Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola waraanaa Tigraay: US irra deebiin humnoonni Ertiraafi naannoo Amaaraa Tigraay gadhiisanii akka bahan gaafatte
Ameerikaan loltoonni Ertiraa fi humnoonni Naannoo Amaaraa naannoo Tigraay keessaa atattamaan akka bahaniif irra deebiin gaafatte.
Mootummaan Itoophiyaa, humnoota Naannoo Amaaraa Tigraay keessaa baasuun, bulchiinsi Lixa Tigraay mootummaa Yeroo Tigraay jalatti deebi'uu akka mirkaneessu gaafatte US.
Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa guyyaa Sambataa baaseen, mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa irra deddeebiin humnoonni kunneen akka bahan waadaa galanis hojiitti hin hiikne jedhe.
Humnoonni Eritraa Tigraay keessa jiraachuun tasgabbiifi tokkummaa biyyaaleessa Itoophiyaa ni gufachiisa jedhe ibsi kun.
Waraanni Tigraay keessaa Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman immoo biyyuma keessa qe’eerraa buqqa’anii jiru.
Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.
Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan.
'Duula seera kabachiisuu' jedhame kanarrattis kan hirmaatan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoonni naannoo Amaaraafi loltoonni Ertiraa yakki raawwatan yoo jiraate tarkaanfiin ni fudhatama jechuunis waadaa galanii turan.
Imbaasiin Ameerikaa maal jedhe?
Ibsi guyyaa Sambataa marsariitii Embaasii Ameerikaa Finfinnee jirurra bahe kun [Afaan Ingiliizii], ergaa Ministira hajaa alaa US Antonii Bilinken kan qabateefi dhimma lolli itti fufuufi danqama qarqaarsa namoomaa Tigraayitti jedhuun kan barreeffamedha.
Tigraayiitti humnootiin hidhatan miidhaa saalaa dabalatee sarbama mirga namoomaafi ajjeechaa raawwataa jiraachuu gabaasaaleen amanamoo ta'an hedduutu jira jedha ergaa qondaala kanaa.
''Keessumaa gochaawwan humnoota Ertiraafi Naannoo Amaaraan raawwataman suukanneessaadha,'' jedheera.
Kana maleess humnoonni waraanaa gargaarsi namoomaa kutaalee naannoo Tigraay akka hin geenyeef danquun dabalaa jiraachuun gabaasaalee mirkanaa'oon jiraachuu Ameerikaa baay'ee akka yaaddesse himeera.
Gochi fudhatama hinqabne akkasii kun uummata miliyoona 5.2 naannicha keessatti gargaarsa atattamaa barbaadan balaa hamaaf saaxila jedheera.
Ameerikaan motummaan Itoophiyaafi Ertiraa humnoonni isaanii Tigraay keessa jiran gocha qaaneessaa akka dhaaban gochuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan hunda akka fudhataniif ifatti gaafachuu hima.
Akkasumas qaamoleen hundinuu bu'uura dirqama seera namoomaa idil-addunyaatiin, lammiileef eegumsa barbaachisu gochuu dabalatee, atattamaan lola kamuu dhaabuun namoota rakkina hamaa keessa jiran gargaarsi akka qaqqabuuf hayyamuu qabu jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa adda durummaa fudhachuun qaamooleen gargaarsaa dhorkaa tokko malee guutummaa naannoo Tigraay akka qaqabaniif atattamaan haala mijeessuu qabas jedha ergaan Aabba Bilinken kun.
Dabaluunis, Ministirri Muummee Abiy fi Pirezidaant Isaayyaas humnootii ajjeechaa raawwatan ittigaafatamoo gochuus qabu jedheera.
Ministirri Hajaa Alaa US daawwannaa Ergamaa Addaa Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feeltmaan ilaalchisuun Jimaata darbe ibsa baaseen, Ameerikaan michuuwwan idil-addunyaa waliin ta'uun lolli naannoo Tigraay akka dhaabbattu akka hojjattu beeksisee ture.
Akkasumas Ameerikaan qaamolee sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf michoota ishee waliin kan hojjattu ta'uu himtee jirti.