiyyu faayidaarra ooluu ni mormiti," jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa kun.

Gabsaani The Telegraph kun, maddeen akka ragaatti eeruun marsariitii isaarratti kan barreesse keessaa tokko daa'ima umuriin waggaa 13 taatee Qisaannat Gabramikaa'el kan jedhamtudha.

Mucaa kanas bilbilaan dubbisuufi erga balaan gubachuun irra gaheen booda suura hospitaalatti kaate kan harki, miilliifi gogaan fuulashee gubachuu agarsiisu jiraachuu himeera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gama isaatiin deebii gabaasa The Telegraph kanaanf kenneen, "Gabaasawwan dogogoraafi hanqina itti-gaafatamummaa qaban akkasii kunneen muddama cimsuun ala faaydiaa akka hin qabaanne hawaasa idil-adunyaatti beeksifneerra," jedheera.

Gabaasichi qaama yaalii Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuuf godamaa jiru keessa tokko akka ta'e ministeerichi beeksiseera.

Gabaasni The Telegraph gama isaatiin, waliigaltee Mootummoota Gamtoomanii Genevaa eeruuhaan lammilee nagaarratti meeshaa waraanaa Kemikaalaa fayyadamuun seera idil-addunyaa kan cabsu ta'uu himeera.

Ogeessa miidhamtoota meeshaa waraana Keemikaalaa dubbisuufi suuraawwan namoota miihamii kunis kan Kaaba-bahaafi Kaaba-lixa Sooriyaatti miidhaa Waayyit Fosferesiin qaqqabu akka walfakkaatu mirkaneeffachuu himu.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni gara garaa lola Tigiraayiin sarbamni mirgoota namoomaa akka raawwatame ni himatu.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa idil-addunyaas gargaarsa namoomaa taasisuun akka hin anda'amne ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin himannaawwan kanneen hin fudhatu.

Ameerikaa abalatee biyyoonni gara garaa dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galaa jiraachuu ibsa.

Yaaliiwwan karaa garaa garaatiin Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuuf raawwatamanis akka hin fudhanne mootummaan beeksisuun isaa ni yaadatama.

Kun osoo kanaan jiruu, mootummaan Ameerikaa qondaaltota mootummoota Itoophiyaafi Ertiraa, akkasumas miseensota waraanaafi tikaa, humnoota naannoo Amaaraatiifi TPLF irratti uggura imalaa taasiseera.