Kaampii Shiree keessaa dargaggoonni dhibbaan lakkaa'aman loltootaan fudhataman

Buqqaattoota Lixa Tigraay irraa magaalaa Shiree keessatti manneen barnootaa adda addaa keessatti dahatanii jiran keessaa dargaggoota dhiibbaan lakkaa'aman loltoota Itoophiyaafi Ertiraatiin hidhamusaanii namoonni ijaan agarree jedhan BBCf mirkaneessan.

Loltoonni kunneen Wiixata halkan gara sa'aatii afuriirratti gara manneen barnootaa baqattoonni kunneen keessatti argaman deemuun ijoollee dhiiraa fudhachuu himu.

Keessattuu mana barnootaa Tsahaayeenaa Wanfiitoo jedhamuutti, ijoollee dhiiraa kutaa keessaa baasuun kaan konkolaataan kan hafan ammoo hiriira galchuun miilaan akka fudhataniifi reebaa akka turan dubbattu namoonni ijaan agarree jedhan kunneen.

Haata'u malee, Raayyaan Ittisa Itoophiyaa dhimmi kanarratti gaafatamuun deebii kenneen ''gocha raawwatamu hin dandeenyeedha,'' jechuun gabaasichi oduu ''sobaatii'' jechuun kuffiiseera.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti Ittigaafatamaa Sabaa Himaa Ummataa Koloneel Geetinat Adaanee ''Raayyaan keenya gonkumaa kana hin raawwatu.

Oduun kana ibsuus hin jiru. Kun gocha ta'uu danda'us miti. Maal barbaadaniiti kana kan raawwatan?'' jedhuun dhimmicha akka hin fudhanne dubbatan.

Haata'u malee, BBCn kan dubbise Bulchiinsa Yeroo Tigraayiitti Bulchaan Godina Lixa Kaabaa Dr Teediroos Aragaawii, ragaan hidhaa kun kaleessa ganama akka isaan qaqqabe himuun ''gochichi maaliif akka raawwatame mirkanneeffataan jira'' jedhan.

''Namoota dhuunfaafi dhaabbilee miti-motummaa naannichatti argaman irraa ragaan na qaqabeera. Sirreeffamni barbaachisu akka taasifamuuf qaama dhimmisaa ilaalatu waliin dubbataa jirra'' jedhan.

Lola naannoo Tigraayiitti Sadaasa 4, 2020 eegaleen walqabatees lammiileen kuma 60 ol ta'an daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti kan baqatan yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakka'aman ammoo bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'uun manneen barnootaa adda addaa keessatti dahatanii akka jiraatan tilmaamama.

Naannichas loltoonni Itoophiyaafi Ertiraa ajjeechaafi miidhaa saalquunnamtii akkasumas sarbama mirgoota namoommaa hedduu raawwachuun himatamu.

Motummaan Ertiraa garuu himannaawwan kanneen akka hinfudhannee haala garaa garaatiin beeksiiseera.

Magaalaa Shireetti maaltu mudate?

Aaddee Lamlam namoota kumaatama sababii lola naannichatti mudateetiin qee'ee isaaniirraa buqa'uun Shiree mana barnootaa Tsahaaya keessatti dahatanii argaman keessaa tokko.

Loltoonni Wiixata alkan naannoo sa'aatii 4:30 gara sana dhaquu kan dubbatan Aaddee Lamlam, ''Ijoollee kiyya sadii na jalaa fudhataniiru. Dargaggoota hedduutuu kaafamee fudhatame,'' jechuun ijoolleen isaanii kan umuriin waggaa 18, 23 fi 25 kanneen fudhataman keessa jiraachu BBCtti himan.

Loltoonni dargaggoo kanneen to'ataniis kan Itoophiyaafi kan Ertiraa ta'uufi kan fudhatanis ijoollee dhiiraa qofaa foo'uun akka ta'e himu.

''Nama qaroo dhabeeyyiin osoo hinhafen reebaniiru. Dubartoota hinbarbaadnu jechuun konkolaataa torbaatti dhiiroota fe'uun fudhatan. Deebii'aniis dargaggoota hedduu miilaan fudhataniiru,'' jedhan.

Sababii dargaggoonnu kunneen itti fufhatamaniif akka itti hinhimamneefi alkan bo'aa buluu himaniiru.

Daanshaa irraa buqa'uun lafa dahoo kaan jiraachu kan dubbataniifi maqaan akka hin dhahamneef gaafatan ammoo abbaan warraasaanii maanguddoon waggaa 78 qabamu ibsan dubartiin biraa gama isaanitiin, looltoonni abbaa warraasaaniifi dargaggoota fudhatan mana kuusaa Gumaa jedhamu keessatti hidhu dubbatan.

''Sababii hidhamaniif gaafachuuf har'a gara Waldaa Fannoo Diimaa deemnee ture. Loltoonni naannicha turanis nutuu fudhate waan ta'eef asitti suuraa ka'uun alatti wanti fiddan omtu hinjiru. Ofuma keenyaan adda baafne gadi dhiifnaatii asi hindeebii'inaa nuun jedha,'' jedhaniiru.

Dabalataanis ''Namoota 500 ta'aniitu fudhatame. Dargaggoo ta'ee maanguddoo reebaatii fudhatanii deeman,'' jedhan.

Manfiitono bakka biraa buqaattoonni itti argaman yoo ta'u, saatii walfakkaatutti namooda adda baafamanii fudhatamuu isaanii namni ijaan arge tokko ibseera.

"Konkolaataawwan dhufanii mooraa marsan. Walitti nu qaban, tokko tokko ammoo uleedhaan dhahan. Warra fayyaa ta'an hunda fudhatanii namoota lama qofaatu hafne. Nuti qaama-miidhamtoota waan taaneef," jeheera.

"Xiqqaas ta'e guddaa namni dhiira ta'e hundumtuu fudhatameera," jedhan maanguddoon gannaa 60 warra buqqa'an keessaa ta'an Obbo Zarhaay Asgedom.

Deebiyanii akka hin dhufne jechuudhaan sodaatanii miseensota maatii isaanii saddet qabatanii dahoo keessa turan sana keessaa kan bahan jiru jedhu.

Nama umuriin isaa waggaa 70 ta'e tokkoofi kan biroo umuriin isaanii waggaa 50 ol ta'an beeku hidhamuu isaanillee ibsaniiru maanguddoon kun.

Mootummaan maal jedhe?

Magaalaa Shireetti ahoon baqattootaa 16 kan ibse bulchiisni yeroo naannichaatti bulchaan Kaaba-lixaa Tigiraay Dr. Tediroos Aragaay, "buqqaatonni manneen barnootaa keessa turan galgala fuhatamuu isaanii odeeffannoo qaba," jedhan.

"Qaama ilaallatu waliin dubbachuudhaan dhimma naamusa waliin walqabate yoo ta'e ykn waldhabdeen yoo qulqulleeffachuun furamu," jechuun lakkoofsa namoota hidhamanii akka hin beekneefi 'Komaad Postii' naannicha bulchaa jiru waliin akka dubbatan beeksisaniiru.

Raayyaan Ittisaatti ubbi himaa kan ta'an Koloneel Geetinnati Adaaneen garuu oeeffanichi "akkanumaan kan uumamedha" jechuun busheessaniiru.

"Raayyaan Itoophiyaa wanta akkasii raawwachuu hin anda'u, nagaa eegsisuutiin addunyaa irratti tokkoffaa ta'ee kan itti fufuha," jechuun sababii ittiin buqqaatota hihuuf hin qabu jedhan.