Laampeedusaa: Godaantonni 1,000 ol odola Xaaliyaan qubatan

Godaantonni 1,000 ol ta’an Dilbata garaagarummaa saa’atii muraasaan odola Xaaliyaan Laampedusaa gahuun qubachuu isaanii miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Bidiruun tokko qofti dubartootaafi daa’imman dabalatee namoota 400 fe’ee akka ture, midiyaan Xaaliyaan Ansa jehamu gabaaseera.

Bulchaan Odolicha Tootoo Marteelloo lakkoofsi goodantoota achi qubatanii dabaluun isaa sababa haala qilleensaa gaarii ture waliin wal qabachuu mala jedhan.

Namoota Awurooppaa seenuu fedhaniif Laampedusaan buufata isa ijoodha.

Bidiruuwwan dabalataa nannoo Maltaatti kan mul’atan yoo ta’u, dhaabbati gargaarsaa Alarm Phone gargaarsi akka isaan barbaachisu ibseera.

“Hojiin lubbuu baraaruu tokkichi namoota 231 ta’an galaanaan nyaatamuurraa olchuu danda’a,” jedha dhaabbatichi.

Jalqaba waggaa kanaa irraa eegalee godaantonni 11,000 ta’an Odola Laampeuusaa kana qubataniiru.

Akka gabaasa Roohitarsttti bara darbee yeroo walfakkaataa keessatti godaantota 4,105 qofatu oddola kan seene.

Ta’us garuu Dilbatarra lakkoofsi godaantota qubatanii tasa dabaluun isaa namni siyaasaa Matteyoo Salviinii ministira muummee Maariyoo Diragii waliin wal arguuf akka gaafatu dirqisiiseera.

“Lammilee Xaaliyaan miliiyoonaan lakkaa’aman rakkoo keessa utuu jiranii, wa’ee goodantoota seeraan alaa yaaduu hin dandeenyu,” jedha.

Salviniin Hagayya 2019tti bidiruun lubbu olchaa godaantoota 100 qabate akka odolicha hin qubannee dhorkuu isaaf mana murtiitti dhiyaachuuf eegachaa jira.

Abbootiin alangaa Siisiilii ministira haajaa alaa biyyaa duraanii kana karaa seeraan alaan hidhuun kan himatan yoo ta’u, kun ammoo hidhaa hanga wagga 15 akka itti murtaa’uu gochuu danda’a.

Waggoota dura bidiruun godaantota Itoophiyaafi Ertiraa irraa ta'an imala galaanaa yeroo dheeraatiin booa Odola Laampedusaa qaqqabuuf akkuma fuullee gahaniin rakkoo isaan mudateen galaana keessatti dhumuun isaanii dubbii ijoo addunyaa ta'uun isaa ni yaadatama.